Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa

Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa, Government Organization, Dire Dawa Woreda 8 Administration office (Laga Hare), Dire Dawa.

09/03/2025
08/03/2025

🙏🕊️ PEACE🕊️🙏

Huursotti Milishaan Baay'een Leenjifamee eebbifamee jira.G/H/ Bahaatti nageenya ummatichaa eeguu fi rakkoo ummataa hiiku...
02/04/2019

Huursotti Milishaan Baay'een Leenjifamee eebbifamee jira.
G/H/ Bahaatti nageenya ummatichaa eeguu fi rakkoo ummataa hiikuuf akkasumaas qabeenya Hawaasaatiif eegumsa barbaachisu hunda gochuuf W/Bulchiinsaa fi Nageenya G/H/Bahaa Anoota G/H/Bahaa keessaa walitti fiduun leenjii sirritti kennuudhaan kaanbii bakka Bulchaa fi Hogganoonni G/H/Bahaa biroo jiranitti guyyaa 23/07/2011tti eebbisee jira.
Ummanni keenya qaamoota nageenyaa keessan kana cinaa dhaabbattanii nageenya keessaniif akka tumsitan kabajaa fi ulfina guddaa wajjiin asumaan isiniif dhaamuu feena.!!!!!!!

12/03/2019


Kontorbaandistoonni dhiiga namaa dhangalaasaa qabeenya ummata keenyaa duguugaa turan ammallee abdii osoo hin kutatin harka keenyaan ibadda qabatee faayidaa isaa ittiin bilcheeffachuuf halkanii guyyaa xaaraa waan jiruuf ummanni keenya firraa hubatee namoota sochii akkasii godhu saaxiluu akka qabu W/Bulchinsaa fi Nageenya G/H/Bahaa isin hubachiisa. Diinoonni keenya numa walitti buusuudhaan qabsoo Oromoo gufachiisuuf halkanii guyyaa rafaa hin jiran. Oromoo saboota biraatiin walitti buusuun kaayyoo isaanii galmaan gahachuuf hedduu xaaraa jiru. Manneen amantii irratti balaa geessisuun ummanni Amantaa fi Sabaan akka walirratti ka'uuf baay'ee carraaqaa jiru. Kanaaf ummanni keenya manneen amantaatiif eegumsa barbaachisu gochuu fi Sabaafi Sablammoota wajjiin warreen walitti nu buusuuf ifaajan itti dammaqanii saaxiluun mootummatti dabarsanii akka kennanii fi rakkoon osoo hin uumamne qaama nageenyaatiif eeruu kennuudhaan kaayyoo diina qabsoo Oromoo hunde madda isiitti akka goggooysan jajjabeessinee isinitti dhaammanna.

G/H/Bahaa A/Baabbilee Ar/Dareeraa fi Ar/Eraritti ummata rakkoo Nageenyaatiin buqqa'ee ture lafa isaanii irratti deebifne...
12/03/2019

G/H/Bahaa A/Baabbilee Ar/Dareeraa fi Ar/Eraritti ummata rakkoo Nageenyaatiin buqqa'ee ture lafa isaanii irratti deebifnee qubsiisuun arrallee itti fufee jira. Ummanni keenya Lafti Lafee isaanii tahuu hubatee iddoo isaanii irratti waaruuf hubannoodhaan Nageenya isaanii mootummaa wajjiin eeggachuun akka jiraatan murteessanii jiru.

G/H/Bahaa A/Baabbileetti sababii rakkoo nageenyaa kontorbaandistootni ummata nagayaa jiddutti uumeen ummanni iddoo isaa ...
11/03/2019

G/H/Bahaa A/Baabbileetti sababii rakkoo nageenyaa kontorbaandistootni ummata nagayaa jiddutti uumeen ummanni iddoo isaa irra buqqa'ee akka ture ni yaadatama. Sochii Araaraa yeroo dabre gooneen tasgabbiin waaraa uumamuudhaan ummata buqqa'ee guyyaa harraa Araddoota lama irratti deebifnee jirra.
Isaaniis:-
1, Araddaa Abbaa warraa #1700.
2, Araddaa Abbaa warraa #2000 iddoo isaan irraa buqqa'anitti deebifnee qubachiifne jirra. Hawaasa kana harra yeroo iddoo isaaniitti finnu Abbaafi Ilma yeroo dheeraaf wal hin arkin, kan rakkoo nageenyaatiif addaan faca'ee wal arkuu dadhabe harra yeroo wal arkan agarre. Harrarraa eegalee Hawaasa kana bakka jiranitti nageenya saanii eeguun dirqama keenya. Hawaasni hundi xiyyeeffannaa kennuudhaan jaalalaan obbolaa isaanii wajjiin jiraachaa nageenya isaaniitii fi nageenya obbolaa isaaniitiif akka carraaqaniin dhaamsa keenya. Kontorbaandistootaa fedhii dhunfaa isaaniitiif nageenya ummataa daldala godhatan ummanni keenya firraa beekee akka saaxiluu qabu Waajjirri Bulchinsaa fi Nageenya Godinaa Harargee Bahaa isiniif dhaama.

05/03/2019

G/H/Bahaa A/Meettaa keessatti humni qindaawee Saamichaaf karaa M/Calanqoo fi M/Qobboo jiddutti maqaa qeerrootiin makiinoota dhaabsisanii Saamaa turan keessaa namoonni 3 sochii qeerroo fi poolisiin Aanichaa waliin godhaniin too'annaa seera jala oolanii jiru. Namoonni kaan barbaadamaa jiru.

05/03/2019

G/H/Bahaa A/Fadis walitti bu'unsaa ummata jiddutti uumamee ture furuudhaaf Bulchinsaa fi Nageenyi Godinichaa iddoo rakkoon itti uumametti argamuun marii manguddoo fi Hawaasa Gosichaa waliin godheen ummanni sirnaa Aadaa duraan ittiin bulaniin araara buusanii Nagayaan akka waliin jiraatan godhamee jira. Namoota badii uuman hawaasichi saaxiluun karaa Aadaa ummatichi ittiin bulaa tureen adabanii nagaya buusuun danda'amee jira. Marii kanarratti rakkoon akkanaa lammada deebitee akka hin uumamne marii ballaa godhameen akeekkachiisaa fi adeemsa karaa nagayaa ta'een saaxiluun akka of keessaa baasanii kennan irratti waliif galanii jiru. Walitti bu'insa kana keessatti qaamni mootummaatiis harka keessaa akka qaban ummanni namoota muraasa saaxilanii jiru. Namoonni gochaata akkanaa keessatti hirmaachaa jiran gaaffii seeraa jalaa akka hin baanee fi itti gaafatamummaan mataa isaanii irra akka ta'e hubachuu qabu.

Marii Araara Ummata A/Baabbilee fi Aanoota N/SomaaleeRakkoon Daangaa Ummata keenya G/H/Bahaa A/Baabbilee yeroo dheeraaf ...
28/02/2019

Marii Araara Ummata A/Baabbilee fi Aanoota N/Somaalee
Rakkoon Daangaa Ummata keenya G/H/Bahaa A/Baabbilee yeroo dheeraaf akka malee nu jeeqaa turtee fi lubbuu hawaasa keenyaa gaaga'aa turte arra marii araara hawaasa obbolaa gama lameenii jiddutti godhameen furamee jira. Araarri yeroo dheeraadhaaf Ummata Oromoo fi Somaalee jiddutti godhamuuf yaalamaa ture sababii shiroota diinaa, kotorbaandistoota faayidaa dhunfaadhaaf ummata obbolaa lameen walitti buusuudhaan akka hin milkoofne godhamaa ture sosocha'insa guddaa Bulchinsi G/H/Bahaa fi W/Bulchinsaa fi Nageenya G/H/Bahaa Abbootaa Gadaa Ummatichaa wajjiin godheen guyyaa harraa akka milkaawu godhamee jira. Konfaransii kanarratti kan argaman keessummoonni kabajaa:-
Kabajamoo Pr/MNS Obbo Musxafaa Umar
Kabajamoo It/G/W/B/B/N/MNO Bir/Jeeneraal Kamaal Galchuu,
Kabajamoo Bul/G/H/Bahaa
Obbo Husseen Fayyisoo,
Kabajamoo It/G/ODP G/H/Bahaa Obbo Abdi Ahmadii fi
Bulchoonni G/H/Bahaa akkasumaas
Kabajamtoota Abbootii Gadaa, Manguddootaa keenyaa fi Ugaasoonni Somaalee asirratti nu waliin argamuun Aarara kana milkeessanii jiru.
G/H/Bahaa A/Baabbileetti rakkoo nageenyaa furuuf hawaasni gama lamaanii araaramanii Ummanni buqqa'e akka iddo saatti deebi'uuf walii galanii jiru.
Hogganaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenya Oromiyaa B/Janaraal Kamaal Galchuu shira kontorbaandistootaa fi qaamoolee fedhii dhunfaaf hawaasa Oromoo fi somaalee walitti buusaa yeroo turetti MNO kan ummata Oromoo buqqaase walitti bu'insa saboota Oromoo fi Somaalee miti, kun shira humnoota fedhii addaa qaban jedhee ejjannoo qabatee hojjachaa turee jira. Ammaas kan rakkoo nageenyaa kana uumanii hawaasa qulqulluu walitti buusaa jiran namoota dhunfaa kan fedhii addaatiif yeroo tokko sabaa fi saba, yeroo biroo amantii fakkeessanii Ummata walitti buusuu daldala godhatanii jiran malee hawaasni kun kanaan duraas warruma waliin waggoota dheeraaf jiraachaa tureedha jedhan.
B/Janaraal Kamaal Galchuu namoonni shira adda addaa xaxuun hawaasa walitti buusuu fi akkasumaas araara jalqabame kana gufachiisuu barbaadan irraa of qusachuu akka qaban hubachiisanii jiru. Qaamolee kana godhaa jiran irratti Mootummaan tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta'uu dubbatanii jiru.
B/Jenaraal Kamaal Galchuu manguddoota, Abbootii Gadaa fi akkasumaas qaamoolee hawaasaa kan nageya buusuuf tattaaffii cimaa godhanii guyyaa araaraa kanaan gahan galateeffatanii jiru.
I/G/W/ ODP Obbo Abdii Ahmad gama isaaniitiin hawaasni Oromoo fi Somaalee waggoota 200 ol waliin jiraachaa turuu eruudhaan qaamoleen ofii magaalaa taa'anii hawaasa qonnaan bulaa walitti buusuun dhiiga ummataatiin daldaluu barbaadan gochaa kana irraa of qusachuu akka qaban dhaamanii jiru.
Abbootii Gadaa fi Ugaasonni akkasumaas manguddoon gam-lameenii kana booda hawaasni iddoo irraa buqqa'etti akka deebi'uu fi wal-keessa yaa'ee akka jiruu fi jireenya isaanii gaggeessuuf waada galanii jiru. Galma-gahinsa araaraa kanaaf hanga dhumaatti hojjachuuf waada galanii jiru.
Guyyaa arraa irraa eegalee arra booda kontorbaandistootaa fi warreen fedhii dhunfaa isaaniitiif ummata kana walitti buusuuf yaalii godhe tokkolleenuu olaantummaa seeraa jala oolfamee yakka isaatiif tarkaanfiin dhiifama hin qabne akka irratti fudhatamu W/B/Nageenya G/H/Bahaa asumaan akeekkachisa. Ummanni keenyaas warreen fedhii isaaniitiif lubbuu hawaasa nagayaa balleessuuf shira xaxu kana beekee saaxiluun akka nu cinaa dhaabbatu gamanumaan itti dhaammanna.

Address

Dire Dawa Woreda 8 Administration Office (Laga Hare)
Dire Dawa
3000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share