Dr Ahmed Cooraa

Dr Ahmed Cooraa Ani Anuma

Egypt's UN Rant Rejected as Ethiopia's Sovereignty Prevails🇪🇹💢📍In a momentous shift for regional hydro-politics, Sudanes...
12/09/2025

Egypt's UN Rant Rejected as Ethiopia's Sovereignty Prevails🇪🇹

💢📍In a momentous shift for regional hydro-politics, Sudanese General Mohamed Hamdan Dagalo's declaration, "We are happy with the completion of the Grand Ethiopian Renaissance Dam," prioritizes cooperation and shared benefits over long-standing rivalries. This bold statement, combined with Sudan's willingness to work with Ethiopia on power utilization, has rendered the Arab League's threats obsolete and exposed Egypt's frantic UN appeals as a failed attempt to undermine Ethiopia's sovereign right to development. The international community, by siding with Ethiopia and dismissing Egypt's complaint, has solidified the GERD as a powerful symbol of Ethiopian sovereignty and a testament to African self-reliance, proving that truth and mutual benefit can triumph over political pressure and historical grievances.

06/09/2025

Cichoomina
BU'UURA CIMAA BIYYA JABDUU!

Injifannoowwan Galmaa’aan Bu’aa Cichoomina Lammilee Itoophiyaati!

Itoophiyaan baroota dheeraaf qormaata keessoofi alaaf osoo hin jilbiinfatin birmadummaafi eenyummaan ishee wareegama qaalii kaffalameen tikfamee cichoomina lammileen ishee agarsiisaniin biyya walharkaa fuudhinsa dhalootaan ijaaramaa as geessedha.

Seenaawwan darban hundi kan agarsiisu injifannoowwan duraa duubaan galmaa’aa dhufan bu’aa cichoomina lammilee jaalala, kabajaafi ulfina biyya isaaniif qaban irraa kan madde ta’uu isaati.
Tokkummaafi cichoomina olaanaa sabootni, sablammootniifi uummattootni keenya agarsiisan keessaa ijaarsa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa angafummaan kan eeramudha.

Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa dabalatee injifannoowwan imala badhaadhinaatiin galmaa’aa jiran ashaaraa waloo dhaloota haaraa copha bishaanii, dafqaafi dhiigaan galmaa’aa jiru faajjii cichoomina Itoophiyaati.

Qaammee tokko guyyaan cichoominaa wayiita kabajamu bu’uura Cimaa Biyya Jabduuf kaa’uuf waadaa keenya kan itti haaromsinu guddina caalmaaf kan itti hojjetamudha.

30/12/2023
Congratulations 4 All My Lovely Team🎊🎉🎀Really We Proud Of U❣️🎈🎈🎈🎈🎖️🏆🏅🥇🥈🥉🎖️🏆🏅🥇🥈🥉
30/12/2023

Congratulations 4 All My Lovely Team🎊🎉🎀
Really We Proud Of U❣️🎈🎈🎈🎈
🎖️🏆🏅🥇🥈🥉🎖️🏆🏅🥇🥈🥉

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Aanaalee Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira.Bu'u...
28/12/2023

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Aanaalee Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira.

Bu'uuruma kanaan dorgommiiwwan guyyaa har'aa 18/04/2016 gaggeeffameen.

Saddeeqa Abbaa Boolla “12”
Dhiiraan

1. Shabee Vs Guumaay 2-0
2. Dedoo Vs Sigimoo 2-0

Saddeeqa Abbaa Boolla “12”
Dubaraan

1. N/Gibee Vs Guumaay 2-0
2. Naaddaa Vs Qarsaa 0-2
3. Saxxammaa Vs Shabee 0-2
4. Geeraa Vs C/Botor 2-0

Saddeeqa Abbaa Boolla “18”
Dhiiraan

1. Saxxammaa Vs N/Beenjaa 2-0

Saddeeqa Abbaa Boolla “18”
Dubaraan

1. C/Botor Vs Dedoo 2-0
2. Sigimoo Vs N/Beenjaa 2-0

Shaah Dhiiraan

1. N/Gibee Vs C/Botor 0-2
2. L/Kossaa Vs L/Saqqaa 2-0
3. Dedoo Vs Maannaa 2-0
4. L/Kossaa Vs Shabee 0-2
5. Dedoo Vs C/Botor 2-0
6. Maannaa Vs L/Saqqaa 2-0

Shaah Dubaraan

1. C/Botor Vs Geeraa 2-0
2. Shabee Vs Maannaa 0-2
3. Gommaa Vs Sokorruu 0-2
4. Sigimoo Vs L/Saqqaa 0-2
5. Dedoo Vs Qarsaa 2-0
6. N/Gibee Vs L/Kossaa 2-0
7. N/Gibee Vs L/Saqqaa 2-0

Buub Dhiiraan

1. Gommaa Vs Saxxammaa 0-2
2. L/Kossaa Vs Shabee 2-0
3. Dedoo Vs S/Coqorsaa 1-1
4. C/Botor Vs Naaddaa 2-0

Buub Dubaraan

1. L/Kossaa Vs Shabee 2-0
2. N/Gibee Vs Gommaa 2-0
3. Saxxammaa Vs Geeraa 1-1
4. Dedoo Vs O/Beeyyam 2-0
5. Qarsaa Vs Naaddaa 0-2
6. C/Botor Vs L/Saqqaa 2-0

Korboo dhiiraan Aanaalee Walakkaa xumuraaf darban.

1. Sokorruu
2. L/Kossaa
3. O/Beeyyam
4. Guumaay

Korboo Dubaraan Aanaalee Walakkaa Xumuraaf darban.

1. Dedoo
2. Qarsaa
3. N/Gibee
4. S/Coqorsaa

Wallaansoo Xumura kan argate.

Dubaraan KG-48-52

1ffaa- Aanaa Dedoo - Atikaa Qaadii
2ffaa- Aanaa Sokorruu- Ayishaa Tamaam
3ffaa- Aanaa O/Naaddaa - Zabiibaa Naziif

Dubaraan KG-63-67

1ffaa- Aanaa Maannaa - Jiituu Zeenuu
2ffaa- Aanaa Sokorruu- Faasikaa Shifarraaw

Haaluma kanaan dorgommiin guyyaa boriis akkaatuma sagantaa isaatiin itti fufee kan gaggeeffamu ta'a.

28/12/2023



Silaa namuu akkanuma tahee***************Kaliifa 2ffaa Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii ...
27/12/2023

Silaa namuu akkanuma tahee
***************
Kaliifa 2ffaa Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii namicha tokko qabanii hidhanii gara amiira islaama umar fidan.
“Yaa Amiiral Islaama Namichi kun abbaa keenya nu jalaa ajjeesee jiraatii haddii (adabbii) akka itti nuuf murteessitu barbaanna” jechuun gaafatan.

Umar “Abbaa isaanii Maaliif ajjeefte?” jedhee Umar namicha ni gaafate.

NAMICHA “Yaa amiira mumiintoota Ani tiksee gaalaa ti ajjeechaaf yaadee miti,
Gaalli kiyya tokko lafa dallawa isaanii irraan achii laatee muka irraa baala osoo nyaatutti jiruu abbaan isaanii dhagaan darbatee gaala koo na jalaa ajjeese. 🐪🐫

Aniis dhagaa inni darbate gaala kiyya sanaan dhawe san fudheen yommuu darbadhu abbaa isaanii duraa ajjeese.” Jedhe

UMAR(R.A) " yoo ajjeesuu kee amante tahe atiis adabbii du'a sitti murteeffamee jira jedheen.

NAMICHA “Tole murtii kana jaladheera garuu guyyaa sadi qofa naaf kennaa deebi'etiin dhufaa yoo naaf hayyamtu ta'e,
ani abbaan kiyya yommuu du’u anaa fii obboleeyyan kiyya xixiiqqoo waliin sanduuqa (qabeenya dhoksaan kaawwame) amaanaa ijoolleef qoodi jedhee natti kennee ture. Yoo ani asitti du’e immoo qabeenyi sun lafatti bada, ilmaan xixiqqoon yatahamaani waan nyataan dhabanii beelawuu naaf hayyama, biyyii keenyas fagoodha, kanaaf akkaan daddafee amna guyyaa 4 guyyaa sadii keessatti dhufuuf naaf hayyamaa.

UMAR R.A " kanaaf hanga ati dheeyxee deebituutti eenyuutu wabii siif taha ree? Jedheen

NAMICHA, namoota islaama walitti qabamanii tatta'aan tokko keessa oliif gad daddeeme nama tokko ilaale namni inni beeku tokkolleen keessa hin jiru, booda “namicha kana” jedhee nama tokkotti akeeke. Namichi asaabticha beekkamaa Abbaa zarriil khiffaari ture

UMAR, R.A “Yaa Abaa Zarri namicha kanaaf wabii ni taataa?” jechuun Umar (R.A) gaaffate.

ABBAA ZARRII R.A Eeyyan yaa Amiiral Mu’umiinaa jechuun deebiseef.

NAMICHA Eegasii ni deeme.

Guyyaan 1ff ni dabre.

Guyyaan 2ff nidabre

Gaafa guyyaa sadaffaa irratti namichi yoo hin dhufnee adabbiin du'a waan Abaa Zarriin irratti raawwatamuuf asaaboonni ni rifatanii muka irraatti ol-bahaani namicha ilaalaan namichii hin jiru, abbaa zarriin hidhamee du'aaf deemu. 😭

NAMICHA. guyyaa sana namichi salaata magriibaa dura osoo fiiguu hafuurrii itti citaa, booda carqii adii harkattii qabatee samii keessa ol-qabaa 🏃‍♂️fiigichaan dhufe.
Figichaan waan dhufeef akka dadhabee ture fuula isaa irraa ni
beekkama ture. Maashaa allah maali namni akkasii osoo arra ta'ee eenyuutu du'aaf deebi'ee dhufa?

Namichi dhufeetii Umarin (R.A) fuuldura dhaabbachuudhaan “Yaa amiira muuminaa qabeenya obboleewwan kiyyaa fii obboleewwan haadha kiyyaatiif kenneetiin dhufe jadheen.
Amma to’annaa kee jalaan jira murtii narratti raawwadha” jechuun dubbata. Subahaanaallh

UMAR. R.A ni ajaa’ibsiifate.
Osoo achiin baddee hafuu dandeessuu akkamitti deebitee dhufte? Jechuun gaafateen.

NAMICHA, Bara keenya kana keessa “Namoota jiddutti jecha beellamaa guutu(waadaa) walii
kabajuun hafe akka hin jedhamneef sodaadheetiin” jedhetiin maqaa diin/amantii islaama/ sababa kiyyaan akka hin xiqqanneef, waada guutuufiin dhufe. Jadhe. Allahu akber☝

UMAR R.A gara Abaa Zarritti gara galee
“Yaa Abbaa Zarri! Namicha kana nibeeyta Turte mo?

ABBAA ZARRi " lakkii hin beekuu"

UMAR R.A "Osoo hin Beekiin akkamitti wabii taateef?” jechuun gaafate.

ABBAA ZARRII “Anii wabii isaa kaniin ta’eef zamana keenyatti namoota jidduu hojiin Kheeyrii dhabamte islaamni waliif hin dhabbattu kan lubbuu waliif kennuu hin jiru akka hin jedhamneef sodaadheetiin” jedhee deebiseef.☝️

IJOOLLEEN DARGAGGOOTA Yeroo san ijoolleen abbaan isaanii jala du'e kanaan qalbiin obboleeyyan abbaan
isaanii jalaa ajjeefame baayyee qalbii captain bo'aani qalbiin xuqamte.
“ Wallaay nutiis dhiifne adabbiin akka isa irratti hin raawwatamne afwii (dhiifama) isaaf goonee jirra” jedhan.

UMAR R.A "maaliif Dhiiftaan"? Jedhee isaan gaafate. Namoonni achii turan akkuma jiraniin dubbicha hordofaa turan boha jiru😭😭😭

DARGAGGOOTNI yeroo deebii kennan
“nutis Bara keenya kana keessaatti immoo namoota jiddutti afwii walii godhuun dhabame akka hin jedhamneef sodaanneetii” jedhanii deebisan.

Subhaa nallah!
Aniis immoo namoonni waan kheeyrii dhagahan waliif hin dabarsan akka hin jedhamneef sodaadhee kunoo seena kana
isiniif dabarseetiin jira.
By Abdulwahid Ibraahim
ALLAHU AKBAR☝

25/12/2023
Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama deesseFinfinnee, Mudde 14...
25/12/2023

Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama deesse

Finfinnee, Mudde 14, 2016 (FBC) - Dubartiin Ameerikaa gadameessa lamaa qabdu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti ijoollee lama da'uu ibsameera

Dubartiin kun daa'imman lamaan da'uuf sa'aatii 20'f ciniinsuu keessa turte.

Dubartiin Umuriin waggaa 32 Yunivarsiitii Alabaamaa Hospitaala Birminghaam (UAB) keessatti mucaa durbaa tokko Kibxata, ishee lamaffaa ammoo gaafa Roobii deesse.

Isheen jalqabaa Raaksii jedhamtu Kibxata naannoo sa'aatii 19:45tti karaama uumamaan dhalatte. Isheen lamaffaa Reebel jedhamtu ammoo Roobii saatii 10 ishee jalqabaa biraa haftee mala 'C-section' jedhamuun dhalachuu BBCn gabaaseera.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Yunivarsiitiin Finfinnee yeroo duraaf barattoota Lakkuu sadii simate.Yunivarsiitiin Finfinnee seenaasaa keessatti yeroo ...
25/12/2023

Yunivarsiitiin Finfinnee yeroo duraaf barattoota Lakkuu sadii simate.

Yunivarsiitiin Finfinnee seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf barattoota Lakkuu sadii simatee jira.

Obbolaawwan sadeen Yeqaal’aab Abbabaa, Ye’aab Tsaggaa Abbabaafi Ye’aabsiraa Abbabaa qormaata seensa Yunivarsiitii Bara 2015'n tokkoon tokkoon isaanii qabxii 340 fiduun Yunivarsiitii Finfinnee seenanii jiru.

Obbolaan sadanis simannaa Yunivarsiitichi isaaniif taasisetti gammadneerra jedhan.
Guyyoota shanan itti aananittis barattoota haaraa simachuuf qophaa'uu Yunivarsiitichi beeksisee jira.

Aanaa Cooraa Botoritti Sassaabbiin Oomishaa Gaggeeffamaa Jira.Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti Sosochiin Sassaabbii ...
06/11/2023

Aanaa Cooraa Botoritti Sassaabbiin Oomishaa Gaggeeffamaa Jira.

Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti Sosochiin Sassaabbii Oomisha gannaa rooba jelaa galchuuf godhamaa jiru Ganda C/Adarootti cimee itti fufee jira.
:
:
:
:
:
:
:
Oomishi kan Dargaggoo Adda-Duree Mohammedzen Fayyeeraati🙏

Address

Jimma

Telephone

+251944931019

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Ahmed Cooraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dr Ahmed Cooraa:

Share