Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Damee Bahaa

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Damee Bahaa ****Hanna Irratti Qabsaa'uun Gochaan*****

29/05/2026
14/05/2026

ሙስናን የሚታገል፣ ግልጽነትንና ተጠያቂነትን እንደ ባህል የሚላበስ ትውልድ ማፍራት የሁላችንም ኃላፊነት ነው!

*****************

ሙስናን በዘላቂነት ለመከላከል በሥነ-ምግባር የታነጸ ትውልድ መፍጠር ቁልፍ ጉዳይ ነው። ለዚህም ከቤተሰብ ጀምሮ የልጆችን የሞራል እድገት በመቅረጽ ትውልድ በሥነ-ምግባር እንዲገነባ ማድረግ ያስፈልጋል። በመልካም ሥነምግባር የታነጸ ትውልድ ደግሞ የግልጽነትንና የተጠያነትን መርህ ያከብራል፤ ይተገብራል።

ግልጽነትንና ተጠያቂነትን እንደ ባህል የሚላበስ ትውልድ ማፍራት ማለት ደግሞ በአንድ ማህበረሰብ ውስጥ እውነትን የሚናገሩ፣ ለሥራቸው ኃላፊነት የሚወስዱ እና አሰራራቸው ለሰው ሁሉ ግልጽ የሆኑ ዜጎችን በሂደት መገንባት ማለት ነው።

የግልጽነትና ተጠያቂነት እሴቶች አልፎ አልፎ የሚተገበሩ ሳይሆኑ፣ በዜጎች እና በተቋማት የዕለት ተዕለት እንቅስቃሴ ውስጥ እንደ ባህል ሊሰርጹ የሚገቡ ጉዳዮች ናቸው። ይህም ተቋማት በአሰራር እንዲመሩ ለማድረግ ያግዛሉ።

ሙስናን የሚጸየፍ፣ የግልጽነትንና የተጠያቂነትን መርህ የሚከተል ትውልድ ማፍራት የነገዋን ጠንካራ ሀገር ለመገንባት መሰረት ይሆናል። ይህ ደግሞ ከአንድ ተቋም ወይም ግለሰብ የሚጠበቅ ብቻ ሳይሆን፣ እያንዳንዱ ዜጋ በተሰማራበት የሥራ ዘርፍ ሁሉ "እኔ ለሀገሬ ታማኝ ነኝ" ብሎ ሲነሳ የሚረጋገጥ ነው። ግልጽነትና ተጠያቂነት ባህላችን ሲሆኑ፣ ሀገራዊ እድገታችን የተረጋገጠ ይሆናል።

ትውልድን በሥነምግባር መገንባትና ሙስናን መዋጋት የአንድ አካል ወይም የኮሚሽኑ ስራ ብቻ ሳይሆን፣ የሁላችንም የጋራ ኃላፊነት በመሆኑ የሁሉም የህብረተሰብ ክፍል የነቃ ተሳትፎ ማድረግ ይኖርበታል።

ስለሆነም፣ "ትውልድን በሥነ-ምግባር፤ ተቋምን በአሰራር!" በመገንባት ከሙስና የጸዳች ሀገር ለመፍጠር ሁላችንም የየድርሻችንን እንወጣ።

ትውልድን በሥነምግባር፤ ተቋምን በአሰራር!

የሙስና ወንጀል መጠቆሚያ አማራጮችን፣ ወቅታዊ እና የተሟሉ መረጃዎችን ለማግኘት👇🏾

ሞባይል መተግበሪያ

ስልክ ተጠቃሚዎች

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.codewaveet.ecis

or iPhone ስልክ ተጠቃሚዎች

https://apps.apple.com/us/app/ncrs/id659366231

ለሀብት ማሳወቅና ምዝገባ፦ https://feaccears.gov.et/

ዌብሳይት፦ https://www.feacc.gov.et

ፌስቡክ፡- https://www.facebook.com/feaccOfficial/

ቴሌግራም፦ https://t.me/feacc

ዩትዩብ፡- https://www.youtube.com/-corrupti149

ትዊተር፦ https://twitter.com/EthiopiaFeacc በመወዳጀት ይከታተሉን፡፡

04/05/2026

Faayidaa Duudhaa Safuu
***************************************************
Duudhaaleen naamusaa seera bu’uuraa hawaasa, dhaabbata, ykn nama dhuunfaa kamiifuu akka koompaasii qajeelfamaatti tajaajilaniidha. Duudhaaleen kun namoota gidduutti wal amantaa uumuu qofa osoo hin taane, walqunnamtii nagaa fi bu’a qabeessa ta’e ni mirkaneessa.
************************************************
Duudhaaleen naamusaa faayidaa gurguddoo armaan gadii qaba.
***********************************************
👉🏿 Haqummaa: - Namoota gidduutti aarii dhabamsiisa, haqa hawaasummaa ni dagaagsa, miira walqixxummaa uumuun tumsa ni cimsa.
*************************************************
👉🏿 Amanamummaa: - Namoonni dhuunfaa akka wal amanan taasisa. Hawaasa tokko keessatti walamantaan yoo jiraate walitti bu’iinsi ni hir’ata; hojiin karaa nagaan ni hojjetama.
*************************************************
👉🏿 Itti gaafatamummaa: - Amala itti gaafatamummaa hin qabne ittisa. Hunduu gocha isaatiif itti gaafatamummaa akka qabu yoo beeke hojii qulqullinaa fi of eeggannoo qabu ni raawwata.
***************************************************
👉🏿 Iftoomina: Malaammaltummaa fi shakkii dhabamsiisa. Bakka iftoominni jirutti hirmaannaan ni dabala; namoonni dhaabbilee, jaarmiyaa fi namoota irratti amantaa guutuu qabu.
********
👉🏿 Kabaja: Nagaa waliin jireenya uuma. Garaagarummaan mariidhaan akka furamuu fi namni hundi kabajaan akka jiraatu haala mijataa uuma.
**************************************************
Walumaagalatti, faayidaan gatiiwwan naamusaa "qajeelfama qalbii waliin-guddinaafi nagaan waliin jiraachuuf bu'uura kaa'uudha." Duudhaaleen naamusaa hawaasa amala gaarii qabu ijaaruu, wal amantaa cimsuu, nagaa fi tokkummaa fiduu, gahumsa guddisuu, nama dhuunfaa guddisuu, fi barmaatilee dhaabbilee fooyyessuu fi biyyattii tasgabbeessuu keessatti gahee bakka hin buune qaba.
***************************************************
Malaammaltummaa fi hojimaata badaa jibbuu bira darbee namoota dhuunfaa gochicha irratti hirmaatan saaxiluu keessattis gahee guddaa qabu.
****************************************************
Dhaloota naamusa qabu;
dhaabbata shaakala hojii qabuuf!

23/04/2026
21/04/2026

Malaammaltummaa Ittisuuf Ammas Xiyyeeffannoo!
*************************************************
Qorannoon Indeeksii Ilaalcha(hubannoo) malaammaltummaa Idil-addunyaa (CPI) “Transparency International” akka LWA tti bara 2025 baaseen, biyyi keenya Itoophiyaan qabxii 100 keessaa 38 galmeessisuun biyyoota 182 keessaa sadarkaa 96ffaa irra jirti. Kun qabxii 37 akka LWA tti bara 2024 galmeessiste irraa fooyya’insa xiqqoo kan agarsiisuudha.
=======================================
Kun ammoo malaammaltummaan biyya keenyaaf ammas qormaataa guddaa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ta’uu isaa fi xiyyeefannoo addaa akka barbaadu namatti agarsiisa. Rakkoo kana sirnaan ittisuu fi qolachuun yoo hin danda’amne guddinni siyaas-dinagdee, hawaasummaa, sirni dimokraasii, nageenyaa fi tasgabbiin biyyaa balaa hamaa keessa seena. Yakki kun yoo itti fufe imala badhaadhina hunda galeessa biyya keenyaas gufachiisuu danda’a.
Miidhaa malaammaltummaan geessisaa jiru waltajjii adda addaa irratti balaaleffachuun qofa hir’isuun hin danda’amu. Hojiin ittisa malaammaltummaa gaggeeffamaa jiru milkaa’uu kan danda’u, lammiin hundi ka’umsa malaammaltummaa sirriitti hubachuun qabsaa’uu yoo danda’eedha.
======================================
Qo’annoowwan gama kanaan gaggeeffaman ka’umsi malaammaltummaa ykn hannaa, laaffachaa dhufuu safuu hawaasichaa fi naamusa dhabuu ykn al-naamusummaa akka ta’e mul’isu. Gama birootiin ammoo, olaantummaan seeraa sadarkaa barbaadamutti mirkanaa’uu dhabuu fi rakkoo kenna tajaajilaa gaggeessitootaafi ogeessota tokko tokko biratti calaqqisu hojimaata jiruun sirreessuu dhabuu fi hojimaanni manneen hojii bifa walfakkaatuun hammaayyaa’uufi hojiirra ooluu dhabuun dhimmichi akka hammaatu taasisa.
=======================================
Aadaa Oromoo keessatti, malaammaltummaan ykn hanni jibbamaa fi balaaleeffatamaadha. Gocha kana madda isaa gogsuudhaaf ammoo, gara safuu fi duudhaa sabichaa ganamaa kan dagatamaa dhufeetti deebi’uu fi naamusa gaarii hawaasa bal’aa keessatti dagaagsuun akka ta’e wal-nama hin gaafachiisu. Hojiin ijaarsa safuufi naamusa gaarii dagaagsuu fi ittisa malammaltummaa qaama tokko qofaan kan galma gahu osoo hin taane hirmaannaafi qindoomina hawaasa bal’aa gaafata.
======================================
Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaa hawaasni keenya aadaa, duudhaa, safuu, namoomaafi horooma hawaasichaa sirriitti beekuu, kabajuu fi ijoollee isaa barsiisuufi fakkeenya gaarii ta’uu, akkasumas manneen hojii hundi hojimaata isaanii hammayyeessuun malaammaltummaa fi hojimaataa badaa akka biyyaattis ta’e akka naannootti hidda gadi fageeffate kana madda isaa irraa dhabamsiisuuf gahee isaa bahachuu qabaan dhaamsa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaati.

Bitootessa 30/2018,KNFMODB, Baddeessaa.**********************************************Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bu...
08/04/2026

Bitootessa 30/2018,KNFMODB, Baddeessaa.
**********************************************
Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumitti Leenjiin Hubannoo Cimsuu mata duree Tarsiimoo Ittisa Yakka Malaammaltummaa ,Dagaagina Naamusaa fi Safuu irratti Manajmantii fi Hojjattoota Mootummaa Bulchinsa Magaalaa Baddeessa fi Aanaa Odaa Bultumiif kennamee jira. Leenjiin kun Qindeessummaa waajjira KIN Aanaa Odaa Bultumii fi Qondaala Naamusa waliin tahuun kan qophaaye yoo tahu,
************************************************
Ogeessi Komishinichaa Obbo Masfin Sibaatii fi Itt/G Waajjira Komishiniin Inispeekshinii fi Naamusaa paartii Badhaadhinaa damee Aanaa Odaa Bultum Obbo Ahmad Rashiid Haasaawa baninsaa taasisaniin Hojjataan Mootummaa Naamusaa fi hojmaata manneen Hojii mootummaa beekee kabajuun hojmaata badaa yakka malaammaaltummaa jibbee irratti qabsaa'uun tajaajila si'ataa ,qulqulluu fi haqa qabeessa ta'e abbaa dhimmaaf laachuun imala Badhaadhina biyyattiin teenya eegalte milkeessuu keessatti gahee isin irraa eegamu bahatuu qabdan jechuun dhaamaniiru.
*******************************************
"Galmoota Imala Badhaadhina hunda galessaa Milkeessuuf Hojmaata Badaa Lagachuun, Kenna Tajaajila Si'ataa,Qulqulluu fi Haqa qabeessaa Kennuun dhimma murteessaa dha."

Itti fufa......Sosochii torbee naamusa barattootaa sagantaa adda addaatiin raawwatame suuraan👇👇👇👇
09/03/2026

Itti fufa......
Sosochii torbee naamusa barattootaa sagantaa adda addaatiin raawwatame suuraan👇👇👇👇

Guraadha 4,2018, KNFMODB, Ciroo.=====================================Godina Harargee Lixaatti Leenjiin hirmaattoota Hogg...
11/02/2026

Guraadha 4,2018, KNFMODB, Ciroo.
=====================================
Godina Harargee Lixaatti Leenjiin hirmaattoota Hoggansa KIN a Sadarkaa Aanaalee, Bulchiinsa Magaaloota, Gaggeesitoota Gamtaa Seektaraa Godinaa fi Maatii Godinaatiif kennamee yoo tahu,
======================================
Leenjii kanaan barreeffamaa mata duree dhuudhaa fi safuu/naamusa gonfachuun malaammaltummaa haa ittisnu jedhu irratti gama Ogeessa Komishinichaatiin kennamee jira.

Address

Asebe Teferi

Telephone

+251255511906

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Damee Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Damee Bahaa:

Share