03/10/2025
Fulbaana 22,2018 Godina Shawaa Lixaatti,Seeektari Daandii fi loojistikii fi Ejensiin Geejibaa Aanaalee waliin guyyaa lamaa gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa Mootummaa gaggeeffamaa jira.
Gamaggamni raawwii hojii kur. 1ffaa sadarkaa godinaatti gaggeeffamu kun raawwii hojii daandii loojistiki kur. 1ffaa irratti hojjetamaa ture cimina jiru itti fufsiisuun hanqina jiru irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuuf manahemeentii godinaa fi aanaa wajjin qorachaa jira.
Hojii hojjetamu keessatti Aritii,qulqullinaa fi Baayinaan hojjechuuf Karoora irratti xiyyeeffannee hojjechuun murteessaa ta'uu hogantoonni mana hojii kaasanii gaggeessummaan keenya gaggeessummaa yeroon gaafatu kennuun nurraa eegamaa jedhan.