17/04/2026
Koreen Supparviishinii Naannoo Oromiyaa Irraa Hojiif Bobbahan Aanichatti Sochii Hojii Gurmaa'insa Caasaa Nageenyaa Aanichaa Ilaalan.
God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Sochiin Gurmaa'insa Caasaa Nageenyaa Milishaa, Gaacheena Sirnaa fi Qindoomina Hawaasaa Ilaalchisuun Sochii Hojii Jiru Gandootarratti Gadbu'uun Ilaalaniru.
Haaluma kanaan haala waliigalaa gurmaa'ina milishaa aanichaa erga ilaalanii booda ganda Awbarreetti argamuun sochii gurmaa'insa gaacheena sirnaa, milishaa,tajaajila poolisii hawaasaafi qindoomina hawaasaa fi caasaa ilaaluun jajjabeessanii hojiilee hojjatamaa jirutti gammaduun jajjabeessaniiru.