Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Shanan Dhuggoo Woreda Attorney Office

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyyaa 6/12/2015 tti Walii taajjii Haawwasa bal'aa Magaala Molee fi...
12/08/2023

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyyaa 6/12/2015 tti Walii taajjii Haawwasa bal'aa Magaala Molee fi Haawaasa Araddaa Bahaa Biftuu iddoo tokkotti Magaala Molee irratti bahaan biratti qaaman argamuun caraa argameetti fayyaaddamuun Mata duree Hubannoo Seeraa irratti kanamee Kunis:- 1.Qajeeltoowwaan bu'uura Heeraa Mootummaa irraatti Keessumatuu Mirga Namoommaa fi Mirgoota Dimookrasii irratti bal'inaan kanameera.
2.Labsii Lafaa Magaalootta Oromiyaa fi Danbii Lafaa Magaalootta Oromiyaa irratti bal'inaan Hubannoo Seeraa kanameera.
3. Labsii Lafaa Baaddiyaa Oromiyaa irratti bal'inaan Hubannoo Seeraa kanameera. Akka Walii galatti akkuma armaan olitti ibsame kannatti Haawaasa Namoota dhiira nama 365 Dubartii nama 210 walummaa galatti Nama 575 taanniif Hubannoo Seeraa kanameera. gaaffi ka'eefis deebbisa gaha ittii kennuun xumurameera!!!!

Wàajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 30/6/2015 ti qindoomina Ittisaa yakka poolisii Aa/Sh/Dhuuggoo...
09/03/2023

Wàajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 30/6/2015 ti qindoomina Ittisaa yakka poolisii Aa/Sh/Dhuuggoo fi tiraafikii poolisii waaliin ta'uun qaamni waliin qindoofne kun dhimma yakka ittisuu fi Bal'aa tiraafika irratti yammuu baratoota kenameti ansuun mata Duree Hubannoo seeraa irratti kanamees
1.Qajeeltoo Heera Mootummairratti kunisi kew.8, 9, 10 , 11 fi Kew.12 jalatti tarreeffame jalatti kanameera.akkasumas Mirgoota Namoommaa fi Mirgoota Dimookrasii irratti bal'inaan Hubanoon kanameera.
2.Qajeeltoowwaan seera yakkaa fi malummaa isaa fi kayyoo seera yakkaa irratti
3.Labsii Malammaltummaa lakk.881/2007 bahee irratti dhimmii malammaltummaa hanga caasaa gadi jalaan haawwasa irratti raawwatamuu irratti bal'inaan kanameera.Walumma galattii Baratootta Hayya Iskuuli molee irratti dhiira 700 fi Dubarti 98 w/g 798 tiif mata duree armani olitti ibsamee irratti sa'atti 3:00 guutuu itti fayyadamuun hubanoon seeraa latameera.

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 30/6/2015 ti qindoomina wajjira poolisìifi Abbaa Alangaattiin...
09/03/2023

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 30/6/2015 ti qindoomina wajjira poolisìifi Abbaa Alangaattiin qaaman Haawasa Araddaa Madda Jalalaa biratti argamuun poolisiin ittisa yakka irratti yeroo hubannoo seeraa kennituu. Abbaa Alangaa immoo Mata Duree Hubannoo Seeraa irrattii kannee kunisi:- 1.Heera Mootummaa Kew.43 jalatti ibsamee Mirgaa Misooma Nannoo irratti.
2.Heera Mootummaa Kew. 44 jalattii Mirga Nageenya Nannoo irratti
3.Labsii ittii faayyadama lafaa Badiyya Oromiya lak.248/2015 jalatti tumamaan irratti balinaan kanameera.
4.Labsii lakk.1065/2010 bahee Jalattii Dhimmaa Bosona manccasuu irratti midha innii fiduufi fayyida isa irratti balinani kanameera.Walumma galatti Haawasa Qotee bulaa Dhiira 410 Dubartii 105 Walii gala Nama 515 ta'uuf mata duree armani olii kana irratti sa'aatti 3:30 itti fayyaddamuun balinaan kanameera.Gallatooma hanga daganta biraani walittii debinuutti !!!!

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 19/3/2015t" " Walitaajjii  Dubartootta Bulchinsa Magaala Shana...
29/11/2022

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 19/3/2015t"
" Walitaajjii Dubartootta Bulchinsa Magaala Shanan kani dubartootta qofa irratti argamuun sa'atti tokko oliif caraa nu kanameeti fayyadamuun dubartootta baay'ina nama 279 ta'aniif Mata Duree Hubannoo seera irratti kanamee kunis:-
1.ffaa dhimmaa Nageenya Haala yeroo walqabatuu irratti Heera Mo/federala kew.32 jalatti namni kamiyyuu mirga bilisummaa socha'uu qaba.qabeenya horachuu qaba kani jedhuun wali qabatee malii akka ta'uu qabu irratti
2.ffaa Heera Mo/Kew.31 jalatti Mirga gurma'uu jedhuu jalatti dubartoonni gahee dinagdee akkamitti akka bahuu qabani irratti.
3.ffaa. Heera Mo/Federala kewt.35 Mirga dubartootta kanamee turee dubartoonni keessatuu dhimma qabeenya horachuu akkasuma qabiyyee lafaa walqixa qoodachuu irratti.
4.ffaa.Heera Mo/Federala kewt.36 Jalatti Mirgoota daa'immaan walqabatee umrii malee daa'immaa hojii humna olii hojechisuu fi kkf irratti. 5.ffaa.Labsii.federala lakk.1176/2012 shorarkeessa "ABO" shanee walii qabatee farajamee irratti haawasa dubartoota kuni dhimmoota labsii kana keessatti tumamaan irra akka offiif mattin isaani akka irra ofii qusataani irratti.
6.ffaa. labsii federala lakk. 881/2007 Fi 882/2008 bahe dhimma Mal-Maltuummaa irratti malmaltummaan rakkoo kamiif midha akkam biyya irratti akka fidu irratti.
7.ffaa. Dhimma labsii MNO.lakk.202/2009 bahe Galii ykn Gibira Mootummaa irratti akkasumas Danbii lakk. 10/2010 bahee irratti midha otoo hin tanee karaa haqaa qabeessan gibirii fi Tax mootummaa yoo sasabamee fayyida malii akka arhamsisuu irratti Akka walii galatti dhimmoota 1-7 jalatti Heera fi Seeroota ibsamani kana irratti Hubannoo seera bal'inaan kanameera. YAADA FI GAAFI YOO QABATAAN FULA PAGE KANA IRRATTI KOMENTI NU KENNAA!!!!

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 15/2/2015 ti akka armaan gadittii suura irratti argitaan kana...
25/10/2022

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 15/2/2015 ti akka armaan gadittii suura irratti argitaan kanatti koree Manajimaantii waajjirattiin Gama gaama raawwii Hojii kurmaana 1ffaa kani bara 2015 irratti gadi faggeenyaan mari'atee dhimmooni ilaalamaan kunis:-
1ffaan. Baqqoona qophii keessatti Hojilee raawwatamaan malii fakkataa ?
2ffaan. Baqqoona raawwii keessatti Hojiin raawwatama turaani malii fakkatuu?
3ffaan. Baqqoona Xummuura keessatti To'annoo fi Hordooffiin Hojii keessa fi ala irratti taasifamaa turee , Hanqina turee , Ciminaa turee fi yaada furmataa taasifama turee irratti eergaa baal'inaan maro'atamee booda kallatti furmaataa ka'uni Rakkoo kanani dura turee Hojjiilee kurmaana 2ffaa itti anuu keessatti hanqinnii turee akka hojettaamu kallattii ka'uun Qabboo yaa'ii qabanee kani irratti akka walii gallaatti walii galee kani xummureedha.

28/07/2022

Oolmaa Dhaddachaa R.T.D n hojatamee ilaalchisee:-
Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggooti qindoomina Garee Qoratootta Poolisii Aanaa Shanan Dhuuggoo fi Abbaa Alangaa waliin taasisaaniin Ragaa Fi Himatama iddoo tokkoti dhiyyeessuun Galmeen R.T.D Hojatamee kunis:- Himatama Adiinaan Aliyyii Bushuraa umriin 25 Hojiin =Hojjataa Mootummaa .Teessoon Go/Har/Lixaa Aanaa Xulloo ta'ee kuni gaafa guyya 29/10/2014 A.L.I guyya irra sa'atti 11:00 yammuu ta'uu Go/Har/Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Magaala Shanan Ganda 01 keessatti sababa tokko malee midhamtuu dhunfaa Idaalayiit Abaaraa Mammoo jedhamtuu siin fuudhaa jedhee sossobee ergaa deemeen booda Umriin ishee waggaa 15(kudha shani) tattee otoo jirtuu Ga'ilaa waliin raawwatee waan fudheef Yakkaa fuudhaaf fi Heeruma umrii Ga'ilaaf hin geenyee waliin raawwachuu isaattin himatameen Mani Murtii Aanaa Shanan Dhuuggoo Dhaddachaa gaafa guyya 20/11/2014 erga Galmee Raga bita fi mirga ergaa ilaalleen booda Himataman dhaddacha ifa irratti A/S/D/F/Yakka 134(1)tiin yakka olitti ibsame kana guutummaan guutuutti waan amaneef bu'uura jecha Amantaa isa kanaani Himataman kuni guyya Murtiin kun murta'ee irra kaasee kewwataa 648(a) ittiin himatamee jalattii Adabbii Hidhaa Waggaa 1(tokkoon) adabbameera.kanafuu fakkatooni isaa fi Hawaasni bal'aan akka irra baratuu Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo ifoomseera.

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 26/10/2014 tti ganama sa'atti 4:00 -6:00 ti Araddaa Abbaa Naj...
04/07/2022

Waajjirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 26/10/2014 tti ganama sa'atti 4:00 -6:00 ti Araddaa Abbaa Najaati Iddoo waajjira Araddaati qaaman Argamuun mata duree Hubannoo Seera irratti kanama turees kunis
1.Qajjeeltoo Heera Mootummaa fi Mirga Namooma akkasumas qulqullina nannoo egguu irratti
2.labsii lafaa baaddiyyaa fi danbii lafaa badiyya akkasumas
3.Dhimma labsii Bosona fi Ashaara magarisaa waajjin wal qabatuu irratti hubannoon bal'inaan kanameera hubannoon kunis dhiira nama 857 Dubartii Nama 273 Walii gala Nama 1130 ta'eef hubannoon seera kanameera.

Waajjirii Abbaa Alangaa Aa/Sh/Dhuuggoo gaaffa guyya 20/10/2014tti Mana Barnoota Hayyaa Iskuuli Sadarkaa 2ffaa waliin Ta'...
27/06/2022

Waajjirii Abbaa Alangaa Aa/Sh/Dhuuggoo gaaffa guyya 20/10/2014tti Mana Barnoota Hayyaa Iskuuli Sadarkaa 2ffaa waliin Ta'uun Hubannoo Seeraa Mataa Duree lama irratti isaanis
1.yakka Goowwoomsuu fi
2.seeraa sivilii dhaaltummaa irratti
Abbaan Alangaa Sa'atti 2:00 olii itti fudhatee kani barsisee ta'u isaatti Dhiira nama 343 Dubartii nama 113 walii gala Nama 456 hubannoon Seeraa kanameera. kuni egaali waan ta'eef guyya haraa irra kasee kani itti fuffuu ta'a......

22/06/2022

WAAJJIRA ABBAA ALANGAA GODINAHARARGEE LIXAATI Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Cuunfaa Gabaasa Raawwii Waggaa Kani Bara 2014 Ilaalchisee:-Teessoo:  251 255540090

♤ CUUNFAA GABAASA Raawwii Waggaa Kani Bara 2014 ilaalchisee : -
■.Eeruu: Kan ummataa
♤ Dimshaasha dhiyaate ------------------- 451
♤ Qulqullaa’ee kan xumurame----------- 333
♤ Qulqullaa’aa kan jiru ---------------------- 90
♤ Kan addaan cite---------------------------- 36
♤ Harcaatii: Karoora-----18% Raawwii----- 7%
■.Eeruu Kan dhuunfaa
☆ Dimshaasha dhiyaate ---------------------- 491
☆ Qulqullaa’ee kan xumurame-------------- 208
☆ Qulqullaa’aa kan jiru ------------------------ 105
☆ Kan addaan cite------------------------------ 178 kunis ararraa fi sababaa biroon kan addaan citeedha.
■.Eeruu Yakkaa Dubartootta fi Daa'immaani dhiyyatee ilaalchisee:-
☆ Dimshaasha Dhiyyatee _______________ 33
☆ Kan qulquulla'ee xumuramee ----------------- 20
☆ Kan qulqullaa jiruu ---------------------------------- 6
☆ Sababbaa ragaan dhabamun galmee ------ 7.
addaan citeera.
☆ harccatti GDD karoora 18% Raawwiin --- 19%
■.Eeruu Yakkootta Tax ilaalchisee:-
○ Dimshaasha dhiyyatee ------------- 3
○ kan qulquulla'ee xumuramee ------ 3
○ sababa ragaan fi himataman dhabamuun addaan citee Galmee -------- 1
○ Kani qulquulla jiruu -------- 2
○ Harccattin Eeruu dhimma Tax karoora 27% ○ Raawwiin 0% kan argisiisuudha.
■.Galmee Qormaataa
☆ Dimshaasha dhiyaate---------------------- 559
☆ Kan himanni irratti dhiyaate-------------- 432
☆ Akkaataa s/d/f/y kwt.42 (1) (A) tiin kan cufame------ 76
☆ Akkaataa s/d/f/y kwt.38© tiin kan deebi’e----- 10
☆ Qaama aangoo qabuuf kan ergame-------- 41
☆ Akkaataa s/d/f/y kwt.141 tiin qajeelfamni kan irratti gaafatame------------------------------------- 5
☆ Kan harka Abbaa Alangaa jiru------------------ 8
☆ Dandeettii galmee of harkaa qulqulleessuu(Clearance rate) Kar.--95.5% Raaww------- 2%
●.Galmee Himataa
▪︎ Dimshaasha dhiyaate---------------------- 432
▪︎ Dimshaasha murtaa’e---------------------- 297
▪︎ Murtii adabbii--------------------------------- 414
▪︎ Adabbii hidhaa------------------------------- 139
▪︎ Adabbii maallaqaa-------------------------- 137
▪︎ Adabbii hidhaa fi maallaqaa-------------- 10
▪︎ Adabbii of eeggannoo--------------------- 0
▪︎ Adabbii daangeffame---------------------- 5
▪︎ Murtii bilisaa---------------------------------- 5
▪︎ Kan himanni ka’e---------------------------- 0
▪︎ Kan addaan cite----------------------------- 0
▪︎ Himatamaan dhabamuun--------------- 6
▪︎ Ragaan dhabamuudhaan--------------- 10
▪︎ Aanaarratti araaraan kan cufame ---- 90
▪︎ Kan beellamarra jiru---------------------- 19
▪︎ Dandeettii adabsiisuu kar.95.5% Raw- 93%
■.Galmee mirga wabiio Waliigala dhiyaate------------------------------ 338
o Kan Abbaan Alangaa deeggare-------------314
o Kan Abbaan Alangaa morme---------------- 74
o Mormamee kan dhorkame-------------------- 74
o Mormamus kan hayyamame----------------- 74
◇Dandeettii mana murtii amansiisuu Kar.89.!rawwii 100% dha.
■.HOJII HUBANNOO SEERAA
◇ Karoora: Dhiira: -------- 25,853
◇ Dubartii: ------------ 10,925
◇ Waliigala: ----------- 36,778
◇ Raawwii:Dhiira: ----------- 23,011
◇ Dubartii: ------------- 3,308
◇ Waliigala: -----‐-------- 26,414
◇parsantaa 74% irra jira.
●.HOJII GALMEESSA, MIRKANEESSA SANADOOLAA FI KENNA HAYYAMAA
♧Baay’ina dhimmootaa waliigalaa------------- 389
♧Baay’ina tajaajilamaa--------------------------- 1050
♧Bakka Bu'uumma kennuu -------‐-------- 363
♧Bakka Bu'uummaa Haqquu -----‐-------- 9
♧Waldaa IMX Seeraan Mirkaneessuu ------- 38
♧Walii galtee Ulaggaa seeraan Mirkaneessuu ----- 18
♧Galii kenna tajaajilaa irraa argame------- 16,015
■.Kabajamuu Mirga Namoota To’atamaniiYeroo gabaasni kun qindaa’utti namoota adabbiidhaan fi haala adda addaatiin Waajjira poolisii ykn Bufaata Poolisii keessatti to’ataman Dhiira:---------- Dubartii --------- waliigala ---------Daa’imman maatii wajjiin jiran dhiira ------- fi dubara ----------
●.Hojii Ejensii Galmeessa Ragaalee Bu’uura Hawaasummaa ilaalchisee
◇ Dhatoota galmaa’e ----------------- 2553
◇Gaa’ila galmaa’e -------------------- 194
◇Du’a galmaa’e ----------------------- 124
◇Guddifachaa galmaa’e------------- 0
◇Diiggaa gaa’ilaa galmaa’e-------- 32
●.Raawwii Hojii Dantaa Hariiroo Hawaasaa Ummataa fi Mootummaa
♡ Baayina dhimmootaa--------------------------- 6
♡ Kan murtii argate-------------------------------- 4
♡ Gorsaan kan deebisiifame qarshiidhaan -2,833,832.96
♡ Falmiidhaan kan deebisiifame qarshiidhaan--399,498
♡ Kan falmii mana murtii irraa jiruu qarshii 93,000
♡ Waliigaltee gulaalame-------------------------- 3
♡ Tajaajila seeraa bilisaa kenname------------ 2
♡ Falmiirra kan jiru----------------------------------- 0
♡ Qabeeya itti gaafatamummaa yakkaatiin mirkanaa’e falmuun deebisiifamee qarshiidhaan------------ 0
■.Raawwii Hojii Adeemsa Yakkoota Malaammaltummaa fi Dinagdeetiin Qabeenya Irratti HojjetameRaawwiin hojii galmee adeemsa yakkoota malaammaltummaa fi dinagdee kan olitti ibsame keessatti kan hammachiifame akkuma jirutti ta’ee hojiiwwan adeemsa kanaan hojjetamaniin bu’aan armaan gadii argameera.
▪︎Qabeenya yakka malaammaltummaan argame tarkaanfii biraatiin (himannaan alatti) deebisiifame qarshiin 1,988,845.14
▪︎Qabeenya bu’aa yakkaa dhorkisiifame qarshiin ___-___ hin jiru.
▪︎Qarshii falmiin deebisiifame ___-___hin jiru.
▪︎Lafti kan dhorkisiifame tarkaanfii bulchiinsaatiin baankii lafaatti akka deebi’u ta’ee bara kana keessaa hin jiru. "" Haqaan Haqaaf Hojjennaa"" Keninnisa Tajaajilla Haqaa Aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti keennamuuf Uummaani Bal'aan keenya nuu waajjiin Dhaabbadha!!!!🙏🙏🙏🙏✍✍✍✍👭🧑‍🤝‍🧑

Waajirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Hubannoo seera bifa armaan gadittii argamu kanaan qaama Haawwasa Dargaggoot...
24/04/2022

Waajirii Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo Hubannoo seera bifa armaan gadittii argamu kanaan qaama Haawwasa Dargaggootta Aanaa keenya Araddoota 26 irra walittii Bahaan Walummatti dhiira fi Dubartootta shamarani Nama 2000 olii ta'uuf bifa kanaani guyya haraa 1.dhimma Olantummaa seeraa kabajuu fi kabachisuu akkamitti akka hojii irra oluu qabuu fi 2. Dhimma olaantumma seera akkamitti hubachaa jiraa akkamitti ganda keessanitti hojii irra oolaa jira fi 3. dhimmaa Mirgootta dhala Namoommaa akkamitti kabajama jira irratti sa'atti 7:00- 8:30 tti hubannoon haala armaani gadii kanaan kanamee jira.

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 22/07/2014ti sa'atti 2:30 -4:30 ti Hubannoo Seeraa Leenjii Mil...
31/03/2022

Waajjiri Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo gaaffa guyya 22/07/2014ti sa'atti 2:30 -4:30 ti Hubannoo Seeraa Leenjii Milishoota gachenna sirna Araddaa Ifaa Baasii, Araddaa Balaa Buqqiis,Araddaa Baha Biftuu, fi Araddaa Abbaa Najaati, fi Araddaa Madda Jalalaa irra walitti bahanii lenjji'a turaan biraatti qaaman argamuun itti/Ga/Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoon akkatumma kallaatti qaamni Hooggaansa kanneen Hubanoon seeraa kunis dhimmii irratti xiyyefatamee kanname kunis
1.Heera Mootummaa irratti Malummaa mirga Namoommaa fi Mirga Dimookrasi irratti kara hojii irra akkaata itti olchuu dandaa'an irratti.
2.Akkataa Seerootta bahaan ittii raawwachisuu dandaa'an irratti bal'inaan kanameef jira.
3.Kanaan Booda Heera,Seeraa hojii irra itti Oolchaanif sirna itti gaafatamummma akkamii akka isanitti dhufuu bal'inaan Hubannoon gahaan kanameef akka armaan olii kanaan kani irratti walii galameedh.

Address

Shenan Dhugo Wereda
Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Shanan Dhuuggoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share