West Hararghe High Court

West Hararghe High Court Kun peejii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaati

Baga Id Al-Adahaa(Arafaa) bara 1447 nagayan Gessan jecha Ayyaanii kun kan gammachu, milkii fi Badhaadhiina isiniif haa t...
26/05/2026

Baga Id Al-Adahaa(Arafaa) bara 1447 nagayan Gessan jecha Ayyaanii kun kan gammachu, milkii fi Badhaadhiina isiniif haa ta'uu

11/05/2026
09/05/2026

የፕሮግራም ጥቆማ
(ዛሬ ምሽት 3:00 ሰዓት ላይ)
------------------------
(ግንቦት 1 ቀን 2018 ኦ/ጠ/ፍ/ቤት)-የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ከEBC ጋር በመተባበር በኦሮሚያ ፍርድ ቤቶች የዳኝነት አገልግሎት አሰጣጥን ቀልጣፋ ተደራሽና ጥራት ያለዉ እንዲሆን ለማስቻል እየተሰሩ በሚገኙ ስራዎችና እየተተገበሩ ባሉ ሪፎርሞች ዙሪያ ያዘጋጀዉ ዶክሜንተሪ ዛሬ ምሽት 3:00 ላይ በአማርኛ ቋንቋ ይተላለፋል። በመሆኑም እንድትከታተሉ እንጋብዛለን።

12/04/2026

BAGA AYYAANA GEESSAN!
Hordoftoonni Amantaa Kiiristaanaa Baga Ayyaana Faasikaa (sooma hiikaa) bara 2018tiin isin gahe.
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa Ayyaana Faasikaa 2018 sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraan baga ittiin isin gahe jechaa Ayyaanichi kan jaalalaa, kan gammachuu fi tokkummaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
Ayyaana Gaarii!

Rakkoo geejjiba Manneen Murtii Aanaalee godina harargee Lixaa furuuf konkoolatooni adda adda deegarsaan waajjira Bulchii...
07/04/2026

Rakkoo geejjiba Manneen Murtii Aanaalee godina harargee Lixaa furuuf konkoolatooni adda adda deegarsaan waajjira Bulchiinsoota aanaa irraa keennamni jiru.
Wajjiira Bulchiinsa Aanaalee. Xuulloo, Shanaan Dhuggoo, Habroo fi Doobba addatu immoo Bulchaan Bulchiinsa Aanaalee armaan olii hojjii Boonsa kana hojjeetaan hundiinuu galatooma

𝐆𝐚𝐦𝐚𝐚𝐠𝐠𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐑𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐆𝐨𝐝/ 𝐇𝐚𝐫/𝐋𝐢𝐱𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐗𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐦𝐞.   •••★•••Bitootessaa ...
06/04/2026

𝐆𝐚𝐦𝐚𝐚𝐠𝐠𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐑𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐆𝐨𝐝/ 𝐇𝐚𝐫/𝐋𝐢𝐱𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞 𝐗𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐦𝐞.
•••★•••
Bitootessaa 27, 2018.𝐌𝐌𝐎𝐆𝐇𝐋
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Ji'a 9 Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumuramee jira. Gamaaggama kana irratti:

Gabaasni Manneen Murtii Aanaalee hundaa dhiyaate bal’inaan kan ilaalame yoo tahu, ciminaa fi hanqina jiru adda baasuun irratti mari’atameera.
Pirezidaantiin MMO Godina Harargee Lixaa, Kabajamoo Obbo Mahammad Abduramaan, haala hojii waliigalaa irratti ibsa kennanii, ciminoota jiru itti fufsiisuuf hojjechuu akka barbaachisu ibsaniiru. Hanqinoota adda ba’an keessaa, qulqullinni tajaajila haala gaarii irra jiraatus xiyyeeffannoon anmas hojjetamuu qaba jedhani jiru.
Akkasumas, itti fayyadama teekinoolojii daran cimsuun imala tajaajila Abbaa Seerummaa dijitaaleessuuf taasifamu milkeessuu akka qabnu dhaaman.

Gama biraatiin Dhaddacha Dhagaha Haalaalaa fi Tajajila elektroonikaa hundeeffame daran cimsuun itti fufsiisuun Dhaqqabamummaa fi Si'oomina tajaajila mirkaa'uu qaba jechuun ibsaniru.

Dhuma irrattis, hanqinaalee gurguddoo gamaaggamaan adda bahaan irratti sirreeffamni akka taasifamuu fi yeroo itti aanu keessatti xiyyeeffannoo ol’aanaa akka argatan kallattiin kennuun waltajjin guyyoota lamaaf gaggeeffamaa turee xumurameera.
☆☆☆𝐌𝐌𝐆𝐇𝐋☆☆☆

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa gamaaggama gabaasa rawwii hojii Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa kan kurma...
04/04/2026

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa gamaaggama gabaasa rawwii hojii Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa kan kurmaana 3ffaa magaalaa Cirotti gaggeessaa jira.
🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧🚧
Gamaaggamni kunis eebba manguddootaatiin kan jalqabame yoo ta'u Haasawa baniinsaa pireezdaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa Kabajamoo Obbo Mohaammad Abdurahmaan taasisaniin Manneen Murtii keenya hojiilee hanga ammaatti hojjatamaniin walqabatee kan bara dabreetiin walbira qabnee yoo ilaallu fooyya'insi gaariin waan jiruug kurmaana hafe kanatti yeroo keenya sirnaan fayyadamnee bu'aa qabanne qabatamaan caalmaatti akka milkeessinu abdiin qaba jechuun gamaaggamicha ifatti jalqabsiisaniiru.

Gabaasni raawwii hojii Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa kunis Pirezidaantota Manneen Murtiitiin walduraa duubaan kan dhiyaatuudha jedhamee eegama.
Gamaaggamichi guyyoota 2f itti fufee kan gaggeeffamu ta'a.
26/2018,MMOGHL,Ciroo)

Baga Ayyaana Id Alfixrii bara 1447 geessan jecha ayyaani Kun kan milkii fi gammachu isiniif haa tahu
20/03/2026

Baga Ayyaana Id Alfixrii bara 1447 geessan jecha ayyaani Kun kan milkii fi gammachu isiniif haa tahu

Mariin Galmeelee ol'iyannoon Diigamnii fi foyy'aani irrati gageefamu guyya lamaaf turuu jalqabee jira.
28/02/2026

Mariin Galmeelee ol'iyannoon Diigamnii fi foyy'aani irrati gageefamu guyya lamaaf turuu jalqabee jira.

23/02/2026

Moosajjiin Sirna Dhaaddacha Dijitaalaa(Electronics Court Management System) Ogeessaa Tekinoolojii Qunnmatii Odeeffannoo Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa Obbo Bulchaa Abdiitiin Kalaqamee Mana Murtii Ol'aanaa fi Manneen Murtii Aanaalee Godina harargee lixa hunda keessati hojiirra Oolee jira. Moosajjiin kun sirna kenniinsa tajaajilaa haqaa waraqa maleessa taasisuun baasii abbootii dhimmaa fi Mana Murtii kan hir'isu tahuus gabaafameera.
Gabaasanii kan OBN

Address

Ciro, Oromia
Asebe Tafari

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when West Hararghe High Court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share