G/W/Lixaatti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsoo

G/W/Lixaatti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from G/W/Lixaatti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsoo, Post office, Jarso (1).

22/01/2024

HUBANNOOF ::::Godina/ W/Lixaa Aanaa Jaarsoo Ganda Nya'aa Hidhabuu bakka addaa Garee Kaajaa jedhamu keessatti Gaafa guyyaa 20/01/2016 tilmaama Waaree Booda sa'a 10:30 yeroo ta'uutti Shakkamaan Maqàan isaa "X"jedhamu Miidhamaa dhuunfaa "Y" jedhamutti Lola itti kaaseen booda Gurra isaa bitaa irraa Kuteera jechuun Waajjirri Poolisii Aanaa Jaarsoo Galmee ergaa Qulqulleesseen booda Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsoof dabarseen Abbaan Alangaas Ragaa Namaaf Sanadaa ergaa Qorateen booda Himata itti hundeessuun Mana Murtii Aanaa Jaarsootti dhiyeesseen Manni Murtiis Himata dhiyaate ergaa fuudhee ilaaleen booda , Ragaa Namaaf Sanadaa abbaa Alangaa qorachuun balleessaa ergaa jedheen booda Himatamaaf fakkaattota isaa hin barsiisa Kan jedhe dhaddacha gaafa 13/5/2016 ooleen hidhaa Cimaa Waggaa Sadiin adabeeraa!!!Kanaaf ummannii keenya kana hubatee YAKKA kami iyyuu irraa of haa ittisuun dhaamsa Keenyaa!!!

18/12/2023

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallagga Lixaa

18/12/2023

Godina Wallagga lixaa Aanaa Jaarsoo Ganda 02 bakka addaa Naannoo Kamboo jedhamutti shakkamaa Maqaa Isaa 'X' jedhamu guyyaa gaafa 28/1/2016 Waaree booda Tilmaamaan sa'a 9:00 irratti Qabeenya Waajjira Bishaanii Aanaa Jaarsoo Kan ta'e Istaandi paampii baayinni isaa Afur(4) gatii isaa waliigalaan qarshii Kuma afurtama (40000),Handilii baayinni isaa lama(2) gatii isaa waliigala qarshii Kuma saddeet(8000) baasuu,fi Heedii baayinni isaa tokkoo (1) gatii isaa qarshii Kuma torbaa(7000) baasu Ida'amni waliigalaa qarshii Kuma shantami Shan (55000) baasu hate jedhee Waajjirri Poolisii Aanaa Jaarsoo Galmee qulqulleessuun Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsootif dabarsee,kanuma irraa ka'uun Abbaan Alangaa Galmee keessa ilaaluun ergaa qorateen booda ,Himata itti hundeessuun Mana Murtii Aanaa Jaarsootti dhiyeessee,Manni murtiis ragaa nama Abbaa Alangaaf barreeffama Wal bira qabun,qoratee,kwt abbaan Alangaa hundeesse jalatti balleessaa ergaa jedheen booda,Himatamaaf fakkaattota isaa hin barsiisa Kan jedhee dhaddacha gaafa 8/4/2061 ooleen hidhaa salphaa Waggaa lamaa(2) ji'a sadiin(3) adabee jiraa!! KANAAF IRRAA BARANNEE YAKKA BIYYAAF NAANNOO KEENYA MIIDHA JIRU WALIIN HAA ITTISNUUN DHAAMSA KEENYA!

Address

Jarso (1)

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when G/W/Lixaatti Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Jaarsoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category