29/03/2026
✍Sadarkaan dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu maal fakkaata?
✍- من عال جاريتَيْن حتَّى تبلغا ،جاء يومَ القيامةِ أنا وهو .
وضمَّ أصابِعَه (رواه مسلم)
✍Ergamaan Rabbii ( صلى الله عليه وسلم ) Akkas jedhan “anaafii namni ilmoo dubraa lama guddise jannata keessatti akka quba lamaan kanaati” (Muslimtu gabaase)
✍Abbaan intala dubraa karaa Rabbii irratti qaceellotti kunuunsee sababa guddiseef jannata seena. sikunuunsa
Abbaan worraatis caalaa namaa tahuu yoo barbaade ammas haadha warraa isaatiif nama gaarii tahuun dirqama.
✍خيرُكم خيرُكم لأهلِه وأنا خيرُكم لأهلي (رواه بن حبان )
Rasuulli (صلى الله عليه وسلم ) Akkas jedhan
“Irra caalaan keessan kan worra ufiitiif caalaa ta’e; ani worra kiyyaaf irra caalaa keessan”
(Ibnu hibbaantu Gabaase)
✍Ilmi namaa hundi Rabbitti Aansee haadha isaa galatoomfatutti ajajame:
✍وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا الإسراء : 23
✍“Rabbiin dirqama godhe jira; isa malee gabbaruu dhabuu; Haadhaa fi Abbatti tola ooluu”
✍Rabbiin haqa isaatitti aansee haqa Haadhaa fi Abbaa yoo dubbatellee hayxi Haadhaa kan Abbaa irra harka sadihiin caala.
✍جاء رجلٌ إلى رسول الله ،(صلى الله عليه وسلم ) فقال: يا رسولَ اللهِ، من أحقُّ الناسِ بحُسنِ صَحابتي؟ قال: أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أُمُّك. قال: ثم من؟ قال: ثم أبوك ( رواه البخاري)
✍Gurbaaan tokko Rasuulatti صلى الله عليه وسلم ) dhufee “eenyutti tola oola” jedheen. Isaanis “Hadhateeti” jedhaniin. yeroo sadi itti deddeebi’e gaafatee jennaan “Haadhatee ammas Haadhatee ammas Haadhatee” jedhaniin; afraffaa irratti Abbaakee jedhaniin.
(Bukhaaritu gabaase)
✍Kun sadarkaa dubartiin Islaamummaa keessatti qabdu.
Yaa obboleettii islaamaa! sitti jallatuun dilii shirkitti aantu; sitti qajeeluun ammoo ibaadaa Rabbii tan sadarakaa duraa irratti argamtu irraayi.
Alhamdulillah kaan rabbin dubartii islama si tasisee Rabbin keenna subahanallaahu waa taa ala si kaabajee si jaalate sadarkka gudda kaana siif kennee yaa dubartii muslima
Mee atii hoo hardhaa akkam tayutti jirtta ni,ama rabbin sittii arjjomee kaana seeran itti hojjattee Rabbif gaalata galchitee jirtaa?
Abbaa Gammachis