12/09/2026
Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuutti Feestivaalli Ogummaa ji'a tokkoof turu gaggeeffamaa jira.
Fulbaana 02, 2019 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuutti Feestivaalli Ogummaa ji'a tokkoof turu mataduree "Ogummaan Har'aa, Guddina Egereef," jedhuun Qaammee 5 bakka hoggansi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu argamanitti ifatti baname itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira.
Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Bishooftuu obbo Dabalaa Tasfaa, kolleejjichi bara 1994 irraa eegalee fedhii gabaa hojiirratti hundaa'uun lammiilee hedduu leenjisuun abbaa ogummaa taasisee hojiitti bobbaasee jiraachuu himaniiru.
Kolleejjichi qoodafudhattoota damichaa waliin hojii xiyyeeffannoon hojjeteen leenjifamtoota bara kana eebbisiise keessaa dhibbeentaa 86 ol industiriiwwan adda addaa keessatti qaxarriin carraa hojii akka argataniifi gurmiin hojiitti akka galan taasisuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.
Bara 2019'ttis ogummaalee 16n simannaa leenjii idileefi leenjii gaggabaaboon lammiilee hedduu simatee ogummaa hidhachiisuun humna namaa gahumsa qabuufi dorgomaa ta'e oomishuun fedhii industirii guutuuf qophii barbaachisu hunda xumuree jiraachuu obbo Dabalaan himaniiru.
Feestivaala Ogummaa ji'a tokkoof turu kana irrattis: barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa, eebbifamtoota yuunivarsiitii, dargaggoota barnoota addaan kutanii jiran, hojiibarbaaddota, hojjettoota industirii, hojjettoota mootummaafi hawaasa magaalichaa hirmaachisuun hojiilee kolleejjichaa daawwachiisuufi barbaachisummaa ogummaa irratti hubannoo isaanii cimsuun fedhii ogummaa'uu akka horatan taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]