04/02/2022
Daawwannaa Hojii Misooma Sululaa
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuutti Koreen Ol-Aanoon Oromiyaa Supperviishiinii Hojii Mootummaa fi Hojii Paartii Kurmaana 2ffaa bara 2014 akkasumas Hojii Projeektii lafarratti maal fakkata kan jedhu Bifa kanan Daawwatama kan jiru keessaattu haallii Proojeektii Daandii Magaalaa Borodaa fi Niinnii wal qunnamsiisuu yeroo dawwaatan Baay'ee kan itti gammadani fi Daandii Kun Omishaa fi Omishtummaa hawaasa Araddaa Shanan Zoonii yakkatif(Yakka umama tokkumma,Yakka Jalaala,Yakkaa Aman ,Saphaloo fi Jiru Ifaa )wal qunnamsiisuuf Shoora guddaa kan qabu qofa osoo hin taa'iin Hariiroo Haawaasa Aanaa keenya fi Naannoo 5 somalee Dinaagdeen, jiru fi jireenyaan walitti hiidhuu fii Obbolummaanis walitti hiidhu keessatti qooda bakka bu'iinsa hin qabne waan qabuf xiyyeeffannaa Addaatin hojjetame xumuramu qaba jedhan.
========================
Hojii Misooma Suluula Araddaa Gooroo Guutuuttis akkasuma Hojii mana barnoota Abdii Boru sadarkaa irra jiru
Hojii IFH Badhaadhiina Maatii milkeessuuf
Hojii Kompoostii Qopheessuu fi Kkf Koree Ol-Aanoo Oromiyaa kana lafarratti Dawwatamani jiru.