03/05/2026
Murtii Barsiisaa
Himatamtoonni yakka gatii tajaajilamaa (tarifaa) dabaluun himatamanii adabbii hidhaa salphaa jiโa 6 fi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan (10,000)tiin adabamaniiru.
Himatamtoonni maqaan isaanii:
1ffaa Usmaaโil Aliyyii Yuyyaa
2ffaa Mahammad Safii Alii Ibroo
Kanneen kunneen Godina Harargee Bahaa, Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti, daandii Harawacaa deemuu irratti konkolaachistoota taโanii konkolaataa feโinsa uummataa (Isuzu qixxii) dhaan Magaalaa Dirree Dhawaa irraa gara Magaalaa Harawacaatti osoo konkolaachisaa jiranii imaltoota tokko tokko irraa qarshii kuma tokko tokko (1,000) fudhataniiru.
Kanaaf, imaltoonni eeruu toโatoota tiraafikaatiif kennaniin, konkolaachistoonni kun qabamanii Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti, kutaa qorannaa yakkaatti dhiyaatanii toโannoo jala oolaniiru. Galmeen isaanii erga qulqullaaโeen booda, Abbaan Alangaa Aanaa Dadar galmee banuun Mana Murtii Aanaa Dadaritti dhiyeesse.
Dhaddachi gaafa guyyaa 24/08/2018 ooleen, adabbii fakkeenya isaanii barsiisuu fi akeekkachiisaa taโu jedhuun, tokkoon tokkoon isaanii adabbii hidhaa jiโa jahaa (6) fi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan (10,000) akka adabaman murteesseera.
Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa.