Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii/Coalition for Democratic Federalism

Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii/Coalition for Democratic Federalism Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii/Coalition for Democratic Federalism, Political organisation, Finfinnee/AddisAbaba, Addis Ababa.

weellisaa gameessi lafaa dhufaa jiru Abdii Furii Bariisoo sirba ajaa'ibaa  ! jedhu qabatee dhufee jira! Guutuu isaa link...
09/12/2021

weellisaa gameessi lafaa dhufaa jiru Abdii Furii Bariisoo sirba ajaa'ibaa ! jedhu qabatee dhufee jira! Guutuu isaa link gadii irratti dhaggeeffachuun haa jajjabeessinu.

GEM Tv :- Abdi Furi Bariso/ አብዲ ፉሪ ባሪሶ - Biyya Abbaatu Eega - New Ethiopian Oromo Music 2021 [Official Video]Check Out New Ethiopian Music Videos by Golden E...

KFO, ABO, fi PBO wajjiin fuuldurri keenya ifa!
12/01/2020

KFO, ABO, fi PBO wajjiin fuuldurri keenya ifa!

Yeroo ammaa kana, ati jabaa feetee taatu, olola ati ABOfi hoggantoota isaa, KFOfi haggantoota isaa,PBO fi hoggantoota is...
10/01/2020

Yeroo ammaa kana, ati jabaa feetee taatu, olola ati ABOfi hoggantoota isaa, KFOfi haggantoota isaa,PBO fi hoggantoota isaa irratti taasiftu Oromoon gurra ittiin si dhagahu hin qabu!
Qilee Lixi!

Paartileen Oromoo sadi 'Gamtaa Federaaliizimii Diimokiraatawaa' hundeessan=================================Paartileen Or...
04/01/2020

Paartileen Oromoo sadi 'Gamtaa Federaaliizimii Diimokiraatawaa' hundeessan
=================================

Paartileen Oromoo jajjaboo sadi, Addi Bilisummaa Oromoo, Kongirasiin Federaaliistii Oromoo fi Paartiin Biyyaalessaa Oromoo gamtaa uummatan.

Sanada waliigaltee paartileen sadan walii mallatteessan eeruudhaan barruun 'Addis Standard' akka gabaasetti waliigaltee kana hogganoota paartilee sadaniitu Jimaata Amajjii 03 bara 2020 mallatteesse.

Paartileen sadan ifatti bahanii gamtaa uummachuus ta'e, maalirratti akka gamtaa uummatan miidiyaaf ibsa hin kennine.

Haa ta'u malee qondaalli olaanaa ABO tokko waliigalteen mallatteeffamuufi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beekamtii kenneefi akka galmeessu iyyanni galfamuu BBC'f mirkaneessee jira.

'Addis Standard' sanada paartileen sadan walii mallatteessan argadhee dubbiseera jechuun akka gabaasetti, paartileen sadan sanadni waliigaltichaa wantoota paartileen sadan irratti walii galan boqonnaa sadiitti qoodeera.

Boqonnaan duraa waa'ee moggaasa maqaa gamtichaa wayita ta'u, sanadichi maqaa gamtichaa Afaan Ingiliziin "Coalition for Democratic Federalism", Afaan Oromoon, "Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii" fi Afaan Amaaraan "ትብብር ለዲሞራክራሲያዊ ፌዴራሊዝም" jedhee kaa'a.

Afaan Oromoon gabaabbatee wayita waamamu 'Gamtaa' akka jedhamus gabaasichi ni eera.

Boqonnaan lammataa galmawwan gamtichaa kan hammate yoo ta'u qabxiilee torba tarreesseera.

Bu'aa filannoo bara 2020 paartilee sadanii irratti hundaa'uun, naannoorratti mootummaa waloo ijaaruu.Filannoon bilisaa fi diimokiraatawaa akka ta'u mirkaneessuuf waliin hojjechuu.Duula filannoo irratti leeccaloo maallaqaa fi meeshaa waliin qindeessuu.Sadarkaa naannoo fi biyyaalessaatti paartilee biroo sagantaa siyaasaa wal fakkaataa qaban waliin hojjechuu.Walitti bu'iinsawwan kutaalee biyyattii bakka adda addaatti mudatan furuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin dalaguufi qooda isaanii bahachuu.Hokkoraa fi wal hubannoo dhabuu filannoo booda uumamu hambisuuf waliin hojjechuu.Sirna federaalizimii sab-daneessaa Itoophiyaa diimokiraatessuuf carraaqqii taasifamu tumsuu.

Boqonnaan sadeessoo sanadichaa seera ittiin bulmaata gamtichaa yoo ta'u qabxiilee jaha tarreessee jira.

Gamtichi seera ittiin bulmaataa maqaa seera qabeessa gamticha, Afaan hojii, teessoo waajjira muummee fi caaseffama gamtichaa of keessaa qabu akka qabaatu.Caaseffamni gamtichaa mana maree, Koree hoji raawwachiiftuu, waajjira bulchiinsaa, oodiitii fi komiishinii seeraa akka qabaatu.

Address

Finfinnee/AddisAbaba
Addis Ababa
GULLALLEE

Telephone

+251943812513

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii/Coalition for Democratic Federalism posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share