13/09/2026
Namoota 150 hirmaate
~~~
Sagantaa Leenjii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Miidhagaa Tolaa
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Miidhagaa Tolaa,Guyyaa Fuulbana 1/1/2019 Sagantaa Leenjii Barsiisota Qur'aanaa Araddoota adda addaa irraa hirmaachiseen,Barsiisota 120 kan caaluuf Leenjii addaa Sheekkan Gurguddaa Beekkumsaa Qur'aanaatiin gahooman Dirree Dhawaa irraa dhufanii Leenjisuu jalqabsiisanii jiru.
Baniinsa Sagantaa kanaa irratti Ulamaa'onni gurguddoon Aanaa keenyaa kan akka;
1.Shekh Mahammad Usmaan;Hogganaa Dhimma Islaamaa Aanaa
2.Shekh Aliyyii Umar Aadam;Itti Aanaa Mana Marichaa
3.Shekh Anas Haajii;Koree Dhimma Islaamaa Godinaa
4.Shekh Mahammad Bashiir Hassan;Ogeeysa Leenjii kennu
5.Shekh Ahmmad Mahmmad;Ogeeysa Leenjii kenni fi bakka ulamaan hedduun irratti hirmaatanii jiru.
Leenjiin Guyyoota 5f kan turu yoo tahu,kuniis Guyyaa Sanbataa jalqabee hanga guyyaa Arbaatti kan itti fufuudha.
"Barnoota Shari'aa Qulqulluu Dhaloota Islaamaaf"
Gabaasa: B/taa
Badrii Shekh Mahammad