21/04/2026
Malaammaltummaa Ittisuuf Ammas Xiyyeeffannoo!
*************************************************
Qorannoon Indeeksii Ilaalcha(hubannoo) malaammaltummaa Idil-addunyaa (CPI) “Transparency International” akka LWA tti bara 2025 baaseen, biyyi keenya Itoophiyaan qabxii 100 keessaa 38 galmeessisuun biyyoota 182 keessaa sadarkaa 96ffaa irra jirti. Kun qabxii 37 akka LWA tti bara 2024 galmeessiste irraa fooyya’insa xiqqoo kan agarsiisuudha.
=======================================
Kun ammoo malaammaltummaan biyya keenyaaf ammas qormaataa guddaa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ta’uu isaa fi xiyyeefannoo addaa akka barbaadu namatti agarsiisa. Rakkoo kana sirnaan ittisuu fi qolachuun yoo hin danda’amne guddinni siyaas-dinagdee, hawaasummaa, sirni dimokraasii, nageenyaa fi tasgabbiin biyyaa balaa hamaa keessa seena. Yakki kun yoo itti fufe imala badhaadhina hunda galeessa biyya keenyaas gufachiisuu danda’a.
Miidhaa malaammaltummaan geessisaa jiru waltajjii adda addaa irratti balaaleffachuun qofa hir’isuun hin danda’amu. Hojiin ittisa malaammaltummaa gaggeeffamaa jiru milkaa’uu kan danda’u, lammiin hundi ka’umsa malaammaltummaa sirriitti hubachuun qabsaa’uu yoo danda’eedha.
======================================
Qo’annoowwan gama kanaan gaggeeffaman ka’umsi malaammaltummaa ykn hannaa, laaffachaa dhufuu safuu hawaasichaa fi naamusa dhabuu ykn al-naamusummaa akka ta’e mul’isu. Gama birootiin ammoo, olaantummaan seeraa sadarkaa barbaadamutti mirkanaa’uu dhabuu fi rakkoo kenna tajaajilaa gaggeessitootaafi ogeessota tokko tokko biratti calaqqisu hojimaata jiruun sirreessuu dhabuu fi hojimaanni manneen hojii bifa walfakkaatuun hammaayyaa’uufi hojiirra ooluu dhabuun dhimmichi akka hammaatu taasisa.
=======================================
Aadaa Oromoo keessatti, malaammaltummaan ykn hanni jibbamaa fi balaaleeffatamaadha. Gocha kana madda isaa gogsuudhaaf ammoo, gara safuu fi duudhaa sabichaa ganamaa kan dagatamaa dhufeetti deebi’uu fi naamusa gaarii hawaasa bal’aa keessatti dagaagsuun akka ta’e wal-nama hin gaafachiisu. Hojiin ijaarsa safuufi naamusa gaarii dagaagsuu fi ittisa malammaltummaa qaama tokko qofaan kan galma gahu osoo hin taane hirmaannaafi qindoomina hawaasa bal’aa gaafata.
======================================
Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaa hawaasni keenya aadaa, duudhaa, safuu, namoomaafi horooma hawaasichaa sirriitti beekuu, kabajuu fi ijoollee isaa barsiisuufi fakkeenya gaarii ta’uu, akkasumas manneen hojii hundi hojimaata isaanii hammayyeessuun malaammaltummaa fi hojimaataa badaa akka biyyaattis ta’e akka naannootti hidda gadi fageeffate kana madda isaa irraa dhabamsiisuuf gahee isaa bahachuu qabaan dhaamsa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaati.