Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo Haqaaf Haqaan Hojjanna!

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo Waajjira Abbaa Alangaa Godina H/Lixaa kessa isa tokko yamu ta'u.Waajjirichi Yeroo Aammaa Tessoo Isaa B/M/Hirna godhachun Tajjaajiila hojji Abbaa Alangumaa Kennaa Jira.

  ABBAA ALANGAA AANAA XUULLOO      1383/17 labsi haala dhabbamsisa balfa jajjabotin   _Hubbanof_
30/01/2026

ABBAA ALANGAA AANAA XUULLOO
1383/17 labsi haala dhabbamsisa balfa jajjabotin
_Hubbanof_

29/01/2026
29/01/2026
    _fi_Hojji_Waajjira_Qonnaa  'insa Bulchisa_Gandaatin     Keewwata 38.Aangoofi Hojii Waajjira Qonnaa yookiin Horsiisee...
27/01/2026


_fi_Hojji_Waajjira_Qonnaa
'insa Bulchisa_Gandaatin

Keewwata 38.Aangoofi Hojii Waajjira Qonnaa yookiin Horsiisee Bulaa
Aangoofi hojiin seerota birootiin kennameef akkuma eegametti ta’ee, Waajjirri Qonnaa

yookiin Horsiisee Bulaa Gandaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
1) Lafa Gandicha keessatti argamu akkaataa seeraatiin ni bulcha; abbaa qabiyyummaa,
daangaafi ittifayyadama isaatiin adda baasuun karaa guutuu ta’een qindeessee ni
qabata; qaama dhimmi ilaaluuf ni erga;
2) Karoora ittifayyadama lafaa qophaa’e hojiirra ni oolcha; ni hordofa;
3) Ittifayyadama lafaan walqabatee gochaawwan seeraan alaa Gandicha keessatti akka hin
raawwatamne ni hojjeta; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
akka fudhatamu ni hojjeta;
4) Hojiiwwan qabiyyee lafa baadiyyaa galmeessuu, qawwisuufi waraqaa ragaa kennuu
keessatti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta; waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa
yookiin ittifayyadamaa lafaa hojjetamee yammuu xumuramu abbaa mirgaa akka
dhaqabu ni taasisa;
5) Gandicha keessatti lafti faayidaa ol’aanaa ummataaf yammuu barbaadamu qaama
dhimmi ilaalu waliin ta’uun ragaa bal’ina lafichaa, ittifayyadama isaa, gosa qabeenya
dhaabataa laficha irratti argamu adda ni baasa; namoonni qabiyyee isaanii irraa sababa
kanaaf buqqa’an akkaataa seeraatiin beenyaa akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin
ni hojjeta;
6) Lafa baadiyyaa akkaataa seera rogummaa qabuutiin dhaalan yookiin kennaadhaan
darbu bal’inaafi ittifayyadama isaa adda baasuun akka mirkanaa’uuf qaama dhimmi
ilaaluuf ni dabarsa;
7) Waliigalteen kiraa lafa qabiyyee dhuunfaa ulaagaan seeraan tumame guutuu isaa ni
xiinxala; hojimaata diriireen waligalticha ni mirkaneessa; ni galmeessa; haftee
waliigaltee mirkanaa’eefi ragaalee barbaachisan qindeessee ni qabata;
8) Lafa investimentiif qophaa’eefi sababa waliigalteen investimentii adda citeef abbootii
qabeenyaa irraa fuudhamuun baankii lafaatti deebi’e gochi seeraan alaa akka irratti
hin raawwatamne ni eega; yammuu barbaadamu odeeffannoo lafichaa qaama dhimmi
ilaaluuf ni erga;
9) Hojiiwwan lafa jallisii ammaayyaaf oolu waljalaa siqsuun qooduufi qabiyyee lafaa wal
jijjiiruun walqabatee hojjetaman akkaataa seera rogummaa qabuutiin qaama dhimmi
ilaalu waliin ni hojjeta;
10)Waldiddaan lafa baadiyyaan walqabatee uumamu akkaataa seeraatiin araaraan
furmaata akka argatu ni hojjeta; hubannoon jaarsolee araaraa akka cimu ni hojjeta;
11)Mirgi abbaa qabiyyummaafi ittifayyadamaa lafaa dubartootaa, daa’immanii, qaama
midhamtootaafi manguddootaa akka kabajamu ni hojjeta;
12)Hulaa misoomaafi giddugala guddina baadiyyaa daangessuu irratti qaama dhimmi
ilaalu waliin ni hojjeta;
13)Oomishaafi oomishtummaan qonnaa akka fooyya’uuf qonnaan bultoota, horsiisee
bultoota, gamisa horsiisee bultootaafi abbootii qabeenyaatiif tajaajila eksiteenshinii
misooma midhaanii, beeyiladaa, lafa dheedumsaa, jallisii, misooma bunaafi shaayii,
mi’eessituufi muduraa akkasumas qonna magaalaa irratti ni kenna; paakeejii qophaa’e
hojiirra ni oolcha;
14)Fedhii callaa guddistuu akka Gandichaatti barbaadamu yeroo, qulqullinaafi baay’ina
barbaadamuun adda baasuun Aanaaf ni dhiyeessa;
15)Teeknolojiiwwan asiidummaa biyyee xiqqeessuufi fayyummaa biyyee eeguuf dhiyaatan
hojiirra ni oolcha; ni hordofa;
16)Istaandardii hojii bahu irratti hundaa’uun hojii misoomaafi eegumsa biyyeefi bishaanii
ni raawwata; ni deeggara; ni hordofa; karoora ittifayyadama lafaa bu’uureeffachuun
iddoo barbaachisaa ta’etti hojii qoorsa lafaa ni hojjeta;
17)Sakatta’iinsaafi to’annoo ilbiisota idileefi weerartuu yeroon gaggeessuun mala
qindaawaa to’annoo ilbiisotaa hojiirra ni oolcha; deeggarsa ogummaa ni kenna;
18)Qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonniifi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa oomisha
qonnaa irratti bobba’an sadarkaa gabaan barbaaduun baay’ina, qulqullinaafi yeroon
akka oomishan deeggarsa ogummaa ni kenna; ni hordofa;
19)Qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaaf bittaa calla guddistuufi oomisha qonnaatiif
liqii hayyamame hojiirra akka oolu ni hojjeta; ragaa barbaachisu qindeessuun qaama
dhimmi ilaaluuf ni erga;
20)Bakka hanqinni roobaa jirutti hawaasni bishaan cimmisuun akka ittifayyadamuuf
teeknolojiiwwan haarawa dhiyaatan ittifayyadamtootaaf ni raabsa; akka baratamu ni
taasisa; deeggarsa ni kenna;
21)Qabeenya bishaan uumamaafi nam-tolcheetti akkaataa seeraan fayyadamuun qabeenyi
qurxummii akka misoomu ni hojjeta; ni deeggara;
22)Misooma qabeenya kanniisaafi bu’aalee qabeenya kanniisaa kan akka dammaafi gagaa
karaa bu’aa qabeessa ta’een ni hojjeta; ni deeggara;
23)Akkaataa karoora ittifayyadama lafaatiin lafa dheedumsaa ni misoomsa; ni kunuunsa;
misooma nyaata beeyiladaa ni gaggeessa;
24)Hojiiwwan misoomaafi eegumsa fayyaa beeyiladaa ni hojjeta; ni deeggara; bu’uuraalee
misoomaafi eegumsa fayyaa beeyiladaa kan akka kilinikoota eegumsa fayyaa beeyiladaa
ni to’ata;
25)Sirna gabaa oomishaalee bu’aa beeyiladaa diriire hojiirra ni oolcha; ni hordofa; walitti
hidhamiinsi gabaa ittifufiinsa qabu akka uumamu haala ni mijeessa;
26)Wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa yokiin horsiise bultootaa Gandichaa tajaajila gahaa
akka kennuufi giddugaleessa qaroominaa ta’uun moodeela akka ta’u ni hojjeta; ni
hooggana; leenjii ogummaa ni kenna;
27)Hojiiwwan qonnaafi qabeenya uumamaa karaa hirmaannaa ummataa mirkaneessuun
ni raawwata; qonnaan bultoonni yookiin horsiisee bultoonni ijaarsa misoomaatiin ni
gurmeessa; ni deeggara; fayyadamummaa dubartootaafi dargaggootaa hojii misooma
qonnaa keessatti mirkaneessuuf tajaajila eksiteenshinii addatti ni kenna;
28)Qorannoo haala qilleensaafi biyyee sadarkaa Naannootti gaggeeffame irratti
hundaa’uun misooma bunaa, baala shaayii, muduraa, urgeessituufi mi’eessituufi
oomishaalee qonnaa biroo akka gaggeeffamu ni taasisa; teeknolojiiwwan bu’aa
qabeessa ta’an qonnaan bultootaafi abbootii qabeenyaa hojicha irratti bobba’aniif akka
dhiyaatu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
29)Sirna walitti hidhamiinsa gabaa qonnaa kontiraataa diriire irratti hundaa’uun
waliigalteen akka raawwatamu haala ni mijeessa; ni galmeessa; ragaa qindeessee ni
qabata;
30)Qabeenya bishaanii haala ittifufiinsa qabuun misooma jallisiitiifi bishaan dhugaatii
beeyiladaatiif akka ooluu danda’an qaama dhimmi ilaalu waliin kunuunsa irratti ni
hojjeta;
31)Qabeenya Bishaanii Gandichatti argamu akkaataa seeraatiin ni bulcha; ittifayyadamni
qabeenya bishaaniifi jallisii jiraattota Gandichaa giduutti haqa qabeessaafi madaalawaa
akka ta’u ni hojjeta; qabeenyi bishaanii balfa irraa akka eegamu ni taasisa; ni to’ata;
32)Ummanni Gandichaa sochii misooma bosonaafi eegumsa naannoo irratti akka
hirmaatu, kunuunsuufi bu’aa argamu irraa akka fayyadamu qaama dhimmi ilaalu
waliin ni hojjeta;
33)Ragaa guutuu lafa bosonaa Gandicha keessa jiru abbaa qabeenyummaa waliin adda
baasee ni qabata; bosonni akka misoomu, eegamuufi kunuunfamu hubannaa ummataa
ni cimsa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu
qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta;
34)Hawaasni faayidaa waldaa hojii gamtaa irratti hubannoo akka argatu hojii hubannoo
uumuu ni hojjeta; ni gurmeessa; ni deeggara;
35)
Waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa haala miseensota isaaniifi hawaasaaf calla
guddistuu, oomisha industiriifi qonnaa itti dhiyeessuu danda’an irratti ni hojjeta; ni
hordofa;
36)Waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa sochii investimentii irratti akka hirmaataniifi sona
dabaluun oomisha qonnaa gara oomisha industiriitti akka jijjiiran akkasumas
pirojektoota guddina waldaalee hojii gamtaatiif gargaaran akka qophaa’aniifi misooma
naannoo irratti akka hirmaatan deeggarsa ogummaa ni kenna; ni jajjabeessa;
37)Waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa sirna hojimaata fooyya’aa ta’e akka diriirfatan ni
deeggara; dandeettii koreewwanii, hojjettootaafi miseensoota waldaa hojii gamtaa
bu’uuraa ni cimsa; leenjii ni kenna; akka kennamu qaama dhimmi ilaalu waliin ni
hojjeta;
38)Raawwii hojii waliigalaa, qabiinsi herregaafi bulchiinsi qabeenyaa waldaalee hojii
gamtaa bu’uuraa akkaataa seeraatiin raawwatamuu ni hordofa; qisaasamni maallaqaafi
qabeenyaa akka hin raawwatamne ni ittisa; bakka hanqinni jirutti yookiin qisaasama
raawwatame irratti akkaataa seeraatiin tarkaanfiin akka fudhatamu ni taasisa;
39)Miseensonni waldaalee hojii gamtaa oomisha isaaniitiif gatii fooyya’aa akka argatan ni
hojjeta; odeeffannoo gabaa ni kenna; aadaan qusannoo isaanii akka babal’atu ni hojjeta;
40)Calla guddistuu bitame miseensota waldichaafi hawaasaaf akka raabsamu ni taasisa;
galiin gurgurtaa calla guddistuufi teeknolojii qonnaa irraa sassaabame akkaataa seeraatiin qaama dhimmi ilaaluuf galii akka ta’u ni hojjeta; liqiin calla guddistuufi kan
biroo kennaman akka deebi’u ni taasisa;
41)Tajaajila eksiteenshinii misooma waldaalee hojii gamtaa bu’uuraatiif ni kenna; ni
hordofa; ni to’ata;
42)Qaamolee akka Gandichaatti hojii dhiyeessii galtee qonnaa irratti bobba’an ni to’ata;
bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni hojjeta;
43)To’annoo qulqullina oomisha qonnaa iddoo gabaa, mana kuusaafi bakka furdisaa ni
hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni hojjeta;
44)Jaarmiyaalee mootummaaf
i dhuunfaa Gandicha keessatti dhimma misooma qonnaa
irratti hojjetan ni qindeessa; tajaajila irraa eegamu kennuu isaanii ni hordofa; ni to’ata;
45)Hojii dabalataa seektara aanaa dhimmi ilaallatu irraa kennamuuf biroo ni raawwata.

    projeekti investimenti_Mootummaa_waliin_taasifame_haala kamin diigama 👇👇 Labsii Bulchiinsa Investimentii Mootummaa N...
27/01/2026


projeekti investimenti_Mootummaa_waliin_taasifame_haala kamin diigama
👇👇
Labsii Bulchiinsa Investimentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe, Lakkoofsa 249/2015 kewwata 26 tin Haala Waliigalteen Pirojektii Investimentii Itti-Diigamu Yookiin Adda Citu.
1) Waliigalteen pirojektii investimentii kan diigamu yookiin adda citu investerichi akkaataa waliigaltee seenameen yookiin bu’uura seeraatiin kan hin hojjenne yoo ta’edha.
2) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, waliigalteen liizii yookiin kiraa pirojektii lafa investimentii kan addaan cituu danda’u waliiglateen pirojektii investimentii qaama aangoo qabuun yoo adda cite dha.
3) Akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 tiin waliigalteen pirojektii investimentii qaama bulchiinsa investimentii aangoo qabuun yoo diigame yookiin adda cite, Biirichi waliigalteen liizii yookiin kiraa lafaa akka diigamu yookiin adda citu Biiroo Lafaa Oromiyaa yookiin caasaa isaa sadarkaan jiruuf barreeffamaan beeksisuu qaba.
4) Biiroon Lafaa Oromiyaa yookiin caasaan isaa bu’uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 tiin diigamuun yookiin adda cituun waliigaltee pirojeektii investimentii yammuu beeksifametti sababuma kana ibsuun waliigaltee liizii yookiin kiraa lafa pirojektii investimentii addaan kutuu qaba.
5, Biiroon Lafaa Oromiyaa Investera akkaataa Waliigaltee Liizii yookiin kiraa mallatteesseen dirqama isaa bahachuu dhabe waliigalteen investimentii akka addaan cituuf qaama aangoo qabu beeksisuun yoo mirkanaa’e waliigaltee Liizii yookiin kiraa addaan kutama.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo!

27/01/2026

Haqaaf Haqaan Hojjana!

27/01/2026

/_Xuulloo

'e!
bu'uura Labsii Lakk 1177/2012 Labsii Bulchiinsaa fi To’annoo Meeshaa Waraanaa keewata 5/1/2
Bakkewwaan Meshaa Waraanaa Qaabatani AArgammun Dhhoorkaa Ittii Taa’’an
1) Namni kamiyyuu:-
a) Bakkeewwan hiriirri nagaa yookiin korannaan itti gaggeeffamutti;
b) Bakkeewwan seera filannootiin yookiin Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin murtaa’anitti;
c) Hoteelota, manneen siinimaa fi tiyaatiraa, muuziyeemii fi bakkeewwan kana fakkaatan kan Ummanni itti bashannanutti;
d) Bakka ispoortiin dhukaasaa itti gaggeeffamuun alatti bakkeewwan ispoortiitti;
e) Dhaabbilee barnootaa, mooraa dhaabbilee amantaa fi amantii keessatti;
f) Hospitaalotaa fi kilinikoota, manneen hojii mootummaa fi kanneen kana fakkaatan biroo kan tajaajilli Ummataa itti kennamutti;
g) Paarkiiwwan biyyaalessaa yookiin dahannaawwan bineensota bosonaatti;
h) Namni meeshaa waraanaa hidhachuuf hayyamni kennameef mootummaa naannoo hayyamni kennameefiin alatti magaalota naannolee fi magaalota gurguddoo keessatti meeshaa waraanaa haala Ummatatti mul’atuun hidhatanii socha’uun dhorkaadha.
2) Namni meeshaa waraanaa qabatee bakkeewwan Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti ibsaman keessa seenuu barbaadu kamiiyyuu dursa meeshicha hojjettoota eegumsaa dhaabbatichaatti simachiisuu qaba.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo!

 /Xuulloo       WAA’EE QABEENYA DHAALUU LABSII QABEENYAA DEEBISIISUU LAKK.1364/2017 ItoophiyaaKEEWWATA 29 QABEENYA BALLE...
26/01/2026

/Xuulloo



WAA’EE QABEENYA DHAALUU
LABSII QABEENYAA DEEBISIISUU LAKK.1364/2017 Itoophiyaa
KEEWWATA 29 QABEENYA BALLEESSUMMAA IRRATTI HUNDAA’EE DHAALAMU
1. Namni kamiyyuu gocha yakkichaa irraa bu’aa qabeenyaa kan argate, nama biraatiif kan argamsiisee yookiin faayidaa nama biraa irratti miidhaa kan geessisee himannaa yakkaatiin balleessaa kan taasifama yoo ta’e bu’uura labsii kanaatiin Abbaan Alangaa qabeenyichi akka dhaalamu mana murtiitti iyyannaa ni dhiyeessa.
2. Namni kamiyyuu Adabbiin yakkaa dhiifamaan yookiin bararsan hafaa kan taasifameef; kan daangeeffameef yookiin korooraan kan gadi lakkifame bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1)tiin adeemsa qabeenya deebisiisuu dhiyaate komii godhachuun dhiyeessuu hin danda’u.
3. Nama balleessaadha jedhame irratti iyyannaan qabeenya dhaaluu dhiyaatu raawwii adabbii yakkaatiif seera yakkaatiin yookiin tumaalee seera yakkaa birootiin daangaan darbiinsa yeroo kaa’amee bu’uura ni ta’a.
4. Abbaan Alangaa Iyyata mana murtiitti dhiyeessee irratti manni murtii dursee murtii dhumaa kennuun duratti yeroo jiru kamiyyuu keessatti mana murtiichaa heyyamsiisuudhaan iyyaticha fooyyessuu ni danda’a.
KEEWWATA 30 QABEENYA DHAALUU MURTII BALLEESSUMMAA IRRATTI HIN HUNDOOFNE
1. Namni kamiyyuu himannaa yakkaatiin murtiin balleessummaa itti kennamuu baatuus gochicha irraa faayidaa qabeenyaa kan argate yoo ta’e bu’uura labsii kanaatiin qabeenyichi akka dhaalamuuf Abbaan Alangaa mana murtiitti iyyannaa ni dhiyeessa.
2. Iyyannaan qabeenya dhaaluu murtii balleessummaa irratti hin hundoofne kan dhiyaatu sababoota itti aanan keessaa yoo xiqqate tokko yeroo guutameedha:-
A. Gocha yakkaatiin kan shakkame yookiin namni himatame yoo du’e, yoo miliqe, yoo bade yookiin yakka raawwataan osoo hin beekamiin yoo hafe;
B. Sababa darbiisa yerootiin murtiin balleessummaa yakkaa osoo hin kennamiin yoo hafe;
C. Ragaan argame himannaa yakkaatiin murtii balleessummaa kennuuf ulaagaa madaalli ragaa yakkaa kan hin guunnee yoo ta’es himatamaa himannaa qabeenyaa dhaaluu irraa bilisa hin taasisuu;
D. Adeemsa qorannoo yakkaatiin ragaan yakkaa argamee sirna deemsa falmii yakkaatiin fudhatama kan hin qabne yoo ta’e yookiin sababa kanaan himatamaan himannaa yakkaa irraa bilisa kan jedhame yoo ta’e;
E. Himatamaaf dhiifamni kan taasifameef yookiin himannaan dhiyaatee sababa kaminiyyuu kan addan cite;
F. Gocha yakkaa Murtiin balleessummaa itti kenname waliin kallattinis ta’ee karaa naannawaatiin kan walitti dhufuu fi qabiyyee garee sadaffaa yookiin qabeenya abbaa qabeenyummaa jalatti argamu yoo ta’e;
G. Shakkamaan mirga himatamuu dhabuu yoo qabate;
H. Keewwata (4) keewwata xiqqaa (2) jalatti dhaabbilee ibsame osoo hin dabalatiin qaama namummaan seeran kennameef gocha yakkaa irraa qabeenya kan argatan yoo ta’e fi haalli yakkaan hin himatamnee yoo jiraatee;
I. Namni himannaa irraa bilisa taasifamee gara ragaatti jijjiirramee fi qabeenya gochichaan argate deebisuuf heyyamame kan hin taane yoo muudatu

WAAJJIRA_ABBAA_AALANGAA_AANAA_XUULLOO!
HIRNA!

            Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo  Qindommina Waajjira Poolisii fi Waajjira Nagaaf Miliishaa Aanaanicha W...
25/01/2026





Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo Qindommina Waajjira Poolisii fi Waajjira Nagaaf Miliishaa Aanaanicha Waliin Uummuun,hara'a gaafa guyyaa 17/05/2018 Go/H/Lixaa Aanaa Xuulloo Ganda Bacceessaati aargamun Hubannoo seeraa keenne jira.Hubannoo seeraa kana irrati hawwaassa gandichaa guutu fi Caassaan Miliishaa guutu kan aargame yamu ta'u Abbaan Alangaas caraa kana fayyadamun Mata durewwan seeraa kannen akka👉 .

WAAJJIRa_ABBAA_AALANGAA_AANAA_XUULLOO!
HIRNA!

Address

Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xuulloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share