11/10/2025
YAALAA FI ITTISA DHUKKUBBII DUGDAA (BACK PAIN)
Yeroo baayyee dhukkubbiin kun boqonnaa fudhachuu fi manatti waan sasalphaan of gargaaruun baduu ni danda'a. Yeroo tokko tokko immoo mana yaalatti yaalas barbaachisuu danda'a.
Akkamitti Ittisun danda'ama?
1, Sosochii qaamaa gochuu, sochiin qaamaa jabinnaa fi qaamni keenya akka salphaatti kottoonfatuu fi diriiru godha.
2,Nyaata madaalamaa (keessattuu nyaatni kaalsiyeemii fi Vaayitaaminii D dhan badhaadhan, fayyummaa lafee keenyaaf baayyee murteessodha); akkasumas kuduraa fi muduraa.
3,Tamboo aarsuu dhiisuu
4,Ulfaatina guddaa qabna yoo ta'e hir'isuu (Ulfaatina madaalawaa qabaachuu)
5,Yeroo Ulfaatina ol kaafnu;
*yoo danda'ame haala bira fayyadamuu ykn suuta jennee ol kaasuu
*yoo olkaasnu Ulfaatina guddaa ol kaasuu hin qabnu *yeroo kaasnu haala mijataa qopheefachuu qabna.
6, Dhaabbannaa fi teessuma keenya mijeffachuu(yeroo dheeraaf dhaabbachuu, taa'uu fi ciisuun dhukkubbii dugdaa qofaaf osoo hin taane akka waligalaatti fayyaa qaama keenyaaf gaarii waan hin taaneef, haalli hojii keessan kanaaf kan isin saaxilu yoo ta'e gidduu jidduutti dhiisuun boqonnaa fudhachuun sochii taasisuu). Yeroo teessanii fi dhaabbatanis haala dhaabbanna fi teessuma qaamaa mijataa ta'e qopheefachuu qabdu.
7,Kophee 'flat' fi kan nu hin qabne fayyadamuu (kan Koomeen isaa olka'aa hin taane)
8, Dhiphina fi Yaaddoo hamaa xiqqeessuu
9,Dugda hanga danda'ameen sukkumachuu
Yeroo kamii Mana Yaalaa Deemuu Qabna?
1.Boqonnaa gahaa fudhachuun kan nu hin dhiifne yoo ta'e
2. Hoo'i qaamaa yoo dabale ( fever)
3.Dhiitaan dugda duuba yoo jiraatee
3, Waliittii fufinsaan kan nama dhukkubu yoo ta'e
4,Dhukkubbiin miilas dabalata yoo ta'e.
5,Fincaan ykn bobbaa (udaan) too'achuu kan hin dandeenye yoo ta'e
6,Fincaan fincaa'un kan nama rakkisuu yoo ta'e.
7, Erga rukkutamanii ykn kufaanii booda yoo ta'e
8,Miilli kan nama adoodu fi sochoosuun kan hin dandeenye ;akkasumas dhukkubbiin hanga miilatti kan gahuu yoo ta'e
9,Ulfaatinni qaamaa yoo baayyee kan hir'ate yoo ta'e ( significant unexplained weight loss) fi kkf yoo jiraatan dafnee mana yaalaa deemuu qabna. Kana hunda goonee yoo nu dhiisuu baate mana yaalaa deemuun ogeessa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.
Galatoomaa!!!