Agarfa Woreda Communication office

Agarfa Woreda Communication office Jijjiiramaaf Hojjaanna!!

04/06/2026

Itoophiyaanotni Filataniiru; Itoophiyaan Injifateetti!
= =

Seenaan filannoo biyya keenyaa yeroo dheeraaf qajeeltowwan sirna dimokiraasii karaa eegeen gaggeeffamaa ture jechuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, Filannoon marsaa 6ffaa qormaatawwan hedduu keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif bu'uura cimaa kaa'eera.

Filannoon marsaa 7ffaa immoo seenaa filannoo biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun ijaarsa sirna dimokiraasiifi mootummaa eeyyantaa uummataa qabu ijaaruuf kutannoo mootummaafi paartilee morkattootaa akkasumas, hirmaannaa uummata bal'aatiin hojii guddaa raawwachuun danda'ameera. Filannicha fashaleessuuf keessaafi alaa shiraafi dabni qindaa'aan hojjatamus miiliyoonotni hirmaachuun milkaa'inaan raawwatameera.

Hundaa ol fedhiifi hawwiin Itoophiyaanonni Mootummaa cimaafi sirna dimokiraasii waaraa ijaaruuf qaban ifatti mul'ateera. Kunis egeree biyyaattiitti abdii guddaa kan uume, mootummaafi uummata gidduutti amanamummaa jabaa kan ijaaredha.

Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa, Dubartoonni ulfaa, Haadholiin Deessuun, Qaama miidhamtoonniifi kutaaleen hawaasaa adda addaa fedhiifi xiiqii guddaadhaan bahanii filachuun mootummaafi sirna dimokiraasii biyya isaanii ijaaruu keessatti gahee isaanii sadarkaa olaanaan bahataniiru.

Dargaggoonniifi misirroonni hedduunis sagaleen lammii tokko biyya ijaaruufi Mootummaa murteessu keessatti humna guddaa akka qabu hubachuun buufataalee filannootti argamanii dirqama lammummaa isaanii bahataniiru.

Filannichi seenaa filannoo biyyattii keessatti karaa ifa, bilisaafi nagaan gaggeeffamuun mootummaa uummataa ijaaruun akka danda'amu seenaa ta'uun galmaa'eera.

Haala seenaa filannoo biyya keenya keessatti mul'atee hin beeknen, lammiileen, dhaabbileen biyya keessaafi idil-addunyaa, akkasumas taajjabdoonni biyyoota alaa, geggeessitoonni paartilee morkattootaa, miidiyaaleen biyya keessaafi alaa, akkasumas namoonni hawaasa keessatti dhageettii qaban hedduun filannichi dimokiraatawaa ta'uu ragaa bahaniiru.

Kanaaf, filannoon marsaa 7ffaa Mootummaa filachuu qofa osoo hin taane, Nootummaa dimokiraatawaafi eeyyantaa uummataa argate ijaaruu, Mootummaa egeree biyyattii haaromsu bu'ureessuudha.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

04/06/2026
03/06/2026

“Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera” Obbo Hayiluu Addunyaa
~~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamicha taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba'ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.

Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa'aa ta'een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba'uuf bobba'an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.

03/06/2026

"Itoophiyaa keessatti dimokiraasii cimsuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha" Garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa
~~

Hogganaan garee taajjabdootaa Gamtaa Afrikaafi preezdaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa hojii mootummaan Itoophiyaa sirna dimokiraasii cimsuuf hojjeteef dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Adeemsi filannoo marsaa 7ffaa Itoophiyaan geggeessite bu’uura seera Itoophiyaafi Idil-addunyaatiin gaggeeffamaa akka ture taajjabbii isaaniin kan adda baafatan tahuu kan ibsan Keeniyaattaan, Gamtaan Afrikaa jala bultii filannoo irraa eegalee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa taasisaa akka tures yaadachiisaniiru.

Barnoota filattotaa ilaalchisee, uummanni akkaataa itti sagalee kennuu danda’u irratti hubannoon sirrii ta’e kennamuufiin filattotaaf haala mijataa kan uume ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan garee taajjabdootaa kun akka ibsanitti, teknooloojii fayyadamuunis keessumaa dargaggootaaf carraa guddaa kan uume ta’uu ibsanii, yeroon sagalee kennuu dheerachuun filattotaaf carraa dabalataa kan uume ta’uufi qaama miidhamtootaafi maanguddootaaf dursi kennamuun hirmaannaa lammiilee haalaan akka dabalu taasisuu eeraniiru.

Qondaaltonni filannoofi qaamoleen nageenyaa guutuu Itoophiyaa keessatti argaman itti gaafatamummaa isaanii haala gaariin ba’uu isaanii, akkasumas miidiyaaleen hojii isaanii miira itti gaafatamummaa wal fakkaatuun raawwachuufi hundaa ol hirmaannaa ummanni Itoophiyaa filannoo kanarratti taasisaniif Keeniyaattaan aaniif galateeffataniiru.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

03/06/2026
‎Godina Baalee Aanaa Agaarfaatti ‎Aanaa Agaarfaatti Sirni Galateeffannaa Gaggeeffamee Jira.(KAA,Caamsaa 26/2018)‎Godina ...
03/06/2026

‎Godina Baalee Aanaa Agaarfaatti
‎Aanaa Agaarfaatti Sirni Galateeffannaa Gaggeeffamee Jira.

(KAA,Caamsaa 26/2018)‎Godina Baalee Aanaa Agaarfaatti Iddoo IG waajjira paartii Badhaadhinaa Godina Baalee Obboo Birhaanuu Arfaasaa , IG waajjira Bulchiinsaafii Nageenyaa Godina Baalee Obboo Ashannaafii waldayoyaannis, Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Agaarfaa Obboo Abdulqaadir usmaan Iddoo hooggansi Sadarkaa Goodinaa Aanaa keenya ramadaman,Iddoo Koree qindeessituu Sadarkaa Aanaa,hooggansi Sadarkaa Aanaa,Adda dureen Sadarkaa Aanaa irraa Gara Gandootaa ramadamniifii Iddoo hooggansi Koree qindeessituu Sadarkaa Gandoota fii Iddoo koreen Komandi poostii Sadarkaan Jiran argamanitti Sirni Galateeffannaa Hojii filannoo irratti Haala Nageenyaa Keenya tikfannee Nagahaan xumuruukeenya
‎Karaa Biraatiin Hawaasa Aanaa Agaarfaa Halkanii Guyyaa dhaabbatee Nageenya isaa tikfatee Filannoo keenya Karaa Nagahaan Naamusaan Xumuruu isaaniitiif Sirriitti Galateeffanii jiru
‎Dhuma irratti Hojii Nageenyaa keenya Cimnee eeggachuuu akka qabnu dhaamanii jiru.

Aanaa Agaarfatti qaamolee milkaa'insa Hojii Filannoo irratti Gahee ol'aanaa bahachaa turaniif Sirna galateeffannaa taasifame.

(KAA, Caamsaa 26/2018)‎Godina Baalee Aanaa Agaarfatti Sirnaa Galateeffannaa Qaamota milkaa'iinsa hojii Filannoo bara kanaa keessatti Shoora olaanaa taphachaa turaniif taasifamee Jira.

‎Saganticha irrattis Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Baalee Obbo Arfaasaa, Ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaaf Nageenya Godinichaa Obboo Ashannaafii G/Yoohsnnis Dabalatee Hooggansi Godinaa Deeggarsaaf ramadame argamanii jiru.

Agarfa Woreda Communication office
Oromia Communication Bureau

Kominikeeshinii Aanaa Agaarfaa

03/06/2026
03/06/2026

Filannoon Aadaa Siyaasaa Ammayyaati!

Itti fufiinsi sirnaa sagalee uummataatiin ijaarama. Filannoo marsaa 7ffaatiinis qaamoliin hawaasa garaagaraa buufata filannoo isaaniitti argamuun sagalee isaanii bilisummaan kennaa jiru. Kunis aadaa siyaasaa ammayyeessuun imaammatni, tarsimoofi sagantaa qajeelaan tumsa uummataa qabu akka ijaaramu taasisa. Uummatni Injifataadha.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

03/06/2026

Address

Agafra

Telephone

+251222270169

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agarfa Woreda Communication office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share