22/12/2025
Namni tokko konkolaataa oofaa osoo jiruu dubartii tokko karaa cinaa dhaabbattee arge......
Yeroo ishee arge gargaarsi ishee barbaachisa jedhee waan yaadeef konkolaataa dhaabee gara ishee dhaqe. Gargaarsa barbaadduu jedhee ishee gaafate, isheen garuu yeroo dheeraaf dhaabbattee waan turteef namni ishee gaafates hin jiru namichas yommuu argitu hiyyeessa fakkaata. Namichi akka isheen sodaatte hubatee maqaa isaa itti himee akka ishee gargaaru itti himuun ishee tasgabbeessuuf yaale......
Achiis carraaqqii dadhabsiisaa godhee booda konkolaataa ishee cabe suphe. Dubartiin sunis waan inni isheef godheef meeqa akka isaaf kaffaltu gaafatte. Innis "Dhugumaan naaf deebisuu yoo barbaaddan yeroo itti aanutti nama rakkatee argitan gargaaraa na yaadadhaa" jedhe.
Guyyaa 2 booda dubartiin kun gara kaaffee xiqqoo tokkoo deemte. Hojjettuun nyaataa achi jirtu ulfa ji'a 8 kan taate yoo ta'u, baay'ee dadhabdee, kophaa ishee tajaajilaa jirti. Dubartittiin tajaajilamtee xumurtee qarshii keessummeessituu sanaaf keessee deemte.
Keessummeessituun qarshii sana yommuu argitu hin amanne. Maallaqni dubartiin kun dhiifte miindaa waggaa 1 isheef kaffalamu gita ture. Waraqaan biraa maallaqa sana waliin ture "Hin yaadda'iin si gargaareera, guyyaa tokko namni ta'e na gargaaree ture. innis maal jedhe seete Yoo naaf deebisuu barbaadde nama biraa gargaari" jedha.
Keessummeessituun hojii ishee xumurtee gammachuu ishee abbaa warraa ishee waliin qooddachuuf ariifattee galte. Kiraa manaa waan kaffalan hin qaban mucaa godhachuuf waan jedhaniif qarshiin isaan barbaachisa ture. Isheen mana deemtee waan ta’e abbaa manaa isheetti yommuu himtu amanuu dadhabe. Maallaqni inni torban tokko dura dide mana isaa galuun isaa isa ajaa'ibe.
Gaarummaan mataan isaa nuuf kaffala
Facebook qumnagaraaf cimsinee haa fayyadamnu!!!
Yoo isinitti tole follow like, comment, share godhaa.🙏🙏🙏