Sagalee Saba Oromoo

Sagalee Saba Oromoo Falmataa Abbaa Biyyummaa Oromooti�

😁
01/06/2026

😁

😍
30/05/2026

😍

(Mullis Gadaa) 🤍🦁 Seenaan Goota dhiiga fi lafee hamma lubbuu Sabaaf kennee.Yoomiyyuu dhalootaan barreeffamee leellifama!...
24/05/2026

(Mullis Gadaa) 🤍🦁

Seenaan Goota dhiiga fi lafee hamma lubbuu Sabaaf kennee.Yoomiyyuu dhalootaan barreeffamee leellifama! Onnee sabaa keessa jiraata! Isaan keessaa tokko goota seenaan yoomiyyuu hin dagannee fi bu'uuressitoota ABO fi Qeerroo ganamaa keessaa tokkofi hangafaa kan ta'e Mullis Gadaati!

(Mullis Gadaa) Adam Tukaalee Dhalootaan: Baha Harargee, Ciinaaksan yoo tahu, Gootummaan isaa fakkeenya hin qabdu: Qabsoo Oromoo bifa ammayyaatiin ijaaruu keessatti nama shoora guddaa qabu yoo janne isattin xiqqaatu!.

“Qeerroo Ganamaa" keessaa isa tokko. Qabsoo Jaarraa Abbaa Gadaa fi gootota biroo waliin ta'uun bu'uura WBO warra lafa kaaye. Gaarreen Carcar irraa kaasee hanga biyya Somaaliyaatti dadhabbi tokko malee qabsoo-loltummaa mootummaa abbaa irree waliin gochuun qabsaa'aa ture. Gootaa dhiiga isaatiin seenaa tattaraaree, gungumee dhukkaasee, diinaaf osoon jilbiifatin, harkan kennin wareegame!

Seenaan kee dhalootaan dhalatetti darba! Kaleessa inni nuuf kufee, nuti har’a mataa ol qabanee Eenyummaa keenyaan boonnee deemaa jirra! Aarsaa fi Dadhabbiin copha dhiigaa gootaa lafan badu Odaa biqilcha malee! Rahamullaa 🤍🙏

Mullis Gadaa seenaa Oromoo fi Qeerroo Ganamaa keessatti kan hin dagatamne, our Hero! Galatoomi jennaan!

19/05/2026

HNN:Seenaa Jaal Badhoo Dachaas!
Itti gaafatamaa Koree Siyaasaa ABO kan jalqabaa Badhoo Dachaasaa/Dammaksaa/.
------------------------
Badhoo Dachaasaa qabsaawota Oromoo kanneen jiddu-gala biyyaatii bosona Harargeetti ABO'tti dabalame keeysaa nama jalqabaati. Badhoon nama joollummaarraa sabboonummaa fi gootummaa qabu. Osoo ABO'tti hin dabalamin duraas nama sabboonaa bifa adda addaatiin Oromoo dammaksaa ture.

Badhoo Dachaasaa dandeeytii nama dammaksuu tanaan Dhaaba keeysatti Dammaksaa jechuun moggaasaniif. Badhoon gaafa Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faan ABO'tti dabalamuuf gara bosona Harargee imalan nama miseensa Koree jidduu tahuun isaan qeebalee hubannoo kaayoo dhaabaa laateef keeysaa nama tokko ture. Warri bosona dura gaafa isaan Kora Sabaa Saaqata'tti gaggeeyfatan itti dabalame, Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaatii fi Abbaa Biyyaa Roobaa ti.

Haatahuu malee kaayoon miseensonni haarayni qabatee bosona dhaqe Badhoof ifa hin turre. Badhoon nama Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin gobeelletti ABO gad-dhaabe waan tureef miseensota haaraya kanaas akk*ma Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Mul'is Gadaatti laaluu ture.

Garuu adeemsi jaraa kan jaallan isaarraa adda itti taheeti amala isaa gaarii san jijjiirsise. Kuniis jara booda dhufe kana jifachuu fi akka nama quurrama irraa qabuutti fuula itti jijjiruudha. Akka waahellan isaa himanitti Yeroo takka takka amala alaan-alaatiis ni fidate ja'an.

Guyyaa boodaa mufiin keeysoo tan Badhoo Dachaasaa mataa hara-baafata dhoorkite rasaa*satti jijjiiramteeti Baaroo Tumsaatti dhukaasee galaafachuu, Leencoo Lataa arihuu fi mataa lunbuu isaa balleeysutti jijjiramte. Akkaan qabsaawota buleeyyii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin turan irraa odeeyfadhetti dubbiin tun wal-muudinsa magaalaa Finfinnee sanirraa dhalatte.

Kuniis namoonni boodarra bosona gobeellee dhaqee qabsotti dabalame kun Finfinnee keeysatti nuutu ABO hoggana je'ee wal-muudee gobeelletti Jaarraa Abbaa Gadaa faa bira dhaqe. Isaan keeysaa Leencoo Lataatii fi obboleeysi isaa Abbaa Caalaa Lataa faan warra boodarra bara 1978 keeysa Harargee dgaqee ABO'tti dabalame. Hoggaa bosona dhaqan dhaabni hoggansa Koree guutuu qabu tahe.

Haaluma kanaa,

1. Jaarraa Abbaa Gadaa, hogganaa Dhaabaa
2. Mul'is Gadaa, itti Aanaa hogganaa Dhaabaa..
3. Badhoo Dachaasaa, hogganaa Koree Siyaasaa
4. Bookhee Haraa / Abdujaliil Abdallaa, Barreeysaa..
5. Moggaasaa Baatii / Baatee/, hogganaa Geejjibaa fi Diinagdee
6, Bobbaasaa Dhaabaa, Hogganaa waraanaa tahanhii koree qindeeyfachuu fi
Akkasumaas qoondaalota dhaabaatii fi hoggantoota waraanaa tan Kora ABO'n jalqaba Saaqata'tti gaggeeyfateen dhaaba hogganaa turan.

Dhaabni Caasaa guutuu qabaachuun namoota Finfinnetti wal-muudee ABO'tti dabalame kana karaa itti cufteeti qaawa tokkollee dhoirkite. dubbiiin akka isaan barbaadan tahuu dhabnaan dhaaba keeysatti jeequmsa kaasuuf dirqaman. Haala kanaan qabsaawonni buleeyyiin Jaarraa Abbaa Gadaa wajjiin turan naa himanii turan. Jeequmsa kaasuu qofa osoo hin tahin dhaaba keeysa taa'anii qabsaawota keeysaa namoota akka Bobbaasaa Dhaabaa kan duraan biyya keeysatti hariiroo waliin qaban jaarrachuun irratti hojjatan.

Hoggaa Shira dhaaba keeysatti dhalate kanaan Badhoo Dachaasaatii fi Baaroo Tumsaa wareegaman warri lubbuun hafe kaayoo isaanii galmaan gayuuf Jaarraa Abbaa Gadaa Baaroo Tumsaa ajjeese ja'aniiti hoggantoota Waraanaatii fi waraana keeysa olola facaasuu eegalan. Hawaasa isaanitti dhiyaatullee olola dharaa kanaan gurra duuchan.

Dubbiin as qofatti hin dhaabbanne. Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa kan daadarkaa bara dheeraa booda ABO gad-dhaabellee lubbuu balleeysuuf haala-duree fixatan. Dubbiin tun hoggantummaa qabsoo riphee lolaa karaa nagayaatiin dhabnaan bifa fonqolchaatiin fudhachuudha. Tun tan firraa maganfatani.

Warri maqa-balleeysummaan kaayoo ofii gurgurachaa ture Eega du'a Baaroo Tumsaa akka Jaarraan harka keeysaa hin qabne addaan hawaasni addaan baafate, miseensa sammuun miidhamaatu Baaroo Tumsaa ajjeese ja'aniiti olola biraa uuman. Badhoo Dachaasaa jechuu isaaniiti.

Garuu Badhoo Dachaasaa fayyaa sammuu guutuu qabaachuu bira dabree nama sabboonummaa fi gahumsa siyaasaa qaceellotti qabaachuun hogganaa Siyaasaa ABO tahee filame. Hogganaa Koree Siyaasaa tahee filamuun isaa osoo Leencoo Lataa faan ABO'tti hin dabalamin dura. An warruma Badhoon miidhama sammuu qaba jedhu saniin sammuu isaanii fayyaa tahuu shakka. Dhara kanaatu bara dheeraaf bishingaa facaaffannu gobeensatti nu harkaa jijjiiree, bilisummaa hawwinu dharraa bahuu nu dhoorkee ture. Qeeyroo k*m lama alla-magan.

Yoo Wareegama Baaroo Tumsaatii fi Badhoo Dachaasaa baruu barbaaddan Kitaaba Seenaa Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa dubbisaa. Dhara haarayatti Kitaabaan as baate addaan baafachuuf isin gargaara je'eeti.

Badhoo Dachaasaa beekaa dhara hin qabnee fi goota seenaan hin daganne.

Jemal Ahmed
Oct. 5, 2025

Obbo Leencoo Lataa bara hoggansa isaa fi yeroo inni miseensummaa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessa ture wantoon...
14/05/2026

Obbo Leencoo Lataa bara hoggansa isaa fi yeroo inni miseensummaa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessa ture wantoonni hedduun bifa “Dogoggoroota fi “Akka feetanitti ” raawwatamanii darbaniiru. 1] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen wareegamu. 2] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen achi buuteen dhabamu.
3. Bara Chaartaraa keessaa bahuu. 4] . Osoo hoggansi fi miseensi ABO barbaadamaa jiruu gara biyyaatti dhufuu fi kkf. Mee tokko tokkoon isaanii haa ilaallu; gaaffiilee armaan gadii kana Obbo Leencoo haa gaafannu. 1] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen achi buuteen dhabamu; Obbo Leencoon yeroo sana qabsoo ummata Oromoo gaggeessaa ture. Miseensonni fi hoggantoonni hanga ammaatti achi buuteen dhabamanii ummata Oromoof hiibboo ta’anii hafan hedduun jiru. Sabni kun yeroo hunda gaafata. Akk*ma dhimma wareegamtootaa oromoo irratti yaadni garaagaraa ka’u, warra dhabaman irrattiis yaadni adda addaa ka’aa har’a gaheera. Garuu sabni Oromoo ammas karaa gubbaatti isaan eeggataa jira. “Jiru” jedhamee ifatti hin himamne; “du’an” jedhamees sabni hirmii isaanii hin baafanne. Kanaaf hanga ammaatti gaaffii keessaa of gaafataa fi wal gaafataa jiraata. Jaallan dhabaman keessaa yeroo baay’ee maqaan isaanii ka’u keessaa Nadhii Gammadaa fi Baqqalaa Dawaanoo keessaa muraasa. Nadhii Gammadaa waltajjiif dirqaama itti kenname qabatee osoo deemuu achi buuteen dhabame. Baqqalaa Dawaanoo immoo Aanaa Dodolaa keessatti tursiifamee gara Baaleetti geeffamee booda achi buuteen dhabame jedhama. Mee gaaffii isaanii fi isaanii fakkaatan irratti waan muraasa Obbo Leencoo haa gaafannu. A] . Jaal Nadhii Gammadaa lubbuun jiraa? Yoo jiraate eessa jira? Yoo wareegame ta’e bara kamitti wareegame? Eessatti wareegame? Eenyuun wareegame? Akkasumas warra isaanii fakkaatan hundaaf deebii ifaa nuuf haa kennu. B] . Yoo akk*ma sabni dhabe innis isaanii wajjin dhabe ta’e, qaamni shakkamu yoo jiraate maaliif sabaaf ifatti hin eeramne? Akka barbaadamu maaliif hin taasifamne? C] . Yoo wareegamanii ta’e, sabni isaanii akka gadda isaanii baafatu maaliif hin himamne? Yoo jiraatan maaliif ifatti hin ibsamne? Yoo wanti shakkisiisu jiraate sabni akka barbaaduuf maaliif eeruun hin kennamne? Maaliif bara dheeraaf dimimmisa keessa saba kana jiraachisan? Itti aanaa Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo( ABO), hayyuu fi ogeessi akka Mul'isi Gadaa eessaa bu’e? Isin waliin ture miti?

2. Bara Chaartaraa keessaa bahuu; Akk*ma beekamu, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bara 1991 mootummaa cee’umsaa keessaa bahee jireenya baqatummaa keessa seene. Erga ABO mootummaa cee’umsaa keessaa bahee booda miseensota, hoggantoota fi ummata Oromoo bal’aaf rakkoon guddaan mudate. Obboo leencoon ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa bahuun miseensota isaa fi ummata Oromoo waraabeessa TPLF jala dhiisee baqate. Maqaa ABOtiin Oromoonni hedduun wareegaman; hedduun hidhaman; hedduun achi buuteen badan.
Kanaaf gaaffii muraasa afaan sabaan haa gaafannu. A]. Obbo Leencoon mootummaa cee’umsaa keessatti teessoo pireezidaantummaa mootummaa naannoo Oromiyaa maaliif dide? Maaliif “itti hin qophoofne” jedhe? Yoo itti hin qophoofne ta’e, Oromiyaa bulchuuf akkamitti mootummaa cee’umsaa keessatti hirmaachuuf deemame? B]. ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa guutummaatti maaliif bahe? Maaliif biyya gad dhiisee baqatummaa keessa seene?
B. ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa bahuu hordofee waraanni ABO k*maatamaan lakkaa’amu lafarraa dhumeera. Tilmaama waraanaa k*maa soddomaatu( 30,000) dhumee. Obboo leencoo Gulalleetti waraanni ABO akkamitti dhumee? Harargeetti hoo maaltu ta’e? Mooraa Dirree Dhawaa keessatti waraanni ABO akkamitti barbadaa’e? Shira eenyuutiin ta’e? 4] . Osoo hoggansi fi miseensi ABO barbaadamaa jiranii gara biyyaatti dhufuu Obbo Leencoo Lataa Akk*ma beekamu, erga ABOn biyya keessaa bahee booda Obbo Leencoo Lataan gara biyyaatti deebi’anii Meles Zenawi waliin wal arganii turaniiru. Obbo Leencoonis yeroo adda addaatti biyya dhufuu isaanii ni amanu. garuu maaliif akka dhufan yeroo hedduu gaafatamanii deebii ifaa kennuu irraa of qusatan. Sagantaa tokko irratti Kadiiroo Elemoo dhimma kana kaasuun gaaffii gaafatee ture. Kadiiroon akkas jedhee gaafate: “Kana dura biyya dhuftanii turtan; Mallas Zenawii waliin wal argitan jedhama. Maaliif dhuftan?” Obbo Leencoonis, “Eeyyee, dhufeera; waan dhufeef Mallas gaafadhu,” jechuun deebii dheekkamsaa fakkaatu kenne.
Kana irratti gaaffiin ka’u:

A] . Yeroo mootummaa Wayyaanee keessatti hoggansi fi miseensonni ABO adamsamaa turanitti, Obbo Leencoon akkamitti gara Mallas biraa dhufe? Maaliif dhufe? Maal irratti mari’atanii deeman? Ajjeechaa Baadhoo Dachaasaa fi Baaroo Tumsaa akka Ulaa qabsoo oromoo danqeeti fayyadamuun Oromoo gidduutti wal-shakkiin akka uumamu gochuun waggoota 40'n darbaan fi yeroo hedduu kaasuun maalif barbaachisaa? Baaroonii fi Badhoon Oromoota bilisoomsuuf qabsoo cunqursaa, mootummaa abbaa irree of irraa buqqisuuf, sirna hacuuccaa fi hiyyummaa keessaa Oromoo keessa galche ofirraa darbachuuf qawwee kaasanii bosona seenan. Badhoon daggala kana seene Baaroo ajjeesuuf osoo hin taane, kaayyoo bilisummaa Oromoof ture. Kana hubachuun maalif dadhabe seenaa Baadhoo Dachaasaa ukkamsuun barbaachisee? Mee afaan leencoo irraa guyyaa tokko waa'ee Baadhoo dhaga'amee beekaa? Utuu taheeyyuu Wanti isaanii gidduutti ta’e dogoggora siyaasaa yookaan walii-galtee dhabuu irraa yoo ta’es, har’a Oromoo walitti buusuufi kufu qabsoo oromoo danqee jedhamee ololuu hin qabu. Kaayyoon isaanii tokko. Mul'ataa fi galmi isaanii keessatti yaadachuu fi kabajuutu irra jiraata malee du’a isaanii irratti wal shakkuu fi wal qooduun furmaata hin ta'u ture. Badhoo Dachaasaan “maraateera” jechuun bifa arrabsuu fakkaati. Namni qabsoo sabaaf hidhatee mana bahee maraachuun utuu dhugumaa taheyyuu Baadhoo goota sana maraataa jechuun jaala qabsoo kee irraa ni eegamaa?

Har'a nama meeqatu wareegamaa Haacaaluu Hundeessan wal qabatee maraatee. Oromoon nama maraatee tokko maraataa jedhe miidiyaa irraatti hin dubbatu. Baadhoo salphisuun seenaa qabsaa’otaa xureessa. Namoonni akka obboo Leencoo lataa dantaa siyaasaa dhuunfaa isaanii giddugaleessa godhatan yeroo hedduuf imaanaa saba galmaan ni gahuu jedhaani jalqabummaa irraa kaasee oromoo eeguun hin qabu turre. seenaa goototaa fi qabsaa’otaa xureessuun yakkaa guddaadha. Gaaffiileen armaan olii deebii akka argatan Obbo Leencoo Lataa biraan gahuun barbaachisaadha. Dhimmonni kunneen seenaa qabsoo Oromoo, mootummaa cee’umsaa, mootummaa keessaa bahuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), akkasumas dhimma miseensotaa fi hoggantoota achi buuteen dhabamanii fi wareegamanii waliin wal qabatan waan ta’aniif deebii ifaa fi haqaa qabu argachuun dirqama ta’a jedheen yaada.Deebii dhugaa fi iftoomina qabu saba Oromoof kennuun dirqaama. Mee
barreeffama kana Obbo Leencoo Lataa biraan nuuf gahaa.

“Leencoo,nutti asii iddoo hinqabnuu” nan jedhee Baaroon,What a faak and faaking narration placed here!Baha Oromiyaa anin...
14/05/2026

“Leencoo,nutti asii iddoo hinqabnuu” nan jedhee Baaroon,What a faak and faaking narration placed here!

Baha Oromiyaa anin amaata shan keessaa jiraadhen qaama fii yaadani baadiyyaaf magaala Harargeen qabduu hawwasa Harargee bareechine beeka... innumayyuu gosti Afran Qaldhoo tunin Oromoo waliin lakkawwamu isaan isaani miidhee jechuun ni dandahama beeki garruumaan isaan addumma... namaa tanan gahe isaan! keessaahuu Oromoo fa tanan waan qabaan niti waan dhabaniyyuu barbaddan siif laatuu hawwasa dandahuu uummata sharrii fii shirri hinbeekne uummata worqiidha ibboo💝🔥

Jechuun kiyya kutaan gandummaa bakka bu’ullee hin jiru .
Garuu kan akka Harargee gandummaarraa walaba ta’e hin jiru .
Ummata namaa kamu wajjin jiraachuufuu yeroo itti hin fudhanne
Isaan biraa jirtaa tanan amantiinis ta’ee gandaan fuula sitti hin nanneffatan beeki.

Qabsoo Oromoo keessatti immoo tokk*mmaa Oromoo labsaa fii dirre qabsoo fii qabsa’oota bulichite jiraachiftudha.

Kanaaf Baaroonis ta’ee Baadhoonis namoota dammaqo dursaan dammaqan sabaa dammaqansu warra hubanna jabduu qabuudha... akkamitti jechoota fii haasawa akkasi faydamuu dandahuu!?

No! No!
No way! Tasumaayyuu kana hinamanuu jedhii.

Wanti uumame sunin duraan maaliif hinumman osoonif Leencoon gara Baha saniin hindeemin!?

Leencoo Lataa kaansarii qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Jaal Baaroo Tumsaa fii Jaal Badhoo Dachaas utubaa qabsoo Bilisummaa Oromoo turani.
Akkasumallee buleessa zoonii Bahaati. Jaal Baaroo Tumsaas ta’ee Jaal Badhoon Ummata baha Oromiyaa nigalateeffatu male, sodaa “asii bakka hin qabnu” Baaroon naan jedhe kan Leencoon jedhu gonk*ma ani dhugaadha jedhee hin fudhu.
Ofitti amanamummaanin jedha waan Leencoon Baarootu akkas naan jedhe jedhu sana tasuma Jaal Baaroon hin jenne!.
Seenaa isaa irraa kaanee yoo ilaallus Jaal Baaroon nama dammaqiinsa ol’aanaa qabu waan tureef ilaalcha ‘mandaree’ akkasii nama qabataa turee miti.
Dhugaa yoo dubbanne Qabsaa’otas ta’ee, miseensotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo iddoo dhaloota ofii caalaa baha Oromiyaa irratti qooda qabsoo fudhatan kan Ummata baha Oromiyaa galateeffan male, kan komatan hin argine!.

Jaarraan illee gaafa Somaayilaa irraa deebi’ee Jaarmiyaa biraan of moggaasee seene, Ummatni sun fudhachuu didnaan haala biraatti seenee ture seenaa jedhaa beeki nu’i miti.
Dirree Baha Oromiyaa irratti kan komii kaase ijoollee Lataati. Leencoo qofaa miti Abbaa Caalaanis haala dirree bahaa ture sana komateera. Inumaayyuu leencoon shira jibbaa uumee dubbatee Abbaa Caalaan immoo akka dirree sana sirnaaf heerri, seerri bulmaataa hin jirretti dubbataa ture.

Dhugaa yoo dubbanne garuu seeraaf heeraaf utuu hin bitamin ajaja tokko male dirree sanaa bahee ofiin kan dirree Lixaa saaqe jara kana lamaani!.
Kanaafuu kitaaba kana namni barreesse shirtuu akkamii akka taate mee yaadii! summii gandee,gandan moora qabsoo laylaqxee, ammas waa kalaquuf dhidhiitatti.

Mad-aan saba kanaa dhimma Jaal Badhoo fii Jaal Baaroon mudate ammallee hin fayyin waan jiruufi sabni kunillee dhugaa isaanii gaaftokko nin hubanna, nidhageenya jedhee karaa eeguusaatti waan beekuuf akkasitti ummata addaan qooduuf kan barreeffameedha kitaabichi! ni gubda kitaabicha yookahuu namaa udaan gabaa baafate tochitee dhiiftaa.
Tanumaa👊🏿

Namni qalbii qabu kan seenaa waggoota 50’n darbanii dubbisee fii qoratee beeku waan dubbatame fii barreffamee kana maaliif akka ammatti barressuun barbaachisee hubachuu hin dhabu!

Haqni haqa jechumaafi🌿☕

Odeeffannoo Addaa!= = = = = Namichi hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu aadde Adaanech Kumsaa mudde 6, ba...
10/05/2026

Odeeffannoo Addaa!
= = = = =
Namichi hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu aadde Adaanech Kumsaa mudde 6, bara 2018 galgala bakka Gomaaxaa jedhamutti rasa°asaan ajj°eesee goodatti gat°uun konkolaataa fi Meeshaa ittiin rukute achuma magaalaa keessatti gatee miliqe barbaadamaa ture qabame!

Namichi kun Magaalaalee Debre Birhan, Kamisee, Shewa Robit fi Ataye keessatti akka nama nagaa fakkaatee socho’aa kan ture yoo ta'u, guyyaa har'aa to'annoo jala ooluu poolisiin federaalaa beeksise!

10/05/2026
10/05/2026

Daandii Walabummaa

10/05/2026

ABO filadhaa❤️💚❤️

Address

Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Saba Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share