Waajjira Misooma Interpirayizii fi lndustirii A/Kuyyuu

Waajjira Misooma Interpirayizii fi lndustirii A/Kuyyuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Misooma Interpirayizii fi lndustirii A/Kuyyuu, Government Organization, 0111310573, Gebre Guracha.

10/09/2021

Kabajamtootaa maamiltootaa keenyaa baga bara haaraa 2014 nagahaan isin gahee nu nagahee isinin jechaa
-Kan nagahaa
-Kan jalaalaa
-Kan Tokkummaa
-Kan Milkii
-Kan gammachuu
Kan waan karoorfataan hundi galmaa isinif gahuu yaa ta'u.

Waajjiri keenya rawwii hojii bara 2013 keessatti hojii hojjeeten sadarkaa Godinaati 3ffaa sadraka Aanaati 1ffaa bahuun b...
05/08/2021

Waajjiri keenya rawwii hojii bara 2013 keessatti hojii hojjeeten sadarkaa Godinaati 3ffaa sadraka Aanaati 1ffaa bahuun badhasaa geebaa fi waraqaa ragaa argatee jira kanafuu Hojjeettonni waajjira MII fi Qaamoolleen hojii kana milkeessuu keessati qoodaa qabdan hundi baga gammadaan.

25/06/2021

Kabajamtoota Abbooti dhimmaa waajjira keenyaa tajaajila barbadaan hundaaf guyyaa boruu jechuun 19/10/2013 sanbataa ta'us hojiin kan itti fuufuu waan ta'ef akka dhuftani tajaajilamtan isin beeksifna.

08/10/2020

Beeksisaa
Waldaallee Imx hojii ijaarsa Gamoo,Hojii ijaarsa Daandii,Hojii ijaarsa biishaanii irratti gurmooftaan hundaaf
B/J
Dhimmi:-waamicha walgahii irratti akka agamtaan isin beeksisuu ilaalaa.
Waajjiri konistirakshinii godinaa sh/Kaabaa mariif kan isin barbaduu waan ta'ef isinis kanumaa hubachuun duraa ta'an waldaa gaafa guyyaa 02/02/2013 akka irraati argamtaan isin beeksifna tolee.Iddoon galmaa Aadaa Salaalee

Waajjiri keenya karoora bara kana galmaan gahuun hojii hojeetamen akka godinaatis ta'a Aanaati rawwii olaanaan waan xumm...
24/09/2020

Waajjiri keenya karoora bara kana galmaan gahuun hojii hojeetamen akka godinaatis ta'a Aanaati rawwii olaanaan waan xummureef badhasaa kana argate jira.kanaf hojeettonni waajjira keenyaas qaamolleen hojii kana irraatti hirmataan hundi baga gammadaan jecha ammas fayyadamummaa dargaggoota keenyaa foyyeessuuf hundi keenya xiyyeeffannoo itti kennun yaa hojeennu.

16/08/2020

Waajjiri keenya hojiiwwaan bara bajataa 2012
keessaa hojeetamanin akka godinaati
sadarkaa gaariin xummuru isaatiin badhasaa
geebaa argatee jira.Baga gammanee baga
gammadaan jechaa hojii bara itti Aanunis
fayyadamummaa dargaggota keenya irratti
xiyyeffachuun hojeetamu qaba.

10/05/2020

"Horsiisa lukkuurraa ka'een investimentiittan
cehe"
"Kolleejjiifi manni barumsaakoos waggaa
haaraatti barattoota simatu"
- Abbaa Gadaa durii Bayyanaa Sanbatoo
**********
Jireenyi walaansoodha kutannoon jiraannaan
wanti hin injifatamne akka hinjirre Abbaan Gadaa
durii Bayyanaa Sanbatoo dubbatu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonnaan
bultoota, borsiisee bultootaafi IMX kaappitaala 1.5
ol galmeessisan 2480 invetimentiitti ceessisuun
beekamtii kenneera.
Qonnaan bultoota invetimentiitti cehan keessaa
Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaa Sanbatoo isaan
tokko turan.
Akka ibsasaaniitti miirri kutannoo jiraannaan
wanti hindanda'amne kan hinjirre yoo ta'u,
jireenyasaanii jijjiiruuf horsiisa lukkuu ka'umsa
godhachuu dubbatu.
Gatiin lukkuus qarshii tokkoof saantima shantama
akka tures, himanii, Abbaa Gadaa Bayyanaa
lukkuu 600 gurguruun xuyyeeffannoosaanii
qonnatti akka jijjiiran himaniiru
1976 barnoota kutaa 10 xumuruun booda
qotiyyoo bitachuun qonna Kan eegalan Abbaa
Gadaa Bayyanaan Kan a baasanii cinatti
dabalataan Lafa kireeffachuun of kennanii
hojjechaa akka turan dubbatu.
Bu'aa dachaan argatan Sana qonna ammayyaan
deeggaramanii callaasaanii guddisuuf sochii
taasisaa turaniin toora investerootaa hiriiruu akka
dandahan kaasaniiru.
Qabatamummaan bu'aa hojiisaanii lafarrattiy
mul'achuun waraqaan beekamtii investerummaa
kennamuufii akka dandahe dubbataniiru.
Yeroo ammaattis sangaa qotisaa gindii 8 fi
tiraaktara qonnaa 2 bitachuun qonnasaanii
ammayyeessuun dinagdeesaanii fooyyessaa
jiraachuu dubbataniiru.
Kanamalees madda galii qonnarraa argatan
kanaan mana barumsaa kutaa 1fa - 12fa
akkasumas kolleejjii Gadaa sirni Gadaa itti
baratamu Bishooftuutti ijaarsisuu himaniiru.
Banamuun kolleejjii sirna Gadaa kun dhaloonni
waa'ee Gadaa akka beekani baraniis akka
barsiisaan dhaloota qaruuf gargaara jedhaniiru.
Sochichi hayyota gadaan deeggaramaa akka
deemuuf qorannaan barbaachisaa taasifamaa
turuus eeraniiru.Maddi "Gaazeexaa Bariisaa"

19/04/2020

Hordoftonni amanti ortodoksii Baga guyyaa du'aa ka'uu gooftaa keenyaaf
fayyisaa keenya iyyeesuus kirstoosiin isin ga'e.
Koronaa irraa of eega.

06/04/2020

Dhaabbanni Ittisaa fi To'annoo Dhukkubootaa
Ameerikaa (CDC) lammiileen biyya isaanii kafana
(uffata) afaanii fi funyaan haguugu akka
godhatan maaliif gorse?
*************************************
Akka isaan jedhanitti, qoraannoon haaraan
geeggefamee, namoonni vaayirasii koroonaa
kanaan qabamanii mallattoo takka osoo hin
argisiisin gara nama biraatti ni dabarsu. Kana
jechuun, namni kamuu vaayirasii kanaan
qabamee utuu hin beekiin nama biraatti dabarsaa
jiraachuu danda'a jechuudha. Kanaaf, yoo bakka
namoonni biroon jiranitti ba'u, namni kamuu akka
dhukkuba kana nama biraatti hin dabarsineef
kafana afaanii fi funyaan haguugu godhatee akka
ba'uu gorsina jedhan. Daa'imman umuriin
waggaa lamaa gadii fi namoonni rakkoo sirna
hargansuu qaban garuu kafana kana uffachuu hin
qaban.
*************************************
As irratti kafanni uffatamu kun, yoo ofii dhukkuba
COVID-19 qabaanne, akka nama biraatti hin
dabarsine gargaara, malee akka ofii keenyaa
nama biraa irraa dhukkubni kun nutti hin
darbineef hin gargaaru.
*************************************
Akka biyya keenyaattis ta'e, dhaabbanni fayyaa
addunyaa, waan kana ilaalchisee gorsa kenne hin
qabu.
Maddi Dr Gurmeessaa

06/04/2020

Ofi eggachuun maatii eeguu, ollaa eguu fi biyya
eeguu dha. Kanaafuu of eggachuun gootummaa
dha!

04/04/2020

Hojii gaarii
Waldaan kanaa duraa hojii dabaree konkolataa eegsisuu irraatti
gurma'ani hojii keessaa jiran yoo ta'u lammiin keenya
yoo rakkatu teenya hin ilaaluu jechuun sababaa
dhibeen koronaa yeroo amma kana haala
yaaddessaa ta'e gabaan dhabbatee sochiin hundi
dhabateef harka qaleeyyii sababaa kanan
rakkacha jiran gargaruuf qarshii ofii isaaniif akka
waldaati keennan cinaatti daandii fi mana irraa
naana'un qarshii walitti qabuun deegarsa
namoota harka qaleeyyii fi hojii isaanii yeroo
amma dhabaan(dafqaan bultootaaf)kennuf hojii
gaarii hojeetaan kannenif galatomaa jechuun
barbaachisadha.lammiin lammiif jechuun hojii
gaarii hojeetaaniif galanni keessan guddadha.

14/03/2020

Mallatooleen Dhukkuba VaayirasiiKoronaa
(COVID-19) maal fa'adha?
***********************************
- Hoo'a qaamaa (garmalee nama hoo'isuu).
- Qufaa (irra jireessaan qufaa gogaa yoo ta'u,
namoootni tokko tokko ammoo aakee/aakkita
qabaachuu malu).
- Dadhabii (garmalee nama dadhabsiisuu).
- Kokkee/qoonqoo nama goggogsuu
- Namoota dhukkubichi itti hammaate ammoo -
Qillensi hanqachuufi garmalee nama
hargansiisuun ni jiraata.
- Darbee darbee ammoo bowwoo, maashaaleefi
buuseewwan irratti dhukkubbiin jiraachuu, nama
qorrisisuufi nama hollachiisuu, funyaan namaa
akka waan ukkamamuu ta'uu, lollojjiifii haqqeen
darbee darbee muldhachuu danda'u.
* Hubachiisa: Mallatooleen kun hundi yeroo tokko
muldhachu dhabuu danda'u. Isaan keessaa
muraasni qofa nama irratti muldhachuu danda'u.
Namni mallattoolee kana muldhise hunduu
dhukkubicha qaba jechus miti. Mallatooleen kun
dhukkuboota biroo irrattis muldhachuu danda'u.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa argadhaa!
©Dr. Nuredin L.

Address

0111310573
Gebre Guracha

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Misooma Interpirayizii fi lndustirii A/Kuyyuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share