13/05/2022
Caamsaa 05/2014
" Tarsiimoo magariisummaa biyyi keenya qabattee galmaan gahuuf gahee keenya haa baanu".
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaa ganda Addeellee Mi'eechaatti misooma ashaaraa magariisaa dhugoomsuuf hojjattootni mootummaa, hoggansi, waldaalee fi qaamoleen garagaraa bolla biqiltuu qopheessaa jiraachuu waajjirri qonnaa fi qabeenya uumama aanichaa beeksise. Aanichatti bara kana buufata kunuunsa biqiltuu mootummaa, nama dhuunfaa, waldaalee fi miti mootummaa keessatti biqiltoonni gosa garaa garaa miliyoona 24 kan nyaata horiif oolan , nyaata namaa ,ijaarsaa fi kunuunsa naannootiif oolan kan qophaa'aan ta'uu I/G w/ra Qonnaa fi qabeenya uumama Aanaa Liiban Cuqqaalaa Dr.Gammachuu Baatii himanii yeroo ammaa dhaabbiif kan gahanii fi ashaaraa misooma magariisaa biyyi keenya qabatte galmaan gahuuf kan gargaaruu waan ta'eef bifa si'aa' ina qabuun qaamoleen gara garaa boolla biqiltoonni itti dhaabbatan guyyaa har'aa qopheessaa oolanii jiraachuu fi hojiin kun gandoota hunda keessatti ciminaan akka hojjatamuu qabu dhaamanii jiru.