14/06/2026
📌 𝗪𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗻𝘂👇
• 𝐇𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐔𝐮𝐦𝐮𝐮: Ilaalcha siyaasaa Badhaadhinaa fi imaammata Ida'amuu uummata barsiisuu fi hubannoo isaanii cimsuu.
• 𝐃𝐢𝐢𝐧𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮: Fuula miidiyaa hawaasaa (Facebook, YouTube, X, Telegram, kkf) kanneen yaada keenya morman addaan baasanii beekuu.
• 𝐎𝐥𝐨𝐥-𝐟𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮: Fuula miidiyaa hawaasaa diinota keenyaa sakatta'anii (search gochuun) maxxansaalee isaanii xiinxaluu fi yaada isaanii fashaleessuuf hojii olol-faallaa irratti hojjachuu.
• 𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐀𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐊𝐮𝐭𝐮𝐮: Kan nama dhuunfaas ta'ee fuulaawwan miidiyaa hawaasa ilaalcha siyaasaa badhaadhinaa morman kanaan dura akka tasaa 'Follow' ykn 'Subscribe' goone yoo jiraatan, ammuma 'Unfollow' ykn 'Unsubscribe' gochuu.
🚫 𝗪𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗛𝗶𝗻 𝗤𝗮𝗯𝗻𝗲👇
• 𝗛𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝘂𝘂 (𝗙𝗼𝗹𝗹𝗼𝘄/𝗦𝘂𝗯𝘀𝗰𝗿𝗶𝗯𝗲): Fuula miidiyaa hawaasaa ilaalcha siyaasaa badhaadhinaa morman hordofuu dhabuu; kuniis lakkoofsi hordoftoota (followers) isaanii akka hin daballe gochuun abdii kutachiisa.
• 𝐐𝐨𝐨𝐝𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 (𝐋𝐢𝐤𝐞/𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞): Maxxansaalee fuula miidiyaa hawaasaa toora keenya mormanii ykn gochuu dhabuu. Kunis odeeffannoon isaanii namoota baay'ee bira akka hin geenye ittisa.
𝐌𝐚𝐚𝐥 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞?
Qajeelfamni kun miidiyaa hawaasaa irratti dhibbaa (negative influence) diinota keenyaa hir'isuu fi ilaalcha siyaasaa badhaadhinaa guddisuuf kan xiyyeeffateedha.