Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

18/05/2026
30/04/2026

22/08/2018

Murtii Barsiisaa

Himatamtoonni waliin ta’uun Yakka Ajjeechaa Cimaa raawwatan Hidhaa cimaa waggaa 21(digdamii tokko)tiin adabamanii jiru.
Himatamtoonni Maqaan isaanii 1ffaa Dilbii A/Goojjam A/Diiduu, 2ffaa A/Jihaad A/Foggii A/Waajjii fi 3ffaa Najiib A/Jihaad A/Foggii jedhaman waliin ta’uun nama Ajjeessuudhaaf yaadanii dursanii itti qophaa’uudhaan gaafa guyyaa 17/12/2017 tilmaamaan galgala irraa sa’aatii 2:30 yemmuu ta’utti Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Magaalaa Sarboo iddoo addaa naannoo Batskaanaa Gabreelii jedhamee beekamutti miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Riyaad A/Zinaab jedhamu, waldhabdee dhimma lafaa irratti himatamtootaa fi maatii miidhamaa jidduu ture haaloo qabachuudhaan karaatti eeggatanii lola itti kaasanii himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan miidhamaan akka ofirra hin ittisneef harka isaa gara duubatti yommuu qaban himatamaa 1ffaan immoo cuubee/billaadhaan garaa irra si’a 1(tokko) waraanun waliin ta’uun ajjeessuu isaanii eeruun dhiyaatee, Qorataan Poolisii fi A/Alangaa Aanaa qarsaa ragaa namaa fi sanadaatiin deeggaruun qulqulleessanii Galmee Aangoo Godinaa Waan ta’eef galmeen qorannaa waajjira A/Alangaa Godina jimmaatiif dhiyaatee A/Alangaa Godinaa Jimmaas himatamtoonni kun seera yakkaa bara 1996 bahe keew.32(1)(A) fi 539(1A) irra darbuudhaan yakka Ajjeechaa namaa cimaa waliin ta’uun raawwatanii jiru jechuudhaan himannaa Mana Murtii Ol’aanaa Godina Jimmaatti dhiyeessee jira. Manni Murtichaas ragaan A/Alangaa dhagahee ragaan dhiyaate himannaa dhiyaate waan mirkaneessef himatamtoonni keewwata seera ittiin himataman jalatti akka ofirraa ittisan ajajee himatamtoonnis ragaa ittisaa kan dhiyeeffatan yoo ta’u, ragaan ittisaa isaanii himannaa isaan irratti dhiyaate irraa ittisu waan hin dandeenyef, bu’uura s/d/f/y keew.149(1)tiin keewwata seera ittiin himataman jalatti balleessaa jedhamuudhaan dhaddacha gaafa guyyaa 20/08/2018 oolen tokkoon tokkoo isaanii Adabbii hidhaa cimaa Waggaa 21(digdamii tokko) tiin adabamanii jiru.

Bitootessa 30/2018W/ri Abbaa Alangaa Godina Jimmaa gamaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa caasaa isaa sadarkaa Aanaa wal...
08/04/2026

Bitootessa 30/2018

W/ri Abbaa Alangaa Godina Jimmaa gamaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa caasaa isaa sadarkaa Aanaa waliin gaggeesse!

Sagantaan gamaaggama raawwii hojii karoora kurmaana 3ffaa waajjira abbaa alangaa Godina Jimmaa bakka manajmantiin Godinaa, Itti gaafatamtootni fi Abbootiin Adeemsa Aanaalee argamanitti kan gaggeefamaa oole yammuu ta'u, gabaasni Aanaalee filatamanii fi duubdeebiin raawwii hojii fi bu'aa dawwannaa hojii Aanaalee taasifamaa tureen ciminnii fi harcaatiin jiru dhihaatee marii bal'aan erga irratti gaggeefamee booda, cimina jiru itti fufsiisuun harcaatii jiru immoo fooyyeessun raawwii hojii caalmaa qabu galmeessuuf hojii kurmaana 4ffaatti xiyyeefannoo barbaadu irratti kallattiin kennamuun xumuramee jira.

30/03/2026

Address

Jimmaa Zone Attorney Office
Jimma
1537

Opening Hours

Monday 08:00 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:00
Wednesday 08:30 - 17:00
Thursday 08:30 - 17:00
Friday 08:30 - 11:30
13:30 - 17:00

Telephone

+251471110484

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa:

Share