21/02/2026
filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa Feedhii Hawaasummaadhan Injifaachuun Haaromsa hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee egaalle cimsuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ni jijjiirra.
Paartiin Badhaadhinaa Damee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Manifestoo fi mallattoo filannoo isaa kan filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa ifoomse jiraa.
Itti Gaafatamatuun Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Adde Martta Tafraa sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin imala waggoottan shanan dabarsine keessatti waadaa keenya gochaan mirkaneessuun seenaa kan hojjenne yoo ta'u, yeroo ammaa ammoo guddummmaa fi fakkeenyummaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuun seenaa haaraa hojjechuuf manifeestoo biroon dhufnee jirra jedhan.
Seenaa Itoophiyaa keessatti cabiinsa hunda galeessa biyya kana keessa ture tarsiimoo yaadama Idaa'amurraa maddeen wal'aanuun gara badhaadhinaatti imalaa jirra. Waggoottan Imala Badhaadhinaa darbaniin biyya rakkoo keessaa baasuu qofa osoo hintaane, muuxannoowwanii fi jalqabbiiwwan egeree keenya bu'uura amansiisaarra dhaabuu dandaa'an hedduu argamsiisnee jirras jedhan ibsaani jiruu.
Itti dabaluunis, waggoottan shanan itti aanan keessatti milkaa'inoota argaman itti fufsiisuun mul'ata Itoophiyaa biyya fakkeenya Afrikaa fi addunyaa taate gochuuf qabanne dhugoomsuuf filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaatiif dorgomuuf manifeestoo fi mallattoo Paartii keenyaa beeksisuu irratti argamna jedhan.
Bu'uura kanaan, Paartiin Badhaadhinaa ejjennoo 'Itoophiyaa gara Biyya fakkeenyummaa hunda-galeessaatti ceesisuu' jedhu milkeessuuf hojiiwwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin waggoottan shanan dhufan hojjetamuu qaban manifestoo isaatiin akeekee jiraachuu himan. Akkasumas, Mallattoon filannoo Paartii Badhaadhinaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf qabatee dhiyaatu Nadoo ykn Bissii qamadii ta'uu ifoomsaniiru.
Mallattoon Nadoo/Bissii qamadii mallattoo, Idaa'amuu,tokkummaa fi gamtoomuu yoo ta'uu agarsiistuu humna walabummaa fi birmadummaa keenyati jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa Waggoottan shanan dhufan hojiiwwan fulla'iinsa Imala Badhaadhinaa dhugoomsan gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi hariiroo alaatiin manifeestoo keessatti ibsuun waadaa uummata keenyaaf galle qabatamaan kan raawwannu ta'uu ibsuun uummatni keenya sochii filannoo keessatti hirmaannaa ho'aa taasisuun cinatti sagalee keessan Paartii keessan Paartii Badhaadhinaaf kennuun egeree Itoophiyaa fi Magaalaa Finfinnee akkasumas Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa bu'uura amansiisaa irra akka dhaabdan ergaa koo dabarsa jedhan.
I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 Obbo Tamaraata woldee Gama isaanittin akka ibsaanitti Paartiin Badhaadhinaa Cabiinsa kaleessaa suphee, har'a xiiqiin hojjetee egeree Itoophiyaa bu'uura jabaarra dhaabuuf kutannoon hojjetaa jira.Galma kana dhugoomsuuf eyyentaa uummataatiin yeroo uummataa fi biyya isaa tajaajilu argachuuf Paartiin Badhaadhinaa Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaatiif qophii hunda xumuree jira.
Badhaadhinni yaadama biyya ceesisu,raawwii addunyaa ajaa'ibsiisuun Paartii filannoof of qopheessee jiruudha. Guyyaa har'aa sirna Manifeestoo beeksisuu fi Mallattoo Filannoo ifoomsuu geggeeffameen badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuun Itoophiyaa gara biyya fakkeenyaatti ceesisuuf waadaa isaa irra deebiin uummataaf ifoomsee jira.
itti dabaaluniis Nadoon Qamadii Mallaattoo Paartii Badhaadhinaa akka ta'e fi Fakkeenya Idaa'amuu, Tokkummaa fi Gamtoominaati jechuun ibsaani jiruu.
!