Gumbichu Communication/GC /

Gumbichu Communication/GC / Gumbichu is the most productive woreda.
(7)

03/06/2026

“Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera” Obbo Hayiluu Addunyaa
~~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamicha taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba'ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.

Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa'aa ta'een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba'uuf bobba'an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.

  Deebisuun Dhaloota Boruuf Diinagdee Magariisaa Dhaalchisuu Qaba.=========
03/06/2026

Deebisuun Dhaloota Boruuf Diinagdee Magariisaa Dhaalchisuu Qaba.
=========

03/06/2026
03/06/2026
  Ummata_Keenyaati.========
03/06/2026

Ummata_Keenyaati.
========

  Kilaastara Tulluu Farraatiif Kenname.=========
03/06/2026


Kilaastara Tulluu Farraatiif Kenname.
=========

03/06/2026

"Itoophiyaa keessatti dimokiraasii cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha" Garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa
~~

Hogganaan garee taajjabdootaa Gamtaa Afrikaafi preezdaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa hojii mootummaan Itoophiyaa sirna dimokiraasii cimsuuf hojjeteef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Adeemsi filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaan geggeessite bu’uura seera Itoophiyaafi Idil-addunyaatiin gaggeeffamaa akka ture taajjabbii isaaniin kan adda baafatan tahuu kan ibsan Keeniyaattaan, Gamtaan Afrikaa jala bultii filannoo irraa eegalee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa taasisaa akka tures yaadachiisaniiru.

Barnoota filattotaa ilaalchisee, uummanni akkaataa itti sagalee kennuu danda’u irratti hubannoon sirrii ta’e kennamuufiin filattotaaf haala mijataa kan uume ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan garee taajjabdootaa kun akka ibsanitti, teknooloojii fayyadamuunis keessumaa dargaggootaaf carraa guddaa kan uume ta’uu ibsanii, yeroon sagalee kennuu dheerachuun filattotaaf carraa dabalataa kan uume ta’uufi qaama miidhamtootaafi maanguddootaaf dursi kennamuun hirmaannaa lammiilee haalaan akka dabalu taasisuu eeraniiru.

Qondaaltonni filannoofi qaamoleen nageenyaa guutuu Itoophiyaa keessatti argaman itti gaafatamummaa isaanii haala gaariin ba’uu isaanii, akkasumas miidiyaaleen hojii isaanii miira itti gaafatamummaa wal fakkaatuun raawwachuufi hundaa ol hirmaannaa ummanni Itoophiyaa filannoo kanarratti taasisaniif Keeniyaattaan aaniif galateeffataniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

  Aadeeffatame Milkaa'ina Olaanaa Fida.=================Caamsaa 26/2018 ‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu Kilaastara ...
03/06/2026

Aadeeffatame Milkaa'ina Olaanaa Fida.
=================
Caamsaa 26/2018 ‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu Kilaastara Araddaa Fi Caffee Silmany Magaalaa Araddaatti Raawwiin Hojjiilee Paartii fi Mootummaa Gandoota Kilaastaroota Qoratame.
‎==========

  Duubdeebii Kennaa Deemuun Milkaa'ina Raawwii Hojjii Itti Aanuuf Shoora Guddaa Qaba.========>=========Caamsaa 26/2018 ‎...
03/06/2026

Duubdeebii Kennaa Deemuun Milkaa'ina Raawwii Hojjii Itti Aanuuf Shoora Guddaa Qaba.
========>=========
Caamsaa 26/2018 ‎Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuutti Gamaggama Raawwii Hojjii Mootummaa Fi Paartii Hanga Ammaa Irratii Bakka Bulchaan Aanaa Gumbichuu Obbo Masfin Kabbitee, Jiru I/A Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Dr. Lammaa Abarraa Fi Hoggansi Godinaa Argamanitti Hoggansaa Fi Manaajimantii Seektaroota Aanaa Fi Komaand Poostii Waliin Ciminnii Fi Hanqinni Hojjiilee Ture Ilaalamuun Hanqinni Akka Ariitiin Sirratuu Fi Ciminni Jiru Immoo Caalmaan Akka Itti Fufu Irratti Waliif Galameera.
========>=========
I/A Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Dr. Lammaa Abarraa Kallattii Kennaniin Hojjiin Gama Siyaasaa, Nageenyaa, Misoomaa, Diinagdee Fi Hawaasummaa Milkeessuu Irratti Hoggansi Qindoomina Isaa Cimsee Ariitii Yeroon Barbaadun Raawwatee Injifannoo Akka Biyyaatti Roga Maraan Dhugoomaa Jiru Itti Fufsiisuu Akka Qabu Dhaamameera.
=========>>=========
I/A Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee akka jedhanitti, Filannoon Marsaa 7ffaa Gaggeeffame dimokiraatawaa, haqa-qabeessaa fi hirmaachisaa kan ture yoo ta'u nageenyummaan filannichaa eegamee kara nagaan akka xumuramuuf hoggansi keenya qindoomuun milkeesse jira erga jedhaniin booda, hojjii keenya hundatti milkaa'uuf hojjii keenya karaa ariitii isaa eeggateenii fi qulqullina qabuun hojjechuun dhimma filannoo biraa hin qabneedha kan jedhan hoggansi sadarkaan jiru hundi karaa qindoomina qabuun hojjechuun hojjii hunda milkeessuu qaba jedhan
========>>>>=======
Bulchaan Aanaa Gumbichuu Obbo Masfin Kabbitee Akka Jedhanitti, Jalqabarratti Filannoon Marsaa 7ffaa Biyyi Keenya Gaggeessite Karaa Nagaatiin Akka Goolabamuuf Hoggansi Keenya Gahee Guddaa Baheera Kan Jedhan Yaadama Mootummaa Ida'amuutiin Hojjiileen Hundi Baay'ina, Qulqullinaa Fi Ariitiin Raawwatamuu Qaban Jechuun, Hoggansi Keenya Hundi Qindoomina Isaa Cimsuun Fi Saffisa Yeroon Barbaaduun Hojjiilee Sadarkaa Hundatti Hojjetamuu Qaban Milkeessuun Badhaadhina Maatii Fi Biyyaa Dhugoomsuu Qabdu Jedhan.
=====================
Dhumarratti Kallattiin Hojjii Itti Aanu Kennameera

02/06/2026

Address

Chafe Donsa
Gumbichu

Telephone

+251224510023

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gumbichu Communication/GC / posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Gumbichu Communication/GC /:

Share