Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Giraar Jaarsoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Giraar Jaarsoo Haqaan Haqaaf Hojjenna!

01/06/2026

OOLMAA DHADDACHAA
Guyyaa 24/09/2018
"WAAAGJ"
Fiichee
Himatamaan Yakka Gubiinsaa Raawwate Adabame.
------------------------
Himatamaan Dassuu Wa/Kiroos Fayyee jedhamu sababa haati isaa Aadde Muluu Rattaa jedhamtu Qabiyyee Lafa Baadiyyaa kennaan naaf kennite narraa fudhatte jedhuun haaloo itti qabatee ishee erga Mana isheetii ari'ee ijoollee ishee durbaa bira akka teessu taasisee booda gaafa guyyaa 10/09/2018, galgala keessaa tilmaamaan sa'aatii 2:00 yommuu ta'u, Godina Sha/Kaabaa, Aanaa Giraar Jaarsoo, Ganda Kootichoo Safaanee, Iddoo Addaa Safaraa jedhamuun waammamutti dallaa mana jireenyaa haadha isaa tanaatti Abidda qabsiisuun qabeenya tilmaamaan qarshii 20,000(Kuma Diigdama) baasuu danda'u gubuun jiraattonni naannoo birmatanii abiddicha dhaamsuun gara qabeenya birootti babal'atee balaa biroo akka hin geessisne waan taasisaniif himatamaan yakka qabeenya gubuu raawwate jedhamee Eeruun Garee Qorannoo Yakkaa fi Mu/Ha/Kennisiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Giraar Jaarsootiif dhiyaate. Gareen qorannoos dhimma yakkaa eeruun ittiin dhiyaateef ragaa namaa fi sanadaan qulqulleessee erga xumuree booda, galmee qorannoo Abbaa Alangaa A/Giraar Jaarsootiif dhiyeessuun Abbaan Alangaas galmee dhiyaatef keessa isaa qorachuun ni himachiisa jedhee erga murteessee booda himatamaan Seera Yakkaa bara 1996 fooyya'ee bahe kwt.494(1) irra darbuun yakka gubiinsaa raawwate jechuun himannaa hundeessee Mana Murtii Aanaa Giraar Jaaraootiif dhiyeesse.
Manni Murtiis himannaa dhiyaate ofitti fuudhee bitaaf mirga falmisiisee, himatamaan tarree himannaa isarratti dhiyaate gar-tokkeen waan waakkateef ragaan AA dhiyaatanii dhagahamuun akkaatuma himannaa AA'tin kan irratti mirkaneessan waan ta'eef, kwt. ittiin himatame jalatti akka ofirraa ittisu jedhamus himatamaan ragaa ittisaa hin qabu jechuun barreeffamaan iyyachuun mirgi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu isaa bira darbamee S/Y kwt.494(1) jalatti balleessaadha erga jedhamee yaadni adabbii bitaaf mirgaa dhagahamee madaalamuun manni murtii dhaddacha gaafa guyyaa 21/09/2018 oolen himatamaa kan barsiisu fi fakkaattota isaa kan akeekkachiisu hidhaa cimaa waggaa 1(tokkoon) akka adabamu murtaa'eera.

01/06/2026

OOLMAA DHADDACHAA
Caamsaa, 24/2018
Himatamaan Yakka Hannaa Raawwate adabbii hidhaan adabame.
Himatamaan Masfin Tasfaayee Taaddalaa jedhamu gaafa guyyaa 23/09/2018, ganama keessaa tilmaamaan sa'aatii 1:00 yommuu ta'u, Bulchiinsa Magaalaa Fiichee Ganda Burqaa Jaallee, Iddoo Addaa Bowwaa jedhamuun beekkamuu qabeenya nama biroo kan ta'an Hoolota Haadhoo Lama(2), gatiin waliigalaa isaanii tilmaamaan Qarshii 29,000(Kuma Diigdamii Sagal) ta'u, kan Miidhamaa Dhuunfaa Katamaa Lammaa jedhamuu iddoo isaan Dheedaa jiranii hatee fudhatee, gara Gabaa Ejersa Kaawoo jedhamutti geessee gurguruuf hoofaa osoo jiruu hordoffii hawaasni naannoo taasiseen guyyuma olitti ibsame kana ganama keessaa tilmaamaan naannoo sa'aatii 1:30 yommuu ta'u, Aanaa Giraar Jaarsoo, Ganda Torban Ashee, iddoo addaa Gaara Boolloo jedhamutti harkaaf harkatti qabamee yakka hannaa raawwate jechuun eeruun Abbaa Alangaa fi Qorataa Poolisii Aanaa Giraar Jaarsootiif dhiyaate. Abbaan Alangaa fi Qorataan Poolisiis battaluma eeruun dhiyaaten galmee yakkaa irratti qulqulleessuun, galmeen qorannoo AA'f erga dhiyaatee booda Abbaan Alangaas himatamaan badhaadhina/faayidaa isaaf hin malle argachuuf itti yaadee yakka hannaa raawwate jechuun himannaa S/Y kwt.665(1) jalatti himatamaa irratti hundeessuun bifa RTD'n Mana Murtii Aanaa Giraar Jaarsootiif dhiyeesse. Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee eenyummaan isaa erga adda bahee booda, mirgi inni qabu itti himamee, himanni AA'n isarratti dhiyaate haala isaa galuun dubbifameefii erga hubatee booda tarree himannaa irraa AA irraa MSD kan hin qabne ta'uu ibsuun, gocha yakkaa ittiin himatame kan raawwate ta'uu isaa akkaatuma tarree himannaa AA'tin guutumaan guutuutti amanuun jecha amantaa isaa waan kenneef, Manni Murtii ragaa biroo dhagahuu osoo hin barbaachisin himatamaan kwt.ittiin himatame jalatti balleessadha erga jedhee yaada adabbii bitaaf mirgaa dhagahuun erga madaalee booda himatamaa ni barsiisa, fakkaattota isaa ni akeekkachiisa jedhee kan itti amane dhaddachaa gaafa guyyaa 23/09/2018 ooleen Adabameera.

Akka aana Giraar Jaarsootti Kabaja guyyaa Ayyaana dubartootaa(March 8) sababeeffachuun hubannoon seeraa mata duree ittis...
24/03/2026

Akka aana Giraar Jaarsootti Kabaja guyyaa Ayyaana dubartootaa(March 8) sababeeffachuun hubannoon seeraa mata duree ittisa yakkoota nmaan daldaluu fi seeraan ala daangaa ceesisuu irratti kennameera.

23/03/2018==========Kabaja Ayyaana farra malaammaltummaa akka aanaatti kabajame irratti argamuun hojjettoota mootummaa s...
02/12/2025

23/03/2018
==========
Kabaja Ayyaana farra malaammaltummaa akka aanaatti kabajame irratti argamuun hojjettoota mootummaa sadarkaa aanaa fi gandoota irraa walitti babbahaniif hubannoon labsii farra malaammaltummaa irratti kennamee jira.

(Sadaasa 16,2018) Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Giraar Jaarsootti Leenjiin Naamusaa Ogummaa, Kenna Tajaajila akkasummas far...
25/11/2025

(Sadaasa 16,2018) Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Giraar Jaarsootti Leenjiin Naamusaa Ogummaa, Kenna Tajaajila akkasummas farra malmmaltummaa wal qabatee Hojjettoota Mootummaa Aanichaa Hundaa Hirmaachiseen kennamee jira.
=========//=========
I/Gaafatamaan Waaj/ Bulchiinsa Aanaa Giraar Jaarsoo Obbo Barakat Taayyee haasaa baninsaa taasisaniin Ummanni keenya Tajaajila, Si'ataa fi iftooma qabu argatee Rakkooleen bulchinsaa gaarii furamuun komii fi mufii tokko malee hawaasni keenyaa Kenna tajaajila fi naamusaa ogummaa isaa eggatee hojjettan kammiiyyuu rakkoo hawaasa furuuf qajeeltuu fi qulqullummaan tajaajiluun miiraa xiiqiin hojjechuun murteessadha jedhaan.

Leenjii gabaabaa hubannaaf ta'u dhimma Kennaa Tajaajilaa,Naamusaa Ogummaan fi farra malmmaltummaa wal qabatu irratti I/Gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Giraar Jaarsoo Obbo Kaffalaa Dajanee hirmaattootaf dhiyeessuun mariin bilchinaa qabuu taasifamee jira.

Dabalataanis akka obbo Kaffalaan himanitti Leenjii kanaas dhaloota Malaamaltummaa hadheeffatee balaaleffatu Uumuu fi horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu himanii jiru.

leenjiin,Naamusa iddoo hojii,hubannoo seeraafi qajeelfama madaallii raawwii hojjii hojjattoota mootummarratti kan kennan Abbaa Adeemsaa TQO Obbo Tashooma Birhanuu akka ibsanitti kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa sadarkaan jiranii fooyyessuun itti quufinsa maamilaa dabaluuf tajaajilaa si'ataa, qulqulluu fi qaqqabamaa taasisuun ummataa fi mootummaa gidduutti wal-amantaa cimaa uumuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaan.

15/03/2017Guyyaa hardhaa Kabaja Ayyaana SSUI marsaa 20ffaa kabajamu sababeeffachuun barreeffama ka'umsa mariif ta'u kara...
24/11/2025

15/03/2017
Guyyaa hardhaa Kabaja Ayyaana SSUI marsaa 20ffaa kabajamu sababeeffachuun barreeffama ka'umsa mariif ta'u karaa keenyaan namoota ayyaanicha kabajuuf gandoolee baadiyyaa irraa walitti babbahan,gaggeessitoota gandaa fi aanaa,akkasumas hojjettoota mootummaa walitti dhufaniif dhiyeessuun marii baldhaan irratti gaggeeffameera. Barreeffamni kunis dhaadannoo waliigaltee Dimookiraatawaa tokkummaa sab daneessaaf jedhuun kan qophaa'e yoo ta'u, gaaffiilee fi yaada hirmaattota irraa ka'an irratti mari'chuun xumurameera.

04/03/2018Kabaja Guyyaa ayyaana Riivaanii adii Fi Guyyaa daa''immanii sababeeffachuun qaamolee garaagaraa gandoota baadi...
14/11/2025

04/03/2018
Kabaja Guyyaa ayyaana Riivaanii adii Fi Guyyaa daa''immanii sababeeffachuun qaamolee garaagaraa gandoota baadiyyaa Hunda irraa walitti babbahaniif mata duree Barmaatilee miidhaa dubartootaa Fi daa'imman irra qaqqaban dhabamsiisuu jedhu irratti maateeriyaalii qopheessinee kenninee jirra. Xumura Hubannoo kanarrattis BMG dhabamsiisuuf tokkoon tokkoon qaamolee hirmaatanii gahee keenya ni banana jechuun waadaa galanii jiru.

07/08/2025

Address

Fitche

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Giraar Jaarsoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share