Wajjira Misooma Jallisi fi Horsisee Bulaa Godina Hararge Baha

Wajjira Misooma Jallisi fi Horsisee Bulaa Godina Hararge Baha Misooma Jallisii GHB

 Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa gandaa Hidhattu Sabaatti Waliigaltee fi wal-harkaa fuudhiinsi Pirojektii Ijaarsa Ja...
27/08/2026


Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa gandaa Hidhattu Sabaatti Waliigaltee fi wal-harkaa fuudhiinsi Pirojektii Ijaarsa Jallisii Adada taasifame.
===============
Hagayya 21/2018 WMJHGHB
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Qonna naannichaa ammayyeessuun, hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf inisheetiviwwan garaa garaa bocee hojjechaa jira.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa Ganda Hidhattu Sabas walharkaa fuudhinsi iddoo Piroojeektii ijaarsa Jallisii Xiqqaa Adada bakka Itti Aanaan Bulchaa Aanaa Maammoo Sorii ,Ogeessoota Ol’aanoo Naannoo Injinaar Samson,Injinaar Fiqadu ,Oggeessa Sagantaa PACT injinaar Magarsaa,Oggeessota godina ,Aanaa ,caasaa ganda fi hawasnii argamanitti Dhabbata Ijaarsa IFA IJAN waliin raawwatamee.

Misooma jallisii babal'isuu, oomishtummaa qonnaa guddisuu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuuf hojiin eegalamee cimee itti fufu qaba jedhan I/A Bulchaa Aanaa
Ijaarsii Piroojektii Buleeyyii ,Ongoing fi Haaraa Adda Addaa akka godina keenyatti Sadarkaa Naannoo fi godinatin hojjatama jiru Akka Godina Harargee Bahaatti Piroojektii Buleeyyii,ongoing fi haaraa Waligalaa Lakk.14 tahan Lafti Heektarra 2,445.00 ol misooma jallisii ammayyeesun abbaa Warraa 5,843.00 fayyadama akka taasisuu adda bahee xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu fi kan amma hojii keessa galaa jiru fi deegarsa sadarkaa naannoo hangaa gandatti jiru hoggansa hanga hawasa gandatti qindoominan yoo hojjatame yeroo jedhame keessatti kan milkeessinu jedhan Injineer Dabbabaa Ballaxaa, Kana Keessa Piroojeektiin jallisii Adada Aanaa Meettaa , ganda Hudhattu Sabaatti birrii miiliyoona 179 olin ijaarsi isaa jalqabu fi lafa heektara 300 ol Kan misoomsuu fi Abbaa warraa 400 Oli fayyadamoo Kan taasisu ta'u dubbatan.

Ummannis pirojektichi gaaffii isaanii bara dheeraa ta'uu dubbachuun yeroon xumuramee akka irraa fayyadamaniif tumsa barbaachisaa kan taasisan ta'uu waadaa galuun haala gaariin gammachuu isaanii ibsataniiru.

27/08/2026


Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyu Mulluqee gandaa Finxaa Basitti Waliigaltee fi wal-harkaa fuudhiinsi Pirojektii Ijaarsa Jallisii Kurii gandaa jilo taasifame.
===============
Hagayya 19/2018 WMJHGHB
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Qonna naannichaa ammayyeessuun, hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf inisheetiviwwan garaa garaa bocee hojjechaa jira.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Mulluqee Ganda Finxaa Basitti walharkaa fuudhinsi iddoo Piroojeektii ijaarsa Jallisii Xiqqaa Kurii gandaa jilo bakka Itti Aanaan Bulchaa Aanaa Obbo Dachas ,Ogeessoota Ol’aanoo Naannoo Injinaar Samson,Injinaar Fiqadu ,Oggeessa Sagantaa PACT injinaar Magarsaa,Oggeessota godina ,Aanaa ,caasaa ganda fi hawasnii argamanitti Dhabbata Ijaarsa Girma Asfaw JV Jarso WWC waliin raawwatamee.

Misooma jallisii babal'isuu, oomishtummaa qonnaa guddisuu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuuf hojiin eegalamee cimee itti fufu qaba jedhan I/A Bulchaa fi I/G Wajjiraa Qonnaa Aanaa Mayyuu Muluqee
Ijaarsii Piroojektii Buleeyyii ,Ongoing fi Haaraa Adda Addaa akka godina keenyatti Sadarkaa Naannoo fi godinatin hojjatama jiru Akka Godina Harargee Bahaatti Piroojektii Buleeyyii 3,ongoing 4 fi haaraa saganta garagaratin 7 Waligalaa Lakk.14 tahan Lafti Heektarra 2,445.00 ol misooma jallisii ammayyeesun abbaa Warraa 5,843.00 fayyadama akka taasisuu adda bahee xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu fi kan amma hojii keessa galaa jiru fi deegarsa sadarkaa naannoo hangaa gandatti jiru hoggansa hanga hawasa gandatti qindoominan yoo hojjatame yeroo jedhame keessatti kan milkeessinu jedhan Injineer Dabbabaa Ballaxaa, Kana Keessa Piroojeektiin jallisii kurii ganda Jilo Aanaa Mayyuu , ganda Finxaa Baasii birrii miiliyoona 253 olin ijaarsi isaa jalqabu fi lafa heektara 175 ol Kan misoomsuu fi Abbaa warraa 530 Oli fayyadamoo Kan taasisu ta'u dubbatan.
Piroojeektiin jalliisii kun Qindoomina Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaati fi Biiroo Qonnaa Oromiyaa, PACT Coordinate Unit deggaarsa dhaabbata EU jedhamu irraa kan argameedha jedhan.
Ummannis pirojektichi gaaffii isaanii bara dheeraa ta'uu dubbachuun yeroon xumuramee akka irraa fayyadamaniif tumsa barbaachisaa kan taasisan ta'uu waadaa galuun haala gaariin gammachuu isaanii ibsataniiru.

 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa gandaa Mojo Tasmotti Waliigaltee fi wal-harkaa fuudhiinsi Pirojektii Ijaarsa Jallis...
27/08/2026


Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa gandaa Mojo Tasmotti Waliigaltee fi wal-harkaa fuudhiinsi Pirojektii Ijaarsa Jallisii Kurii gandaa jilo taasifame.
===============
Hagayya 20/2018 WMJHGHB
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Qonna naannichaa ammayyeessuun, hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf inisheetiviwwan garaa garaa bocee hojjechaa jira.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawa Ganda Mojo Tasmotti walharkaa fuudhinsi iddoo Piroojeektii ijaarsa Jallisii Xiqqaa Kurii gandaa Umaroo bakka Bulchaa Bulchinsa Aanaa Gurawa Obboo Jafar Abdisha fi Itti Aanaan Bulchaa Aanaa Obbo Sharaf,Ogeessoota Ol’aanoo Naannoo Injinaar Samson,Injinaar Fiqadu ,Oggeessa Sagantaa PACT injinaar Magarsaa,Oggeessota godina ,Aanaa ,caasaa ganda fi hawasnii argamanitti Dhabbata Ijaarsa Bargamoo waliin raawwatamee.

Misooma jallisii babal'isuu, oomishtummaa qonnaa guddisuu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuuf hojiin eegalamee cimee itti fufu qaba jedhan Bulchaa fi Aanaa Mayyuu Obbo Jafar Abdisha
Ijaarsii Piroojektii Buleeyyii ,Ongoing fi Haaraa Adda Addaa akka godina keenyatti Sadarkaa Naannoo fi godinatin hojjatama jiru Akka Godina Harargee Bahaatti Sagantaa PACT'n Piroojektii Bara 2018 fi haaraa bara 2019 piroojektii 8,LLRP’n pirojektii 1 fi idileedhan 5 Waligalaa Lakk.14 tahan Lafti Heektarra 2,445.00 ol misooma jallisii ammayyeesun abbaa Warraa 5,843.00 fayyadama akka taasisuu adda bahee xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu fi kan amma hojii keessa galaa jirudha kan dubbatan Injineer Dabbabaa Ballaxaa, Kana Keessa Piroojeektiin jallisii kurii ganda Umaroo Aanaa Gurawaa , ganda Mojo Tasmotti birrii miiliyoona 94 olin ijaarsi isaa jalqabu fi lafa heektara 80 ol Kan misoomsuu fi Abbaa warraa 134 Oli fayyadamoo Kan taasisu ta'u dubbatan.
Piroojeektiin jalliisii kun Qindoomina Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaati fi Biiroo Qonnaa Oromiyaa, PACT Coordinate Unit deggaarsa dhaabbata EU jedhamu irraa kan argameedha jedhan.
Ummannis pirojektichi gaaffii isaanii bara dheeraa ta'uu dubbachuun yeroon xumuramee akka irraa fayyadamaniif tumsa barbaachisaa kan taasisan ta'uu waadaa galuun haala gaariin gammachuu isaanii ibsataniiru.

27/08/2026
13/11/2025
13/11/2025
13/11/2025

Address

Harar

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wajjira Misooma Jallisi fi Horsisee Bulaa Godina Hararge Baha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share