19/08/2026
Oromia Forest and Wildlife Enterprise
Oromiyaa Soveriin Fandii (OSF): Qabeenya Mootummaa Gara Badhaadhina Dhalootaatti
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya mootummaa akka meeshaa bulchiinsa yeroo gabaabaatti osoo hin taane, akka bu'uura badhaadhina dhalootaatti ilaala. Kanaafuu, bulchiinsa qabeenyaa baramaa irraa gara qabeenya sana tarsiimoon qindeessuu, invastimantii dursa qaban keessatti bobbaasuu, sona dabalataa umuufi bu'aa argamu gara misooma hawaas-dinagdee naannichaatti deebisuutti ce'uun kallattii imaammataa ijoodha. Bu'ruuma kanaan, Oromiyaa Soveriin Fandiin (OSF) dhaabbilee misoomaa mootummaa gara sirna bulchiinsa ammayyaa, dorgommiifi bu'a qabeessummaa irratti hundaa'etti ceesisuuf kan caaseffamedha.
Caaseffamni kun qabeenya mootummaa dameewwan adda addaatti bittinnaa'ee jiru walitti qindeessuun, humna kaappitaalaa guddisuu, invastimantii dursa qabu adda baasuufi dameewwan dinagdee Oromiyaa keessatti gatii dabalataa uumuu danda'an irratti xiyyeeffata. Akkasumas dhaabbilee misoomaa mootummaa gareewwan invastimantii tarsiimawaa jalatti gurmeessuun bulchiinsa isaanii cimsaa jira; akkasumas raawwii isaanii safaruun kanneen dorgomaa ta'an babal'isuu, kanneen hanqina qaban immoo sirreessuu yookaan kallattii haaraa itti kennuuf sirna diriirseera. Kunis qabeenya mootummaa eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya sana gara kaappitaala guddina dinagdee itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf tarkaanfii murteessaadha.
Raawwiin bara 2018 bu'uura jijjiirama kanaa cimsuu keessatti bu'aa jajjabeessaa agarsiiseera. Galiin waliigalaa OSF'n walitti qabe Qarshii bil. 102.6 kan gahe yoota’u, bu'aan gibiraa duraa immoo Qarshii bil. 19.4 ta'uu danda'eera. Guddinni galiifi bu'aa kun, sirni bulchiinsa qabeenya mootummaa bu'a qabeessa ta'e yeroo gabaabaa keessatti galii mootummaa cimsuufi dandeettii invastimantii naannichaa guddisuu akka danda'u mirkaneessa. Haata'u malee, bu'aan argame kaayyoo xumuraa osoo hin taane, bu'uura ce'umsa itti aanuu qofa. Kanaafuu raawwii dhaabbilee adda addaatti madaaluu, hanqina raawwii sirreessuufi qabeenya gara bu'aa ol'aanaatti ceesisuun hojii xiyyeeffannoo itti aanu ta'a.
Kallattii bara 2019 keessatti, xiyyeeffannoon mootummaa guddina lakkoofsa galii qofa irratti osoo hin taane, qulqullina invastimantii, dorgommummaa dhaabbilee, itti fayyadama teeknooloojii, bulchiinsa gaariifi uumama qabeenya yeroo dheeraa irratti kan xiyyeeffatedha. OSF'n bara 2019 keessa galii Qarshii bil. 157.9’fi bu'aa Qarshii bil. 30.8 galmeessuuf karoorfachuun, kaappitaala haaraa sassaabuu, invastimantii haaraa hojii irra oolchuufi dhaabbilee dadhabaa ta'an irratti tarkaanfii fooyya'iinsaa fudhachuuf kallattii kaa'eera. Kunis deeggarsa maallaqa mootummaa eeggachuu irraa gara qabeenya ofii sirnaan fayyadamuutti, akkasumas michoota dhuunfaafi invastaroota biyya keessaafi alaa hirmaachisuun guddina saffisaafi itti fufiinsa qabu uumuutti ce'uudha.
Tarkaanfiin bal'aan kun "Karoora Of-danda'uu Oromiyaa" waliin walitti hidhata cimaa kan qabuudha. Qabeenya mootummaa irraa gatii dabalataa uumuu jechuun bu'aa dhaabbilee mootummaa qofa guddisuu miti; carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu, tekinooloojiifi beekumsa dabarsuu, dameewwan oomishaa cimsuu, galii mootummaa guddisuufi dandeettii ummataa dinagdeen of danda'uuf jiru babal'isuudha. Keessumaa qonnaafi agro-industirii, oomishaafi walitti qabaa, ijaarsaa, albuudaafi enerjii, faayinaansii, tajaajila dijitaalaafi tuurizimii keessatti invastimantii tarsiimawaa babal'isuun, qabeenya Oromiyaa keessaa gatii dabalataa guddaa kan umuudha.
Walumaagalatti, ce'umsichi “dhaabbata mootummaa bulchuu” irraa gara “qabeenya mootummaa tarsiimoon invast gochuudhaan badhaadhina dhalootaa uumuutti” ce'uudha. Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya jiru eeguu qofa osoo hin taane, qabeenya jiru gara qabeenya haaraatti, qabeenya haaraa gara kaappitaalaatti, kaappitaala ammoo gara carraa hojii, oomisha, galiifi badhaadhina ummataatti jijjiiruuf sirna haaraa ijaaraa jira. Milkaa'inni sirna kanaa bulchiinsa gaarii, iftoomina, itti gaafatamummaa, raawwii irratti hundaa'e hoggansa, invastimantii sirriifi hirmaannaa waloo irratti hundaa'a. Kaayyoon dhumaa isaa immoo ifaadha: qabeenya Oromiyaa akka bu'uura badhaadhina har'aafi dhaloota boruutti jijjiiruun, dandeettii dinagdee naannichaa cimsuufi Oromiyaa Of-dandmeesse ijaaruudha.
."
================================
Face Book
https://web.facebook.com/profile.php?id=100083274790328
Telegram
https://t.me/OromiaFWE
LinkedIn
https://lnkd.in/p/g3cxngXn
Instagram
https://www.instagram.com/oromiafwe2025/
TikTok
https://www.tiktok.com/...
Youtube
https://m.youtube.com/channel/UCa-w39y7RduyH26etZfCqkg