Waajjira Aadaafi Tuurizimii M/Hoolataa/Holeta City Culture & Tourism Office

  • Home
  • Ethiopia
  • Holeta
  • Waajjira Aadaafi Tuurizimii M/Hoolataa/Holeta City Culture & Tourism Office

Waajjira Aadaafi Tuurizimii M/Hoolataa/Holeta City Culture & Tourism Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Aadaafi Tuurizimii M/Hoolataa/Holeta City Culture & Tourism Office, Government Organization, Holeta.

17/10/2024
17/10/2024

Check out Hoolataa City Communication’s video.

17/10/2024

Gaaddisni Marii Hunda Injifachiisuun Nagaa Waaressa!
=====
Uummanni Oromoo uummata nagaan beekamuudha.Sirna Gadaa keessatti nageenya dhala namaa irraa darbuun nageenya uumamaaf lallabuun nageenyi isaanii eegamee akka jiraatan sirna ittiin bulu keessatti hammachiisuun ittiin jiraachuun isaa Oromoon nageenyaaf bakka guddaa akka qabu kan agarsiisuudha.Rakkoon nageenyaa wayita uumamuus rakkinicha gaaddisa mariitti mareefi marabbaan hiikuun beekama.

Yeroo ammaas uummanni Oromoo Nagaa isaa mirkaneeffachuufi injifannoo argates tikfachuuf bu’aa ba’ii hedduu ba’ee aarsaa hedduus kaffalaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaas qe’ee Oromootti qilleensi nagaa akka bubbisuuf mareefi marabbaan duudhaa ganamaan masakamee waamicha nagaa obsaan guutameirra deddeebiin taasisaa jira.

Galmi guddichi nagaa waaressuufi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa boodatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uudha. Kanaafis harka nagaa diriirsee balbala nagaas banee humnoota hidhannoon Bosona galan waamicha nagaa simachuun deebi’aa jiraniif simatee gara qe’ee fi qabeenya isaanitti akka deebi’an taasisaa jira. Kun akka Oromootti wal hubannoo kan gabbisu; guddummaa keenyas kan cimsu waan ta’eef of eeggannoon irratti hojjetama.

Gaaddisa mariitti mareefi marabbaan rakkoon hin hiikamne; dhibdeen hin furamne hin jiru. Kanaaf sibiila olkaasanii Oromoofi Oromiyaa dhiigsuun dogoggora seenaa waan ta’eef balbala nagaa banametti fayyadamuun murteessaadha. Mootummaan qaamolii harka nagaaf diriire waraanan balbala nagaaf baname irra tarkaanfachuun Oromoo dhiigsan irratti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee itti fufa.

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

16/10/2024
15/10/2024

Address

Holeta

Telephone

+251112371512

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Aadaafi Tuurizimii M/Hoolataa/Holeta City Culture & Tourism Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share