29/04/2026
๐๐๐ง๐ ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐๐ง๐๐ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข, ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข ๐๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐๐ฅ๐๐ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐.
______________
Mana Murtii Aanaa Xuullootti, raawwii hojii waliigalaa fi karoora jiโaa irratti mariin gaggeeffame. Buโuuruma kanaan, raawwii hojii jiโoottan darban irratti hanqinootaa fi ciminoota mul'atan balโinaan kaafamanii irratti mariโatameera.
Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa qulqulluu, Si'ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf sirna hoggansa galmee fi dhimmootaa fooyyeessuu, tajaajila gara ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ (๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐) ceesisuuf hojiin jalqabame gamaaggameera. Keessattuu, hojiiwwan dhaddachaalee halaalaa fi sirna faayila elektiroonikaa diriirsuu irratti hojii hojjetamaa turee fi kutannoo gama raawwataatin ilaalame jira. Gama biraatiin, sirna keessummeessa fi simannaa abbootii dhimmaa fooyyessuuf sochiin taasiifame turees ilaalameera. Akkasumas, qulqullina galmee adeemsa irra jiran cimsuuf hanqinoota jiran kaasuun xiyyeeffannoon a.
Dhumarratti, Abbooti Seeraa, Mudamtootaa fi hojjattoota biroo raawwii hojii galmeessisanif beekkamtii kennuun, kallatti hojii fuula duraa irratti waliigaluu, waltajji marii milkaa'inaan goolabame jira.