02/06/2026
Misoomni Qarqara Laga Inxooxxo-Qacanee maal of keessatti qabate?
● Lafa hektaara 597 fi fageenya kiilomeetira 9.6 uwwisa.
● Tajaajiloota bashannanaa, daldalaa fi dhimmoota hawaasummaa adda addaatiif haala mijatuun kan ijaarame paarkii magaalaa bal'aa ta'edha.
● Hojiiwwan qonna magaalaatiin lafti hektaarri 15 uwwisa magariisaan uwwifame
● Gaagura dammaa ammayyaa 210, iddoo abaaboo (flower garden) fi iddoo biqiltootaatiin (botanical garden) misoomee jira.
● Daandii konkolaataa kiilomeetira 6.4 diriirfame
● Daandii biskileetii kiilomeetira 8
● Daandii miillaa kiilomeetira 22
● Daandii deemsa tabbaa (hiking) kiilomeetira 4
● Hidha ittisa lolaa 39 ijaaramaniiru.
● Riqaaleen konkolaataa haaraan 2 yoo ijaaraman, riqaaleen konkolaataa moofaan 3 immoo haaromfamaniiru.
● Akkasumas, misooma magariisaa biroo haala guutuu ta'een misoomaniiru.