Limu Genat City Communication

Kaayyoon Fuula Feesbuuki kanaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannati fi Uummata gidduutti yaa’insii odeeffannoo sirrii ta'e akka jiraatuf hawaasa magaalichaa waliin wal-Qunnamsiisuudha.

Karoorri Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hin cinne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qa...
10/08/2026

Karoorri Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hin cinne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin dhugooma! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Milkaa'inni waggoota jijjiiramaa Karoora Xiiqii keessatti galmaa'e xumura imalaa miti; bu'uura ce'umsa mootummaafi dinagdee sadarkaa itti aanuutti nu ceesisuudha. Bara hojii 2019 irraa eegalee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa "Karoora Of-danda'uu" hojiirra oolchuun murannoodhaan hojjachaa kan jiru yoota'u, Oromiyaa bajataan, nyaataan, nageenyaan, bu'uuraalee misoomaatiin, humna namaafi hoggansaatiin ofdandeessee dhaabbattu ijaaruuf karoorri sirrii bahee hojiirra oolaa jira. Kaayyoon mootummaa naannichaa injifannoo argame eeguu qofa osoo hinta'iin, gullantaa ol'aanaatti ceesisuun guddina ittifufiinsa qabu mirkaneessuudha.

Ce'uumsi kun guddina dinagdee qofarratti kan xiyyeeffate miti. Dhaloota dorgomaa horachuu, ummata dinagdeen aangessuu, mootummaa ammayyaafi bu'a qabeessa ijaaruu, akkasumas dhaabbilee mootummaa dandeettii raawwachiisummaa olaanaa qaban uumuu irratti hundaa'a.

Bu'uuruma kanaan, jijjiiramni qabatamaan lakkoofsa raawwii hojii qofaan hin madaalamu; hanqinoota caasaa hiikuudhaan, hoggansa ga'umsa qabu ijaaruudhaan, akkasumas sirna mootummaa ummata tajaajiluu dhugaan diriirsuudhaan kan madaalamuudha. Kanaafis, raawwiin hojii hundi qabeenya qabnu, carraa qabnuufi humnoota misoomaa keenya waliin walsimsiifamee kan madaalamuudha. Kunis humna mootummaa, humna ummataafi humna badhaadhina maatii walitti qindeessuun, ce'umsa dinagdeefi mootummaa ariifachiisuun, mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjataa jira.

Walumaagalatti, milkaa'inni Karoora Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hincitne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin kan dhumoodha. Bu'aan isaas kan madaalamu, Oromiyaa of dandassee, dorgomtuufi badhaate ijaaruun ta'a.

Ispoortiin Fayyaadha*****Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti dorgommiin kilaboota kubbaa Miillaa LIMU GE...
09/08/2026

Ispoortiin Fayyaadha
*****
Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti dorgommiin kilaboota kubbaa Miillaa LIMU GENAT MESOB SUMMER CUP guyyaa har'aa bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasin fi Itti Aanaa Kantiibaa fi itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa,CHOU fi Investimentii Magaalichaa Obbo Jaafar Awwal argamanitti bifa ho'aa ta'een eegaleera.

Sagantaa baniinsaa kana irratti gareen International Teakwondo Federation M New Star Saaboom Malaakuu Shumeetiin leenji'uu agarsiisa garaa garaa taasiseera.

Tapha baniinsaa kan taasisaan garee kubbaa miilaa Jimmaa Barrii fi Garee CR7 yoo taa'an galchii tokkoof tokkoon qixa baahaniiru.

Dhuma irrattis Itti Gaafatamaan Waajjira Gurmaa'insa Uummataa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Daggafaa Adimaasuu taphataa guyyaa har'aa Abdulhaafiz Mahammadamiiniin jajjabeessaniiru.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

08/08/2026
Tajaajilli Lammummaa Daandii Misooma Wolooti!******Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti  hojii KTL gannaa...
08/08/2026

Tajaajilli Lammummaa Daandii Misooma Wolooti!
******
Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti hojii KTL gannaa keessaa ijoo kan ta'e sagantaan Dhiigaa mootoo "dhiiga ko harmeekoof" jedhuun gaaggeeffamaa ture dhiiga yuunitii 204 wolitti qabuun xumurameera.

Dhiigni sassaabame kunis lubbuu haadholee fi daa'immanii, akkasumas namoota sababa balaa uumamaa fi namtolcheetiin dhiiga barbaadaniif kan ooluu ta'uu itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Guutamaa Kadir dubbataniiru.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🌹🙏

Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti sagantaan arjooma dhiigaa eegaleera.Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hat...
08/08/2026

Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti sagantaan arjooma dhiigaa eegaleera.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

Bulchuun Nageenya!*****Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti Waltajjiin Mana Marii Nageenyaa bakka Kantiib...
07/08/2026

Bulchuun Nageenya!
*****
Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti Waltajjiin Mana Marii Nageenyaa bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Kabajamoo Obbo Bustaan Yaasin argamanitti qooda fudhattoota waliin gaggeeffame.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Bustaan Yaasin nageenyi bu'uura waamaraa waan ta'eef qaamni hundi qaamolee qindoominaa waliin dammaqiinsaan hojjechuun nageenya waaraa itti fufsiisu akka qabu dubbataniiru.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

Tajaajilli Lammummaa Daandii Misooma Wolooti!*******Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Gandoolee hunda kees...
07/08/2026

Tajaajilli Lammummaa Daandii Misooma Wolooti!
*******
Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannat Gandoolee hunda keessatti hojiin kenna tajaajila lammummaa cimee itti fufee jira.

Guyyaa har'aas Ganda Shanan Limmuutti Qindoominaa Kolleejjii Poolii Teekinikaa Magaalaa Limmuu Gannatiin bakka Itti Gafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Huseen Duraa,Itti Gaafatamaa Daarikteera Siyaasaa Magaalichaa Obbo Mahammad A/Karam,Diinii Kolleejjii Poolii Teekinikaa Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Saabir Jamaal fi Bulchaan Ganda Shanan Limmuu Obbo Awwal A/Diggaa fi qooda fudhattoonni argamanitti ijaarsi mana harka qalleeyyii bifa ho'aa ta'een itti fufeera.

Itti Gaafatamaan Waajjiira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalichaa Obbo Huseen Duraa hojiin Kenna tajaajila lammummaa humna woloon raawwatu gandoolee magaalichaa hunda keessatti cimee kan itti fufe ta'uu dubbataniiru.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

06/08/2026

የባህር ዳር ደጃዝማች በላይ ዘለቀ ዓለም አቀፍ አውሮፕላን ማረፊያ አዲሱ ተርሚናል ምርቃት።
Abiy Ahmed Ali

 Raawwiin Hojii Xiyyeeffannoo Qoratame.*****Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti raawwiin hojii xiyyeeffa...
06/08/2026

Raawwiin Hojii Xiyyeeffannoo Qoratame.
*****
Godina Jimmaa Bulchiinsa Magaalaa Limmuu Gannatitti raawwiin hojii xiyyeeffannoo bakka Itti Gafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Limmuu Gannat Obbo Huseen Duraa fi Itti Aanaa Kantiibaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa, CHOU fi Investimentii Magaalichaa Obbo Jaafar Awwal,Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalichaa Aadde Ashraqaa Rashiid argamanitti qooda fudhattoota hoggansa Magaalaa,Manajimeentii Sektarootaa,Gurmaa'insa Gandaa fi Caasaa gandaa gadii waliin qoratameera.

Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalichaa Obbo Huseen Duraa hojiiwwan waliigalaa bifa wal-fakkaataa taheen raawwachuun fayyadamummaa hawaasaa fi galma mootummaa jijjiiramaa mirkaneessuu keessatti hoggansi gaheen caasaa sadarkaan jiru murteessaa ta'uu himanii;hojiiwwan xiyyeeffannoo yeroo barbaadametti raawwachuun dirqama qaama hundaa ta'uu dubbataniiru.

Itti Aanaa Kantiibaa fi Itti Gaafatamaan Waajjiira Daldalaa,CHUOfi Investimentii Magaalichaa Obbo Jaafar Awwal jijjiirama qabatamaa biyyi keenya galmeessa jirtuuf gaheen caasaa sadarkaan jiruu olaanaa ta'uu himanii;Hojiiwwan kenna tajaajila lammummaa ganna kana hojjetaman ariitii fi qulqullinaan raawwachuun daandii misooma woloo milkeessuuf qaamni hundi gahee isaa qixaan baahachuun dirqama akka ta'ee dubbataniiru.

Dhuma irrattis ciminootaa jiran jajjabeessuun hanqinoota mul’atan bu'uura irraa furuuf kallattiin hojii fuula duraa kaa'ameera.

Odeeffannoo Magaalaa keenyaa hatattamaan argachuuf 👇🌹👇

👉Facebook :- https://www.facebook.com/profile.php?id=61577513041420&mibextid=ZbWKwL
👉TikTok:- https://www.tiktok.com/.city?_r=1&_t=ZS-950LSFI4daS0
👉Telegram:- https://t.me/limugenatcitycommunication
👉YouTube:- https://youtube.com/?si=4sgIZSgH5WMOMlBH
👉Twitter:- https://x.com/CityLimu33614
👉Instagram:- https://www.instagram.com/limugenatcity?igsh=MTdsMzRiYW45YWIwaw==

Nu hordofuu keessaniif galatoomaa🙏🙏🙏

Address

Limu Genet
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Limu Genat City Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share