28/11/2024
Guyyaan Sabaaf Sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaan Kutaa Magaalaa Booleetti Marii Paanaaliin kabajamaa jira.
Guyyaan Kun mata dure Waliigaltee Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf jedhuun marii Paanaaliitiin kabajamaa jira.
Kabaja guyyaa kanaa irratti HRO Kutaa Magaalaa Boolee Obboo Bariisoo Baqqalaafi I/G Paartii K/M Boolee Obbo Girmaa Kabbadaa haasawa taasisaniin guyyaan kun guyyaa injifannoo Sabootaafi Sablammootaafi Ummata biyya keenyaati kan jedhan yoo ta'u, kunis Federaalizimii dhugaatiin mirkana'eera jedhan.
Sanadni Marii kabaja Guyyaa kanaa Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Jawar Mohaammadiin dhihaate, bakka bu'oonni Sabaaf Sablammootaa Kutaa Magaalaa keessa jiraataniin mariin bal'aan irratti taasifameera.