03/09/2026
Aangoo Nama Hidhuu Kan Qabu WAAJJIRA POOLISII qofa. Milishaan, Bulchaan Gandaa Aangoo Nama Hidhuu Hin qaban. Qaamnii Aangoo Nama Hidhuu hin qabne, Seeraan Ala Yoo Nama hidhe Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 10 gahuun kan Adabamu ta'uu isaa beektuu?
Seerri maal jedhaa?
𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨_𝐍𝐚𝐦𝐚_𝐇𝐢𝐝𝐡𝐮𝐮_𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐭𝐮_𝐐𝐚𝐛𝐚
Qaamni aangoo nama hidhuu hin qabne seeraan ala yoo nama hidhan fkn. Milishaan, bulchitootni gandaa, magaalaa, aanaa, hoggansa seektaraa, fi hojjataan mootummaa fi kkf aangoon nama hidhuu hin qaban. Qaamni aangoo nama hidhuu hin qabne yoo nama hidhan seeraan ala nama hidhuu fi aangootti fayyadamuun yakkaan adabamu jechuudha.
#𝐅𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟.
𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐅𝐃𝐑𝐈
👮♂️ Kwt.423 – Seeraan ala nama qabuu/hidhuun adabbii hidhaa hanga waggaa 10
👮♂️ Kwt.585 – Seeraan ala nama tursiisuun adabbii Hidhaa hanga waggaa 10
👮♂️ Kwt.586 – Nama ugguruun adabbii hidhaa hanga waggaa 7
👮♂️ Aangotti fayyadamuu Labsii malaammaltummaa 881 kew. 9 jalatti hidhaa hanga waggaa 25tti adabamu danda'u.
Kanaafuu, nama hidhuuf aangoon nama hidhuu seeraan ifatti haal dureewwan waliin kennamuu qaba.
. Poolisiin adeemsa seeraa hordofuun ajaja qabiinsaa fi ajaja qabinsaatiin alattiis gaafa yakki harkaaf harkaa raawwatamu, ajaja mana murtiitiin, Nama yakkaan shakkame ajaja qabinsaatiin fi kkf akka nama hidhuu danda'an SDFY kew. 50 fi 51 fi seerota biroo jalatti aangeeffamanii jiru , haa ta'uu malee isaanuu ulaagaa fi adeemsa seera qabeessaan ala callisanii yoo nama hidhan seeraan ala nama hidhuun yakkaan gaafatamu.
Walumaagalatti aangoon nama hidhuu poolisiif kennamee jira jechuudha.
✍️ Qaamani olaantummaa seeraa fi nageenya biyyaa akka eeganiif aangoon seeraan kennameef aangoo isaanii dawoo godhachuun seeraan ala nama hidhuun, doorsisuunii fi qabanii tursuun yakkaan kan nama gaafachiisu waan ta'eef irraa of haa eeggannu!