Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa የሀረማያ ወረዳ ዐቃቢ ህግ ፅ/ቤት

  • Home
  • Ethiopia
  • Harer
  • Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa የሀረማያ ወረዳ ዐቃቢ ህግ ፅ/ቤት

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa የሀረማያ ወረዳ ዐቃቢ ህግ ፅ/ቤት Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa የሀረማያ ወረዳ ዐቃቢ ህግ ፅ/ቤት, Government Organization, Oromia, Harer.

Maxxansaalee seerota, labsiilee, Dambii, Qajeelfamoota, Murtiilee dhadhacha ijibaataa, murtiilee Barsiisoo, barruulee seeraa adda addaa fi kkf hordoftootaaf maxxansuuf

21/05/2026
  Hir'ina Dhiigaatin Du'a Haadha Irra Gahu Hambisuun Ni Danda’ama!! ≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡  11/2018Waajjira Abb...
19/05/2026

Hir'ina Dhiigaatin Du'a Haadha Irra Gahu Hambisuun Ni Danda’ama!!
≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡
11/2018
Waajjira Abbaa Alangaa A/Haramaayaatti hojjattootni Waajjirichaa hojjattoota Waajjira Fayyaa Aanichaa waliin ta'uun Hojii Tola Ooltummaatiin Arjooma Dhiigaa taasisanii jiru.

# Kennaan Kenna Caalu Arjooma Dhiigaati‼️
WAAJJIRA ABBAA ALANGAA AANAA HARAMAAYAA

Tajaajila Hojii Abbaa Alangummaa Fooyya'aa Taasisuuf Haala Naannoo Hojii Mijataa fi Hawwataa Uumuun Barbaachisaadha!!.≡≡...
18/05/2026

Tajaajila Hojii Abbaa Alangummaa Fooyya'aa Taasisuuf Haala Naannoo Hojii Mijataa fi Hawwataa Uumuun Barbaachisaadha!!.
≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡
10/09/2018
Waajjirri Abbaa Alangaa A/Haramaayaa karoora hojiilee bara baajataa bara 2018 karoorfatee raawwachuuf ka'e keessaa haala naannoo hojii mijataa fi hawwataa ta'e keessatti tajaajila hojii Abbaa Alangummaa kennuudha. Kanaanis hojiilee sadii karoorfamanii raawwatamaniiru. Isaaniis:
1ffaa Hojii Piroojektii Ijaarsa Dallaa Waajjirichaa, Mana Haarabaafannaa Abbaa Dhimmaa fi Mana Waardiyyaati,
2ffaa Haaroomsa guutuu Waajjiraatiifi
3ffaa Hojii Misooma Koridaraa Mooraa Waajjirichaa keessatti hojjatameedha.
Hojiileen kun hundi bara kana keessa guutuutti xumuramanii tajaajila kennaa jiru. Walumaagalatti, Mooraan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa haala kanaan miidhagee hawwataa ta'ee akka muldhatuuf namoonniifi qaamni mootummaa itti hirmaattan hundi keessan guddaa galatoomaa ulfaadha jenneerra!.
'Haqaaf Haqaan Hojjanna'
WAAJJIRA ABBAA ALANGAA AANAA HARAMAAYAA!.

 Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanichaatti,Manni Marii tumsa gamtaa ittisa fi to'annoo y...
14/05/2026


Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanichaatti,Manni Marii tumsa gamtaa ittisa fi to'annoo yakkaa namaan daldaluu fi karaa seeraan alaatiin daangaa ceessisu marii gaggeessee jira.

29/04/2026
Dhaddacha halaalaatiin Hojiin Galmee RTD Hojjatame!!≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡  /2018‎Godina Haraargee Bahaa Aanaa Hara...
28/04/2026

Dhaddacha halaalaatiin Hojiin Galmee RTD Hojjatame!!
≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡
/2018
‎Godina Haraargee Bahaa Aanaa Haramaayaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa Mana Murtii Aanaa Haramaayaa fi Waajjira Polisii Aanaa Haramaayaa waliin ta'uun Dhaddacha Haalaalaa Sadarkaa gandaa Aanichaa B/Magaalaa Yaayaatti argamuun Hojii Galmee RTD 18, shakkamaa fi ragaan A/Alangaa gara mana murtii deemuun osoo hin barbaachisiin teeknolojiitti fayyadamuun qee'eedhuma isaanitti tajaajila haqaa akka argatan taasifamee jira.
'Haqaaf Haqaan Hojjanna!'

Hubannoo Seeraa Garee 2ffaa≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡  13/2018Waajjirri A/Alangaa A/Haramaayaa barattoota Mana Barumsa Sad. 1ffaa M...
21/04/2026

Hubannoo Seeraa Garee 2ffaa
≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡
13/2018
Waajjirri A/Alangaa A/Haramaayaa barattoota Mana Barumsa Sad. 1ffaa Malkaa Gammachuutiif Mata duree:-
1. Seera Yakkaafi Naamusa Barattootaa,
2. Itti-gaafatamummaa yakkaa Gaa'ila Umrii malee raawwachuufi raawwachiisuufi Yakka Dubartii kittaanuufi
3. Yakkoota Daa'immaniifi Dubartootarratti raawwataman irratti Abbaa Alangaa Abaadiir Ahmadiin kennamee jira.
'Haqaan Haqaaf hojjanna!'

Hubannoo Seeraa Garee 1ffaa≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡  13/2018Waajjirri A/Alangaa A/Haramaayaa qaamolee qindoominaa waliin ta'uun b...
21/04/2026

Hubannoo Seeraa Garee 1ffaa
≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡≡
13/2018
Waajjirri A/Alangaa A/Haramaayaa qaamolee qindoominaa waliin ta'uun barattoota Mana Barumsa Sad. 2ffaa Ugaaz Leencaatiif Mata duree:- Yakkoota Dubartootaafi Daa'imman irratti raawwataniifi Barmaatilee miidhaa geessisan Ittisuu irratti Abbaa Alangaa Haniiy Musxafaan Hubannoo Seeraa kennamee jira.
'Haqaan Haqaaf hojjanna!'

Address

Oromia
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Haramaayaa የሀረማያ ወረዳ ዐቃቢ ህግ ፅ/ቤት posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share