21/04/2026
👉Kaayyoon Adabbii Naamusaa hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwateef,balleessaa isaa irraa gaabbee of sirreessu,ilaalchaa fi amala gaarii akka qabaatuu fi hojjetaa gahoome akka ta’u dandeessisuuf yookiin kan of hin sirreessine yoo ta’ee,hojii irraa gaggeessuufidha.
• Hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwate akkaataa ulfaatina balleessaa raawwatameen gosoota Adabbii 2n keessaa tokko irratti fudhatamuu ni danda'a.
⚖️Adabbiiwwan Naamusaa Salphaa jedhaman
1. Akeekkachiisa afaanii;
2. Akeekkachiisa barreeffamaa;
3. Adabbii mindaa hanga guyyaa kudha shan gahu;
⚖️Adabbiiwwan Naamusaa Cimaa jedhaman
4. Adabbii mindaa hanga ji’a sadii gahu;
5. Yeroo waggaa lama hin caalleef sadarkaa hojii fi mindaa irraa gadi buusuu;
6. Hojii irraa gaggeessuu.
🔴 Adabbii Naamusaa Cimaa Hordofsiisan:
a) Ajaja seera qabeessaan kennamu kabajuu dhiisuu, maal na dhibdeedhaan, dhibaa’uummaadhaan yookiin ta’e jedhee sirna hojimaataa yookiin imaammata mootummaa hordofuu dhabuudhaan hojii irratti miidhaa geessisuu,
b) Ta’e jedhee dhimmoota tursiisuu yookiin abbootii dhimmaa deddeebisuu;
c) Hojiin akka hin hojjatamne ta’e jedhee jeequu yookiin warra jeeqan waliin wal ta’uu;
d) Tarkaanfiiwwan adabbii naamusaa salphaadhaan of sirreessuu dhabuudhaan sababa gahaa malee deddeebi’anii hojii irraa hafuu yookiin sa’aatii hojii kabajuu dhabuu;
e) Iddoo hojiitti dubbii kakaasuudhaan wal reebuu;
f) Machii barsiifataan yookiin araada baala sammuu adoochuun summaa’uun hojii miidhuu;
g) Matta’aa fudhachuu yookaan akka kennamuuf gaafachuu;
h) Iddoo hojiitti gocha faallaa hamilee uummataa ta’e raawwachuu;
i) Hanna yookiin gocha amantaa hir’isuu raawwachuu;
j) Gocha gowwoomsuu yookiin dogongorsuu raawwachuu;
k) Qabeenya mana hojichaa irratti ta’e jedhee yookiin dagannoodhaan miidhaa geessisuu;
l) Seeraan ala aangootti fayyadamuu;
m) Iddoo hojiitti miidhaa koornayaa raawwachuu;
n) Keewwata kanaan kan tarreeffaman waliin ulfaatina walfakkaatu