28/03/2026
Oduu gaddisiisaa
Balaa konkolaataa guyyaa har'a karaa Dambii Dolloo irraa gara Gambeelaa geessu irratti uumameen lubbuun namoota hedduu galaafatame. Balaan konkolaataa kun kan gahe Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Sayyoo bakka Abbaa Jaarraa jedhamutti yeroo ta'u haadhaa fi ilmoo, jaarsa, dargaggeessa, fi ijoolleen shamarrani lubbuu isaanii qaalii dhabanii jiru. Dubbiin karaa kun baayyeedhuma kan itti yaadamuu qabu dha. Hanga yoomiitti uummati keenya balaa konkolaataatiin dhuma ????? lubbuu uummata keenyaa Rabii jannataan nuuf haa qananiisu. Waaqayyo uummansaasii fuula ifaadhaan nuuf haa simatu. Dhimmi karaa kun ammoo xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatuuf ol iyyannoon keenya ittuma fufa.