Waajjira Galiiwwanii Aanaa Limmuu Kossaa

Waajjira Galiiwwanii Aanaa Limmuu Kossaa Madda galii adda addaa galii aanichaa akka guddatuuf hojjechuu!

Gandoota Qonnaan Bulaa Aanaa Limmuu Kossaa Hundaaf:Sassaabbii Gibira Galii Qonnaan Bulaa bara 2014 sassaabuuf Karoorfame...
03/11/2021

Gandoota Qonnaan Bulaa Aanaa Limmuu Kossaa Hundaaf:
Sassaabbii Gibira Galii Qonnaan Bulaa bara 2014 sassaabuuf Karoorfame yeroo gabaabaa torbee tokko hin caalle keessatti daguugdanii sassaabuun galii akka gootan isiniin jenna.
Yeroon Gibira Kaffaluun dirqama lammummaa ba'achaa qabeenya ofiif wabii argachuudha!!!

HAGAYA 19/2013LEENJII DALDALTOOTA SADARKAA "A" fi "B"Leenjiin kun kan kenname Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009fi La...
25/08/2021

HAGAYA 19/2013
LEENJII DALDALTOOTA SADARKAA "A" fi "B"
Leenjiin kun kan kenname Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009fi Labsii Bulchiinsa Taaksii MNO lakk.203/2009 irratti yemmuu ta'u,Keessumaa Dhimmoota dhiyeessa galmee herregaa,itti fayyadamaafi bulchiinsa nagahee fi MGGfi yeroo beeksisa taaksii fi gibiraa irratti bal'inaan kennameera.
Galiin Misoomaaf!!!

HOJII KTL:Hojii KTL qindeessummaa ATGaliiwwanii Damee ALKossaatiin dargaggoo daldala irratti bobba'an hirmaachise koree ...
16/08/2021

HOJII KTL:
Hojii KTL qindeessummaa ATGaliiwwanii Damee ALKossaatiin dargaggoo daldala irratti bobba'an hirmaachise koree hundeessuun sochii taasisaa ture har'a mana harka qalleeyyii umrii isaanii dheeraa RIB ta'anii tajaajilaa turaniifi amma dhukkubsatanii jireenya rakkoo jiraataa jiran ijaaruuf hojiin jalqabameera.
Akkuma jalqabnetti ni xumurra!!!

BAGA GAMMADDAN:Hojii sassaabbii galii bara 2013tiin akka godina Jimmaatti raawwii ol'aanaa galmeessuudhaan madaallii gag...
10/08/2021

BAGA GAMMADDAN:
Hojii sassaabbii galii bara 2013tiin akka godina Jimmaatti raawwii ol'aanaa galmeessuudhaan madaallii gaggeeffameen waajjirri A/T/Galiiwwanii Damee A/L/Kossaa sadarkaa 3ffaa ba'uun abbaa geebaa ta'eera.Milkaa'ina hojii kanaaf hojjettoonni w/ra A/T/Galiiwwanii Damee A/L/Kossaa bu'aa dhamaatii fi dadhabbii keessanii arguu keessaniif baga gammaddan!!!

GUDDAA GALATOOMAA!!!Aanaan keenya rakkoowwan turan hunda dandamachuun injifannoo guddaa kana akka galmeessiftuuf gaheen ...
09/08/2021

GUDDAA GALATOOMAA!!!
Aanaan keenya rakkoowwan turan hunda dandamachuun injifannoo guddaa kana akka galmeessiftuuf gaheen gaggeessitoota Aanichaa,hojjettoota A/T/Galiiwwanii Damee A/L/Kossaa,qaamolee nageenyaa fi hawaasa bal'aa ol'aanaadha waan ta'eef guddaa galatoomaa!!!
Galiin Misoomaaf!!!

BEEKSISADALDALTOOTA SADARKAA 'B' HUNDAAF:Bu'uura Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009 keewwata 79 keewwata xiqqaa 4tiin...
05/08/2021

BEEKSISA
DALDALTOOTA SADARKAA 'B' HUNDAAF:
Bu'uura Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009 keewwata 79 keewwata xiqqaa 4tiin kaffaltoonni gibiraa sadarkaa "B" gibira beeksisanii kan kaffalan Adoolessa1-Qaammee5/6tti waan ta'eef yeroo jedhame keessatti dhuftanii akka kaffaltan!
Galiin Misoomaaf!!!

YAADACHIISA XUMURAADaldaltoota Sadarkaa 'C' Hundaaf:Akkaataa Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009 keewwata 80 keewwata ...
01/08/2021

YAADACHIISA XUMURAA
Daldaltoota Sadarkaa 'C' Hundaaf:
Akkaataa Labsii Gibira Galii MNO lakk.202/2009 keewwata 80 keewwata xiqqaa 4tiin yeroon gibirri itti kaffalamu Adoolessa 1-30tti qofa ta'uun beekamaadha.Kanneen yeroo jedhame kana keessatti dhuftanii dirqama keessan ba'attan galatoomaa jechaa kanneen hanga yoonaa hin kaffalin jirtan guyyoottan hafan keessatti utuu adabbiifi tarkaanfii biroof hin saaxilamin dhuftanii akka kaffaltan isiniin jenna.
Gibira Kaffaluun Mallattoo Qaroominaati!!!

HOJII TAJAAJILA LAMMUMMAAHojii tajaajila lammummaatiin hojjettoonni A/T/Galiiwwanii Damee A/L/Kossaa hojjetaa miseensa i...
26/07/2021

HOJII TAJAAJILA LAMMUMMAA
Hojii tajaajila lammummaatiin hojjettoonni A/T/Galiiwwanii Damee A/L/Kossaa hojjetaa miseensa isaanii turaniifi dhukkubaan mana isaaniitti deebi'anii jiran mana isaanii deemanii dubbisuun kennaa Ayyaanaa kennaniiru!

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii D/A/L/Kossaa Hojiin sassaabbii gibiraa hojii qaama muraasaan milkaa'u miti jechuun tola-oolt...
14/07/2021

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii D/A/L/Kossaa Hojiin sassaabbii gibiraa hojii qaama muraasaan milkaa'u miti jechuun tola-ooltotaaf hubannoo ga'aa kennuun hojiitti galcheera.Hojii kanaanis jijjiiramni guddaan kan itti mul'ateedha!

A/T/Galiiwwanii D/A/L/Kossaatti Tola_ooltota qindeessuun hubannoo kennuun hojiitti galfameera.Hojiiwwan hojjetaa jiran m...
14/07/2021

A/T/Galiiwwanii D/A/L/Kossaatti Tola_ooltota qindeessuun hubannoo kennuun hojiitti galfameera.Hojiiwwan hojjetaa jiran manaa mana deemanii dadammaqsuu,daldaltoota haaraa gara saaphana taaksiifi heeyyamaatti fiduu hubabannoo uumuu,tartiiba qabsiisuufi hojiiwwan mana hojichaa biroos deeggaruu fikkf dha.kanaaf nutis cinaa isaanii dhaabbannee deeggaruun haatumsinu!
Galiin Misoomaaf!!!

Addunyaa kana irratti Gibiraa fi Du'a Irraa Hafuun Hin Danda'amu!!!
11/07/2021

Addunyaa kana irratti Gibiraa fi Du'a Irraa Hafuun Hin Danda'amu!!!

ADOOLESSA2/2013LEENJII DALDALTOOTA A/L/KOSSAATIIF KENNAME:Leenjichi kan kenname Labsii gibira galii MNO lakk.202/2009 fi...
09/07/2021

ADOOLESSA2/2013
LEENJII DALDALTOOTA A/L/KOSSAATIIF KENNAME:
Leenjichi kan kenname Labsii gibira galii MNO lakk.202/2009 fi labsii bulchiinsa gibiraa lakk.203/2009 irratti.
Dabalataan I/G waajjira A/T/Galiiwwanii Damee A/L/ Kossaa yaada kaasaniin barri kun bara itti injifannoo dachaa galmeessineedha,kanaaf baga gammaddan baga gammanne jedhan.Itti aansuun bara kana karoora ulfaataa karoorfannee jirra, kana raawwachuuf immoo tokko tokkoon keessan gibira isin irraa barbaadamu yeroon dhuftanii kaffaluun kanneen seeraan alaa yoo jiraatan irratti waliin qabsaa'uun akka gara saaphana taaksiitti dhufan gochuun karoora keenya raawwachuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Address

Limmuu Gannat
Jimma
GALIIWWAN

Telephone

+251472240535

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Galiiwwanii Aanaa Limmuu Kossaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share