06/08/2026
Hojiin tola ooltummaa rakkoo furuu irra darbee hawaasummaa cimsaa jira – Komishinar Asraat Nugusee
Kominikeeshiniu Gullallee–Adoolessa 30/2018
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hojiiwwan tola ooltummaa fi misoomaa bal'inaan magaalattii keessatti eegaleen, jireenya jiraattotaa jijjiiruu qofa osoo hin taane, aadaa wal tumsuu fi wal gargaaruu daran cimsaa jira.
Waggoota darban keessatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaniin Birrii biiliyoona 55.7 olitti tilmaamamu walitti qabamee hawaasni akka wal deeggaruu fi wal gargaaru taasifamuu Komishiniin Hirmaannaa Hawaasaa fi Tajaajila Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Kunis hawaasni rakkoo isaa humna ofiitiin hiikachuu akka danda'u carraa bal'aa uumeera.
Komishinarr Itti Aantuu Komishinichaa Komishinar Asraat Nugusee, AMN waliin turtii taasisaniin, hojiiwwan tola ooltummaa rakkoolee hawaasummaafi dinagdee furuu qofa osoo hin taane, hawaasummaafi dhaloota cimaa ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiiwwan tola ooltummaan hojjetamaniin manneen dullooman suphamanii jireenyaaf mijatoo ta'an ijaaramanii, akkasumas qe'een gaarummaa hundeeffamaniiru.
Kana malees, tajaajilli yaala fayyaa bilisaa, arjooma dhiigaa fi sagantaaleen maaddii qooduu bal'inaan raawwatamuun dhiibbaa jireenyaa lammiilee hedduu irra ture salphisuun danda'ameera.
Kunis hawaasa keessatti hidhata, waliin jireenyaa fi obbolummaa daran cimsuu keessatti gahee olaanaa taphateera.
Komishinichi hojii tola ooltummaa gannaa bara kanaaf dameewwan hojii 18 adda baasuun, jechuunis Waxabajjii 30, 2018 irraa eegalee hanga Fulbaanaatti karoora qopheessee hojii jalqabeera.
Karoora kanaan Birrii biiliyoona 9.8 tilmaamamu walitti qabuun, jiraattota magaalattii miliyoona 3.3 ta'an fayyadamoo gochuu fi lammiilee miliyoona 2.6 ta'an hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachisuuf kaayyeffatee hojjetamaa jira.
Komishinarr Itti Aantuu Komishinichaa Komishinar Asraat Nugusee akka jedhanitti, wal gargaaruufi wal deeggaruun aadaa Itoophiyaanotaa akkasumas bu'uura amantaalee hundaati. Kanaafis duudhaa gaarii kana caalmaatti cimsanii itti fufsiisuun murteessaa ta'uu hubachiisaniiru.