07/08/2026
Dr. Darajjee Ingidaa Pirezidaantii Haaraa Yuunivarsiitii Jimmaa Ta'anii Muudaman!
Hagayya 1, 2018 A.L.I.
Yuunivarsiitii Jimmaa
**********************
Sirni walharkaa fuudhinsa aangoo Pirezidaantii Yuunivarsiitii Jimmaa har'a gaggeeffameera.
Pirezidaantiin waggoota torba darban Yuunivarsiiticha tajaajilaa turan Dr. Jamaal Abbaafiixaa aangoo isaanii gara Pirezidaantii haaraa Dr. Darajjee Ingidaatti dabarsaniiru. Dr. Darajjeen kanaan dura Pirezidaantii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teknooloojii Finfinnee ta'anii tajaajilaa turan.
Sirnicharratti Ministeera Barnootaatti, Hogganaan Olaanaa Dhimmoota Akkaadaamii, Dr. Eebbaa Miijanaa, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Itti Gaafatamaan Waajjira Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa, Itti Aantoonni Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa, miseensonni Seeneetii fi Boordii argamaniiru.
Dr. Jamaal Abbaafiixaan turtii yeroo hojii isaanii keessatti bu'aawwan galmaa'an keessaa; barnoota hawaasa irratti xiyyeeffate cimsuu, beekamtii idil-addunyaa gonfachiisuu, sagantaalee barnoota digirii lammaffaa babal'isuu, hojii qorannoo fi kalaqaa fooyyessuu, bu'uura misooma dijitaalaa ijaaruu fi imala gara ofiin of bulchuutti ce'uuf qophii cimaa taasisuun hojiilee ijoo ta'uu isaanii yaadachiisan.
Milkaa'ina Yuunivarsiitichi galmeesse keessatti hojii cimaan hawaasa Yuunivarsiitichaa fi hoggantoota hunda irraa taasifame gahee olaanaa qabaachuu isaa eeraniiru. Dhumarrattis deeggarsa fi tumsa yeroo hunda isaaniif taasifameef hawaasa Yuunivarsiitichaa fi hoggantoota mara galateeffataniiru.
Pirezidaantiin haaraan Dr. Darajjee Ingidaa, gama isaaniitiin hawaasa Yuunivarsiitichaa waliin ta'uun, Kaayyoo tajaajila hawaasummaa Yuunivarsiitichaa “Hawaasa Keessa Jirra” jedhu gara qabatamaatti jijjiiruuf, tattaaffii addaa akka taasisan addeessaniiru. Keessattuu, tajaajila hawaasaa babal'isuu, dhimmoota hawaasummaa qo'annoo fi teeknooloojiin furuu, fi walitti-dhufeenya dhaabbatichaa fi hawaasa naannoo gara sadarkaa ol'aanaatti ceessisuun dhimma xiyyeeffannoo dursaati jedhaniiru.
Dr. Darajjeen ibsa isaanii kanaan, tattaaffii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf godhamu cinaatti, hojiiwwan qorannoo fi qo'annoo cimsuu, gara sirna ofiin of bulchuutti ce'uu, fi teeknoolojii babal'isuun hojiiwwan hunda duraa akka ta'an addeessaniiru.
Bakka bu'aan Ministeera Barnootaa Dr. Eebbaa Miijanaa Yuunivarsiitichi misooma biyyaaf gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu ibsanii, gara ofiin of bulchuutti ce'uuf hojii bal'aan yeroo dheeraaf hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Hawaasni Yuunivarsiitichaa sadarkaa hundaayyuu akka hogganaa ta'etti of hubatee wal deeggaruun hojjechuu akka qabu jechuun yaadachiisaniiru. Akkasumas caasaa hojii jiru cimsuun, rakkoolee iftoominaan hiikaa addemaa gara fuulduraatti tarkaanfachuun barbaachisaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru.
Dhumarratti, wantoota mootummaa fi hojii Yuunivarsiitichaa duubatti harkisan irraa fagaachuun hundi walta'iinsaan akka hojjetu waamicha dhiyeessaniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsaa booda Pirezidaantiin haaraan Dr. Darajjee Ingidaa, Pirezidaantii duraanii fi hoggantoota olaanoo Yuunivarsiitichaa waliin ta'uun giddugala qorannoo, laaboraatoorii fi hojii misooma qonnaa Yuunivarsiitichaa daawwataniiru.
Hawaasa Keessa Jirra!
Facebook: https://www.facebook.com/JimmaUniv/
Twitter: https://twitter.com/JimmaUniv
Telegram: https://t.me/JimmaUniversityOfficial
LinkedIn: https://www.linkedin.com/school/jimma-university/
YouTube: https://www.youtube.com/
E-mail: [email protected]