15/06/2023
Aanaa Aalleetti Weerarri busaa babal'ataa jira.
πππππππππππππ
π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦π¦
Waxabajjii 8/2015 waajjira Kominikeeshinii aanaa Aallee, Goree.
Akka aanichaatti haala duraan hin baramneen bara darbe kan mul'ate dhukkubni busaa, bara kanas wayita ganni seenu dabalaa jiraachuusaa waajjirri Eegumsa Fayyaa aanaa Aallee ibsee jira.
Qorannoo laaboraatoorii ji'oota 10 keessatti yaalamtoota 13,950 irratti geggeeffameen dhukkubichi namoota 2528 irratti kan argame ta'uu ibsameera. Bara kana ji'a Guraandhalaa keessa qorannoo geggeeffameen nama 3 qofa, Ji'a Eblaa keessa 20, Camsaa hanga jalqaba ji'a waxabajjii ragaan kun fuudhameetti baay'inni namoota Busaan qabamanii saffisa addaan gara 126tti ol guddachuusaa ragaan waajjirichaa ni mul'isa.
Haala facaatii dhukkubichaa gandootaan yoo ilaalamu kan inni baay'ee babal'atee jiru
1ffaa ganda Gumaroo Aabboo
2ffaa ganda Ongaa
3ffaa gandaJeetoo Kooyyamii
4ffaa ganda Hagaloo fi
5ffaa ganda Carii Hoobee ta'uu ibsuun jiraattotni weerara dhukkubichaa xiqqeessuuf gorsa ogeessaa fayyadamuu qabu jedhameera.
Haaluma kanaan bishaan hin yaane kuufamee jiru walhormaata Bookee Busaaf ta'u yaasuu, bishaan qodaa cabaattillee naannoo manaatti kuufamee jiru dhangalaasuu, Saaphana sireetti haalaan fayyadamuu, wayita ho'inni qaamaa namatti cimu dafanii mana yaalaa deemuun dhukkubicha ittisuun akka danda'amu waajjirri eegumsa fayyaa aanaa Aallee ergaasaa dabarseera.
Fayyaan faaya!