Odaa Bultum Woreda Health Office

Odaa Bultum Woreda Health Office Odaa Bultum Woreda is a woreda located in west Harerghe,Oromia regional state which all most 216,746 total population in 2011 E.C

02/09/2026
 """""""""""""""""""""""""""""""""""""''"""""""""""""''""  27/2018  harargee lixaa Aanaa odaa Bultumitti meeshaleen yaal...
02/09/2026


"""""""""""""""""""""""""""""""""""""''"""""""""""""''""
27/2018

harargee lixaa Aanaa odaa Bultumitti meeshaleen yaalaa machine 4(afur) fi ULTRASOUNDI 3(sadi) walumaa gala Qarshii.mil.4.5'n kan bitame galii keessoon yammuu ta'u buufataalee fayyaa 7f raabsameera

bulchiinsa aanichaa akka jadhanitti meeshaaleen akkanaa tajaajila si'ataa ummata keenyaaf dhiheenyaan dhihaatanii tajaajila kennuun isaanii dhibee duraan namootaa meeshaalee sirriitiin dhugummaa isaa mirkaneessanii qoricha sirrii akka argatan gochuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ummanni keenya tajaajila si'ataa irraa argachuu qaban jadhan...

itti gaafatamaan waajjira fayyaa aanichaa buufataalee fayyaa qabnu hundarratti meeshaalee ammayyaa dhiheessuun tajaajila si'ataa ummata keenyaaf hojjachuuf halkaniif guyyaa ni carraaqna jadhan..

Aanaa odaa Bultumitti hojii tola ooltumnaatiin   seektara isaa qindeessuun    .250 fi Qalama paakoo 10 hojii tola ooltum...
14/08/2026

Aanaa odaa Bultumitti hojii tola ooltumnaatiin seektara isaa qindeessuun .250 fi Qalama paakoo 10 hojii tola ooltummaaf gumaachaniiru

Hagayya 8/2018"Gaarummaa Olka'insa Biyyaaf."Hojiin Kenninsa Tajaajila Lammummaa Itti Fufee Jira.Arjooma dhiigaa kenna Ta...
14/08/2026

Hagayya 8/2018
"Gaarummaa Olka'insa Biyyaaf."
Hojiin Kenninsa Tajaajila Lammummaa Itti Fufee Jira.
Arjooma dhiigaa kenna Tajaajila lammummaa Godina Harargee lixaa Aanaa Odaa Bultum Magaalaa kaarraa Qurquraatti gaggeeffame jira.

Haati Lubbuu kennuuf jecha Lubbuu dhabuu hin qabdu! Jechuun Arjooma dhiigaa taasifamee jira.

Tajaajilli lammummaa rakkoo hawaas-dinagdee furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessa. Kana milkeessuufis lammiileen hundi yeroo, humna, beekumsa, ogummaafi qabeenyaa qaban walitti qindeessuun hawaasa isaanii bilisaan akka tajaajilaniif bara kana kenni tajaajila lammummaa gannaa mata-duree "Gaarummaa Olka'insa Biyyaaf!"jedhuun hojjetamaa jira.

14/08/2026
Aanaa ODA BULTUM Buufata Fayyaa BOSOOSOtti kabaja ji'a fayyaa haadhoolii "safe Mather Hood Day" bara 2018  mata duree"Ka...
06/02/2026

Aanaa ODA BULTUM Buufata Fayyaa BOSOOSOtti kabaja ji'a fayyaa haadhoolii "safe Mather Hood Day" bara 2018 mata duree"Kalaqaa fi Madda Faayinaansii itti fufiinsa qabu Fayyummaa Haadholiitiif!!"" jedhuun kabajamaw olee jiraan. Dabalataan ergaalee ijoo hubannoo haadhoolii cimsuu gara fuuladurati kutaa hawaasaa keessatti hojii irra ooluu qaban kanneen armaan gadii bifa hawwataa ta'een kennama olee.
✍️Tajaajila Hordoffii kunuunsa ulfaan duraa ( Preconception care(PCC) dhaabbilee fayyaa hunda keessatti jalqabsiisuu
✍️KDD yeroon egalchisuu (torbee 12 gaditti)
✍️Fayyidaa da'umsa dhaabbilee fayyaa keessatti fi miidhaa da'umsa mana kessatti haadhaa fi daa'imma kichuu irratti dhaqabsisan
✍️Kunuunsa da'umsa boodaa fi karoora maatii yeroo dheeraati fayyadamu
✍️ Fayyidaa talaalli fi sodaa dhibee weeraara gifiraa fi talaallii gifiraa hanga MCV2 ti xumursiisuu fi kan harcaa'an jiran xumursiisuu.
✍️ Heerumaa umurii malee fi barmaatilee miidhaa ijoollee Shamarran fi daaa'immaan irrati geessisaan.
✍️ Talaallii Hepatitis B BD sa'ati 24 keessatti Kennamu irratti tajaajilli da'umsadhabbaata fayya keessatti ogeeyyii fayyaan kennamu irratti cimsanii hojjechuu
✍️ Talaalli fixee balabala gadameessa Shamarran umuriin waggaa 9 guutaniif dhabaata fayyaa keessatti idilla'uu
✍️Haadhoolii umurii waggaa 30-49 gidduu jiranii hundi sakkat'insa ca gadameessaa taasiifatanii Fayyummaa isaanii akka mirkaneeffatan gochuu.sagantaa kanarrattis
hubannoon bakka qaamooleen hawwaasa fi qoda fudhattoon jiraniiti karaa itti gaafatamaa PHCU bosooso obbo Gazu Assagid fi ogeessota BF Absumad mahammad keennamee jira.
saantaa kanarratti keessummaa kabajaa argamani haasawa baniinsaa fi kallatti xiyyeeffannoo itti aanuu irratti eergaa kan dabarsan miseensa boordii buufata fayyaa bosooso fi suparvaayizara zoonii bosooso kan ta'e obbo Faa'iz Iliyaasin sagantaa kana irratti argamuun hojiilee hojjatamaa turee jajjabeessani jiru.

Buufata fayyaa Burqaa, Aanaa Odaa Bultum[Ammjjii 28/2018 ] # # # # # # # # # # # # # #Kabaja Ji'a Fayyummaa HaadhooleeWa...
05/02/2026

Buufata fayyaa Burqaa, Aanaa Odaa Bultum
[Ammjjii 28/2018 ]

# # # # # # # # # # # # # #
Kabaja Ji'a Fayyummaa Haadhoolee

Waajjirri fayyaa Aanaa Odaa Bultum guyyaa har'aa kabaja guyyaa haadholee sadarkaa B/Fayyaa Burqaatti dhaadannoo ''Kalaqaa fi madda faayinaansii itti fufiinsa qabu fayyummaa haadholeef'' jedhuun kabajamee oolee jira.
Sagantaa kana irratti argamuun barbaachisummaa kabaja ji'a haadholee irratti haasawa kan taasisan Ogeessi Garee Fayyaa Haadholee waajjiraa Obbo Mahammad Jamaal yoo ta'an Daarektarri PHCU Burqaa Obbo Yidnaaqachaw Shimallis fi Ogeettii deesistuu buufatichaa Sr Munaa Ahmad haadholee saganticha irratti hirmaataniif waa'ee tajaajila fayyaa haadholeef sadarkaa hawaasaa irraa hanga Buufata Fayyaatti kennamu irratti hubannoo haala bareedaadhaan kennanii jiru.

✅ Kaayyoon isaas foyya’iinsa tajaajila fayyaa haadholeef daa’iimmaniitiif; qooda qabeeyyiin seektara adda addaa fi qaamooleen hawaasaa, Abbootiin Gadaa fi Haadha siinqee, Abbootiin amantaa, hooggantoonni, miidiyaalee, hoggantoonnii Dhaabbilee misoomaa fi bakka bu’ootni uummataa karaa guutuu ta’een ga'ee isaanii ba’uun sochii isaan taasiisan du'a haadholii xiqqeessuuf murteessaa ta’uu hubatanii waadaa isaanii haaromsuun gahee isaanii akka bahaan gochuu fi hojiiwwan ijoo du'aaf dhibama haadholii xiqqeessuuf hojjatamuu qaban irrati hubannaa walfakkaataa kennuun sababa ittisuun danda'muun haadholiin akka hin duuneef qindoominaan hojjachuun galma kaawwame bira ga’uuf akka ta’e obbo Mahammad Jamaal eeranii jiru.

✍ Sagantaalee Fayyaa karaa waajjiira fayyaatiin gadi bu’aniis hojiirra oolchuun kan ibsame yemmuu ta’u baatii fayyuummaa haadhoolee sababeeffachuunis hawaasa Dhaabbilee misoomaa keessatti tajaajila kennaa jiran fayyadamaa taasiisuun barbaachisaa akka ta’e dubbatamee jira.
Waaj/Fayyaa Aanaa Odaa Bultum irraa

Address

From Ciroo To Galamsoo Road In Bedesa City
Bedesa

Telephone

255550188

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Odaa Bultum Woreda Health Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share