Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa

Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Court

22/05/2026

Maal Haa Fooyyeffannu Yaada Keessan Sodaa Tokko malee nuun gahuu Dandeessu

Caamsaa 10/9/2018  :::::::::::::::::::::::::::::::::Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Tajaajilaa E-Court ykn Tajaajila ...
18/05/2026

Caamsaa 10/9/2018
:::::::::::::::::::::::::::::::::
Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Tajaajilaa E-Court ykn Tajaajila Waraqa Maleessaa Haala bu'a Qabeessa taheen hojirra Oolchaa jira. Kana Malees Manni Murtii Keenya Dhaqqabamummaa KTAS Lafa qabsiisuun baasii abbaa dhimmaa Hambisuun Tajaajila Dhaddacha Dhagaha Halaalaa Sadarkaa Naannoo Keenyatti Dursee hundeessun Muuxannoo Manneen Murtii biroof illee qoodun Isaa Kan hubatamuudha. kanaanis Dhaddachaalee Dhagaha Halaalaa 3 Wirtuu aanichi qabu Irratti hundeessun Hawaasni Baasii malee Dhimma Isaa bakkuma jiruu hordofataa Kan jiru Yoo tahu kanaanis galmee bara kana keessa Mana murtiitti dhihaatan keessan galmeen 340 ol Dhaddacha Dhagaha Halaalaa kanaan Xumura argateera. kanaaf Manni murtichaa Tajaajila Qulqulluu, si'ataa fi bu'a Qabeessa kennaa jiruun Abbootii dhimmaa baasii Irraa hanbisaa jira.

Gama Biraatin Tajaajila E- Court ykn Tajaajila Waraqa Maleessaa eegalame kanaanis Dhaddacha Dhagaha Halaalaatiin Dhimmoonni ilaalaman Sirna Faayila Elektroonikaan waan walqabatee jiruuf Abbaan Dhimmaa Tajaajila hunda bakkuma Irraa tajaajilamee Akka argatu taasisaa jirra.

Gara fuulduraas Humnaa fi Dandeettii Qabnuun Hawaasa Keenya tajaajiluuf murannoon Keenya Ol'aanaa Tahuu Dhugoomsina.

Waliin taanee Ragaa Sobaa fi Dallaala dhabamsiisaa Haqaaf Haqaan haa hojjennu Jenna.

MMAGQ
kemmoona

Imalli Keenya Gara E-Court t**i.:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Guyy...
09/05/2026

Imalli Keenya Gara E-Court t**i.
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Guyyaa Har'aa Dhimmoota RTD 48 tahan Karaa E-Court /Tajaajila Warqa Maleessan/ Galmee banuun Hojjetaa tureera.

asystem designed to modernize and streamline the judicial process by providing a digital platform for case management and legal proceedings. This innovative initiative aims to enhance accessibility, efficiency, and transparency within the court system, allowing for faster resolutions and reducing the administrative burden on both the judiciary and the public.

KTAS Waraqarraa Gara Waraqa Maleessatti Ceesisaa jirra.=====================Manni Murtii Aanaa Keenyaa Kenna Tajaajila A...
30/04/2026

KTAS Waraqarraa Gara Waraqa Maleessatti Ceesisaa jirra.
=====================
Manni Murtii Aanaa Keenyaa Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Waraqarraa Gara Waraqa Maleessatti Ceesisaa Jira. Abbaan Dhimmaa Keenya kanaan booda Waraqaa Qabatee Asii fi achi Deemun Osoo hin barbaachisinitti Dhimma Isaa bakkuma jiruu Kan Dhiheeffatu, Abbaan Alangaa, Poolisii, abukaattoonni seeraa fi Seektaraaleen Mana Hojii Mootummaa Kamiyyuu Tajaajila Barbaadanu Manuma Hojii isaanii taa'anii dhiheessaa falmiis bakkuma jiranii Geggeessu jechuudha. kanaanis Qaamni Kamuu Liinkii Isaanif mijjateen Mana murtirraa Tajaajila Barbaadan argatu. Tajaajilaluma kenninu hundaan Walqabatee Komii Qabdanis Karaa keessan nuungahaa Jenna
Haqaaf Haqaan Hojjenna.

Eebla 20/2018:::::::::::::::::::::::::KTAS ammayyeessuf Mariin Geggeeffameera.==========================Tajaajila E-Cour...
28/04/2026

Eebla 20/2018
:::::::::::::::::::::::::
KTAS ammayyeessuf Mariin Geggeeffameera.
==========================
Tajaajila E-Court Lafa Qabsiisuu Irratti Mariin Abukaattoota Seeraa, Barreessitoota Dhimmaa, Ofisaroota seeraa fi Ogeessa TQO Waliin Geggeeffameera. Tajaajilicha Sirnaan hojirra oolchuuf Haala Itti fayyadamaa Irratti hubannoonis kennameera.
Dabalataan Kenni Tajaajila Abbaa seerumnaa Qulqulluu, dhaqqabamaa fi Bu'aan Qabeessa taasisuuf Ittisa Ragaa Sobaa, Itti fayyadama kakuu Mana Murtii Aadaa Hojirra Oolchuu Irratti Mariin Geggeeffameera. Gama Biraatin abbaa dhimmaa Mana Murtii dhufu kamiyyuu Dhimma qabatee Mana murtiin dhufu kamirrayuu haqa Qabaachuu Isaa mirkaneessuf galmeen banamuun duras kakuu Raawwatuu Kan qabu waan taheef Gamanumaa hubannoon argachuun Akka dhihaatan barreessitoonni hubachiifamanii jiru.
Waliin taanee haqaaf haa tumssinu!!!
Lafa nagaa oolaa!!!!

Eebla 19/8/2018  ==================Hubannoon Seeraa Dhimmoota adda addaa  irratti Karaa  A/Ittisaa fi oggeessa seera uni...
27/04/2026

Eebla 19/8/2018
==================
Hubannoon Seeraa Dhimmoota adda addaa irratti Karaa A/Ittisaa fi oggeessa seera university Haramayatiin kennameera.

Kunis Dhimmoota Ittisaa Ragaa Sobaa, himataa Sobaa fi Haala Giddu deemtota yookaan Dallaaltota Itti Hambisuun dabdahamu Irratti hubannaan kennameera.
dabalataan Haqni Xiqqaa fi Guddaa waan hin qabneef Namoonni Himataa fi Deebii akkasumas Iyyannoowwan adda addaa Mana Murtii Keenyatti Dhiheeffatu Hunduu akkuma Ragaan kakuu Raawwatutti Sirna kakuu Karaa Aadaatiin Kan Raawwatu Tahuu beekee waan Qabatamaan haqa Irraa qabu Qofaa Akka Dhiheeffatu hubannoon kennameera.
Gama Biraatin akkaataa Lab. Lakk 248/2015 baheetiin Falmiiwwan Lafaan Walqabatan Irra jireessi Isaa Mana Murtii dhihaatuun dura Sadarkaa Gandaatti Ilaalamuu waan qabaniif Abbootiin Dhimmaa Osoo baasif hin saaxilamne dura dhimmicha Karaa Bulchiinsa Gandaatiin Akka ilaallatan Hubannoon kennameera.
Dhumarratti Bulchitoonni Gandoota keenyaa Hunduu Mana hubatanii falmiiwwan Qabiyyee Lafaa Ilaallatan Irra Hedduun Maanguddoota bitaa fi mirgaa filachiisee Bulchiinsi gandaa dura Kan ilaalchisu Waan taheef Xiyyeeffannoo Itti kennuun miira aantummaa Qabuun Dhimma kanarratti Akka hojjetan Jenna.

Waan dubbiftaniif Galatoomaa.
Share Godhuun nudeeggaraa

Iddoo Tursiisa Daa'immanii Hawwataa::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::Manni Murtii Aa...
20/04/2026

Iddoo Tursiisa Daa'immanii Hawwataa
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::

Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Iddoo Tursiisa Daa'immanii Hawwataa Gochuuf Hojiilee Ajaa'ib siisaa Hojjetaa jira. Kanneen Keessa Dhaddacha Maati Fi Daa'immaniis Akkaataa Istaandardii Maanuwaalii Dhaddacha Daa'immanii tin Dhaddacha Dhimmoonni Dantaa Daa'immanii fi Dubartoota fi Dhimmoonni Dantaa Mootummaa Waliin Walqabatan addatti Itti Ilaalaman Hundeessaa jira. Daa'imman Keenya Hegeree boruu keenyaa Waan taheef Kunuunsa Gochuuf Tumsi Keessanis Nubarbaachisa Waan taheef Addatti Waajira Abbaa Alangaa Aanichaa fi Waajira Dhimma Gurmaa'insaa Aanaa Gubbaa Qorichaatiin Deeggarsa Nuuf gootaniif Galatoomaa jenneerra.

Eebla 5 bara 2018 :::::::::::::::::::::::::::::   Himatamtuun Yakka Hannaa Raawwatte Adabbii Hidhaatiin Adabamte.  :::::...
14/04/2026

Eebla 5 bara 2018
:::::::::::::::::::::::::::::
Himatamtuun Yakka Hannaa Raawwatte Adabbii Hidhaatiin Adabamte.
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Himatamtuun Maqaan ishee Faaxumaa Bakaree jedhamtu Jiraattuu Aanaa Gubbaa Qorichaa Araddaa 13 taate Qabeenya Miidhamaa Dhunfaa Maqaan Isaa Ahmad jedhamu Jalaa harree 2 lama kan tilmaamni Qarshii 28000 kuma Diddamii Saddeet Tahe Magaalaa Asabootii ganda 01 jedhamuu fuutee Gara aanaa Gubbaa Qorichaa Magaalaa Kemmoonaatti Gurguraaf Osoo Oofaa Jirtuu Aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda burqaa Jaalalaa Dabaala bakka jedhamutti Harkaa fi harkatti Waan Qabamteef Poolisii fi Abbaan Alangaa Qorannoo Geggeessanii Galmeen Qorannoo Xumuramee Abbaan Alangaa Himatamtuu Seera Yakkaa Bara 1996 fooyya'ee bahe Keewwata 665 jalatti himannaa dhiheesseera. Manni murtiis Adeemsa Himatamtuu Dhaddacharratti erga Dhihaattee booda Eenyummaa Ishee qulqulleessudhaan Himannaa DHaddachumarrtti kenneefii Dubbiseefi erga Himattuun Naaf galeera jettee yaada kenniteen booda Himannaa Dhihaate Irratti Jecha amantaa fi Waakkii Himatamtuu Yoo gaafatu Himatamtuun qabeenyichi kun kan Ishee akka hin taane fi harka Isheetti qabamuu Isaa amantee Waan jirtuuf Manni Murtii Dabalataan Firiiwwan himannicha keessatti Ibsaman adda baafamanii Sirnaan akka qulqullaa'aniif ragaan abbaa alangaa dhagahamee himatamtuun Seeruma jalatti himatamte Keewwata 665 jalatti akka Ofirraa Ittistu jala Murtii Laateera. Itti Fufees Himatamtuun Duraan ragaa Ittisaa nan dhiheeffadha jettee beellamni qabamuufillee boodarra ani Ragaa hin qbau jettee Yaada kennitee jirti. Manni murtii Yaada Himatamtuun Ragaa Ittisaa Manni murtii ajajaanillee akka dhiheessuf gaafatee hin qabu Jetteef unkaa Barbaachisaa tahe erga mallatteessitee galmeen walqabatee booda mirga Ragaa ittisaa dhiheeffachuu Ofirraa bira darbuun Himatamtuu Seeruma jalatti Himatamte keewwata 665 jalatti Balleessaa qabdi jechuun murtee balleessummaa kenneera. Itti fufuun adabbiif Immoo Yaada adabbii Cimsuu fi Yaada adabbii salphisuuf gama lamaanii erga fuudhee booda Himatamtuu fi Fakkaattoota ishee ni barsiisa himatamtuu gara fuulduraatti Jireenya Hawaasa Qajeelaa tahetti Ni deebisa jedhee kan Amane Adabbii hidhaa Salphaa waggaa 1 fi Ji'a 6 tiin akka Adabamtu Dhaddacha Guyyaa 5 bara 2018 ooleen murtee Laateera.

Hanni Akka rabittis akka seera Mootummaattis Haraama qulqulluu Waan taheef Hawaasni keenya Gocha akkanaa kanarraa akka of Qusatu Dhaammachaa Waliin taanee Haqaaf Haa tumsinu jenna. Lafa Nagaa nuuf oolaa

Eebla 5/2018::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::Qulqullina KTAS Daran Fooyyessuu fi Tajaajila haqaa Qulqul...
13/04/2026

Eebla 5/2018
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Qulqullina KTAS Daran Fooyyessuu fi Tajaajila haqaa Qulqulluu taasisuuf Abbootiin Dhimmaa Dhimma Qabatamaan Mirga Irraa Qaban Qofaa Akka dhiheeffatan, Ragaa Sobaa fi Dallaala Abbaa dhimmaa Gowwoomsurraa Akka Of eeggataniif Hubannoon Guyyaa Guyyaan kennamaara.
maarree Tajaajilli kenninu Qulqulluudha. hataa fi Hachisiisaa, Ragaa Sobaa fi Dallaalas Waliin taanee Haa Dhabamsiifnu.

Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa
Kemmoona

Bitootessa 30/7/2018Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Geggeeffameera.::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::...
08/04/2026

Bitootessa 30/7/2018
Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Geggeeffameera.
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Manni Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa bara 2018 geggeesseera. Qorannoo Hojii kanaan Ciminaa fi Hanqinaalee Tokko Tokko Hojii keessatti mudatan adda baasudhaan Ciminaaleen jiran daran Akka Itti fufanii fi Hanqinaaleen argaman

Gara FuulduraaAkkasirratan,Adeemsaalef Dubdeebinis kennameera.Gama Biraatin Hojiileen Dhaddacha Dhagaha Halaalaa/VK/ fi E-filetiin hojjetamaniin Hawaasa Keenyarraa Baasii adda addaa Gara Qarshii mil 3.7 Olhanbisuun Kan dandahame Tahuun hubatameera. Dhumarratti Qulqullinni KTAS kana caalaa Akka Itti fufu, E-Court/Tajaajilli Warqa Maleessaa Akka Lafa Qabatu, Dhaqqabamummaa fi Si'oomminni haaluma Amma jiruun Akka Itti fufu Kallattiin fuulduraa Kaa'amuun Gamaaggamni milkiin xumuraneera.

Address

West Hararghe, Justice Street
Asebe Teferi

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Telephone

0254510065

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa:

Share