05/06/2026
Haadholiin Deeggarsa Nyaata Madaalawaa Argatan Mootummaa Galateeffatan.
28/09, 2018
Wajjiraa Koomunikeeshinii Aanna 08
Bulchiinsa kutaa magaala Qirqoositii Aanna 08 Waajira Dhimma Hojjettootaa, Hawwaasummaa, Dubartootaa fi Daa'imman Hogganaan Garee Mirkaneessa Mirga, Nageenya, Deeggarsaa fi Kunuunsa Daa'immanii akkasumas Guddina Daaimmanii Duraa Obbo Kaastiroo Baqqalaa akka jedhanitti; yeroon guddina daa'immanii inni jalqabaa erga gadameessa keessa jirani qabee hamma waggaa ja'aatti argamu dha. Yeroon kun daa'imman keessatti guddina ariifataa fi guutuu ta'e kan itti agarsiisan waan ta'eef, daa'imman hunduu qaamaan, sammuun, afaaniin, quunnamtiidhaan, jireenya hawwaasummaatiin akkasumas dhimma yaadaa fi miiraatiin (psychological and emotiona) guddina fayyaalessa qabaachuu akka danda'aniif yeroo mara kunuunsa dhibee ittisuu fi nyaata madaalawaa fedhii isaanii irratti hundaa'e argachuu qabu.
Obbo Kaastroo dabaluudhaan, Aanna 08 keessatti haadhoonni deeggarsa nyaata madaalawaa argatan keessaa 26 haadholii ulfaa yoo ta'an, 36 immoo haadholii harma hoosisani dha. Walumaagala tajaajilamtoonni 62 ji'aan deeggarsi kun akka taasifamuuf ibsaniiru.
Gama biraatiin, Obbo Tasfaayee akka jedhanitti, tajaajilamtoonni haadholii utuu hin dhufin dura nyaanni sun kiiloodhaan safaramee fi qophaa'ee waan eeguuf, akkuma dhufaniin battalumatti keessummeessuuf haalli mijeeffameera. Kunuunsi guddina daa'immanii duraa, umrii caqasame kana keessatti utubbaawwan guddinaa afraan haala guutuu ta'een akka guddatan gochuun, daa'imman guddina guutuu fi dandeettii dhalootaa isaanii akka milkeessan kan gargaaru dha jedhaniiru.
Aadde Saaraan gama isaaniitiin akka ibsanitti, daa'imman deeggarsa nyaata madaalawaa argatan kunniin hojjaa fi ulfaatinna isaaniitiin, qaama isaaniitiin akka umrii isaaniitti jijjiirama guddinaa agarsiisuu qabu; kunis cimina qaamaa fi qaxaleenummaa agarsiisa. Guddina maashaalee guguddoo fayyadamanii socho'uu fi maashaalee xixiqqoo fayyadamanii nyaachuu, mi'a qabachuu