20/04/2023
[WK-Aanaa Baddannoo~Ebla 12/2015]
ππππ«π ππ πππ π ππππ¬π¬ππ§π’π’!ππ
Bulchiinsa Aanaa Baddannoo Kabajamoo Mahammad Bakrii Hordoftoota Amantaa Musliimaa Hundaan Ergaa Baga Ayyaana Iid Al Faxirii Waggaa 1444'ffaa Nagaan Geessanii Dabarsan!
____________
" Dura Hordoftootni Amantii Musliimaa Aanaa Baddannoofi Naannawaashee, Naannoofi Biyya Keenyaa Akkasumas Biyya Alaa Jiraattan Hundi Baga Ayyaana Iid Al Faxirii Waggaa 1444'ffaatiin Isin Gahe! Baga Geessan!" jedhaniiru.
πππππππππππππEID MUBARAK ππΊπΉ
Iid Al Faxirii Ayyaana jaalatamaa, kabajamaa, guddaa fi beekamaa xumura Soomana ji'a Ramadaanaa hordoftoota Amantaa Musliimaatiin kan kabajamu ta'uu Mahammad Bakrii ibsaniii, ayyaanichi kan gaarummaan ittiin hojjetamu, jaalalli, tokkummaa, nageenyi, obbolummaafi waliif yaaduun ittiin calaqqisu, ayyaana duudhaaleen gaggaariin badhaadhe ta'uu himaniiru.
πππππππππππππEID MUBARAK ππΊπΉ
Amantaa Musliimaa Aanaa Baddannoottii wayita Ayyaana guddaa kana kabajatan duudhaalee fi sonawwan hojii gaggaarii jaarraawwaniif uummanni keenya waliin kunuunseefi eegee asiin gahe daran cimsuufi gabbisuun, hojiilee baatii Ramadaanaa keessa raawwataman yeroo ayyaanaa kanas hojjechuun ayyaanicha akka kabajuu qaban dhaamaniiru.
imala badhaadhina hunda galeessa milkeessuuf karoorsee qaamolee hunda qindeessuun hojiilee hojjetamaa jiraniin bu'aawwaniifi injifannoowwan jajjaboo galmaa'aa jiraachuu ibsanii, injifannoowwan kanneen caalmaatti itti fufsiisuuf hojiilee misoomaa hundaaf bu'uura kan ta'e nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti hawaasni Musliimaa fi jiraattootni Aanaa keenyaa hundi hirmaannaan taasisaa turan ollaanaa ta'uu Mahammad ibsanii, ammas karoora hojiilee misoomaa roga hundaa kan fayyadamummaa jiraattoota Aanaa keenyaa daran mirkaneessuuf hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan jiru cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.