Oromia Investment and Industry Bureau

Oromia Investment and Industry Bureau Visit Our Official Website to get More information Access

25/05/2026

Oomishaa fi Oomishtummaa Manufakcharingii Industirii

23/05/2026
“Warshaan oomisha Seeraamikii Giraander imala ce’umsa Industirii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa qaba- ”Waajjira Mi...
23/05/2026

“Warshaan oomisha Seeraamikii Giraander imala ce’umsa Industirii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa qaba- ”Waajjira Ministira Muummee

BIIO Caamsaa 15, 2018 - Ministirrii Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi Hoggantoonni olaanoo Mootummaa warshaa seeraamikii Giraander Magaalaa Mojootti ijaarame eebbisan.

Warshaan waldaa dhuunfaa Itti Gaafatamummaansaa murtaa'e Maanufakcharingii Seeraamikii Giraander ijaarame kun karooraafi qophii lafa hanga hojii jalqabutti yeroo baatii 9 qofa kan fudhate ta’uu ibsameera.

Warshaan kunis lafa meetir Iskuweerii kuma 300 irra kan buufateefi seeraamikiifi Porselaanii sadarkaa idil-addunyaa eeggate oomishuu danda’as jedhame.

Warshaan kun yeroo ammaa gosa seeraamikii 60x60 bal’inaan oomishu kan eegale yoo ta’u, ji’oota lamaan dhufanittis seeraamikii akaakuu 80x80፣ 60x120፣ 70x140fi 80x160fi oomisha Porselaanii sadarkaa qulqullinaa Awurooppaa guutaan oomishuun,oomishasaa dhiyeessuu ni eegala.

Ijaarsa warshaa kanaafis baasiin biiliyoona 2 ol kan bahe yoo ta’u, kunis imala ce’umsa indaastirii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu, Waajjira Ministira Muummee hime.

Galteen meeshaa dheedhii warshichaaf barbaachisu harka 80 ta’u iddoon warshichi ijaarame fageenya km 100 irratti kan argamus jedhame.

Kunis guutummaa guutuutti cancala dhiyeessii hawaasaa naannichaa waliin hidhataa uumeera.

Itiyoophiyaanis ji’oota sagal darbanitti oomisha biyya ala galu biyyyaa keessan bakka buusuun sharafa maallaqaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 4.85 oolchuun danda’amuu eerameera.

Seeraamikii Giraander banamuun hirkattummaa oomisha alaa hir’isuu qofa osoo hin taane,Itiyoophiyaa gabaa idil addunyaa keessatti dorgomaa akka taatuuf gargaaras jedhame.
Waajjira Ministira Muummee ibse.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) warshaa Oomisha Seeraamikii Giraander eebbisan. BIIO Caamsaa 15,2018 Ministirri M...
23/05/2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) warshaa Oomisha Seeraamikii Giraander eebbisan.

BIIO Caamsaa 15,2018
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) warshaa oomisha Seeraamikii Giraander Magaalaa Mojootti ijaarame eebbisan.

Sagantaa kanarratti Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Hooggansi Mootummaa Olaanoo Federaalaafi Naannoo akkasumas keessummoonni biroon argamanii jiru.

Warshaan oomisha Seeraamikii kun hojii ijaarsaa Itiyoophiyaa saffisaan guddachaa jiru milkeessuu keessatti gahee kan qabuudha.

Galteewwan akka Seeraamikii bal’inaan biyya keessatti oomishuun ijaarsa saffisaan xummuuruu bira darbee jalqabbii humna kuufamaa biyyattiin qabdu gargaaramuuti.

Warshaan Oomisha Seeraamikii eebbifame lafa meetir Iskuweerii kuma 300 irra kan buufate yoo ta’u, yeroo ji’a 9 keessatti xummuuramuun eebbaaf gaheera.

Ji'oottan Saglan darban keessa Oomishaaleen Invastimantii Al ergee Tooniin 229,859.52 gara Biyya Alaatti ergamuu Biiroon...
07/05/2026

Ji'oottan Saglan darban keessa Oomishaaleen Invastimantii Al ergee Tooniin 229,859.52 gara Biyya Alaatti ergamuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise.
=============================
BIIO Ebla 29, 2018- Ji'oottan Saglan darban keessa Oomishaalee Invastimantii Al ergee adda addaa Tooniin 229,859.52 gara Biyya Alaatti ergamuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise.

Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaatti Daayireektarri Paakkejjii Deeggarsaa fi Walitti Hidhamiinsa Gabaa Invastimantii fi Industirii Aadde Ababaa Biifaa akka jedhanitti Oomishaalee Invastimantii fi Industirii Al ergee irratti xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun deeggarsaa fi hordoffii cimaa taasifamaa tureen Ji'oottan Saglan darban keessa Oomishaalee Abaaboo, Kuduraa fi Muduraa fi Manufacharingii Tooniin 229, 859. 52 gara Biyya Alaatti ergamee jira jedhan.

Rakkoolee sharafa Biyya Alaa hiikuu fi bu'a qabeessummaa Oomishaaleen Al ergee daraan akka guddatu xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiraachuus Aadde Ababaan dabalataan ibsanii jiru.

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Baankoota adda addaa fi Dhaabbilee Humna Ibsaa waliin gamaggama raawwii hoj...
28/04/2026

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Baankoota adda addaa fi Dhaabbilee Humna Ibsaa waliin gamaggama raawwii hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2018 gaggeesse.
==============================
BIIO Ebla 20, 2018 - Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Baankoota adda addaa, Maashiin Liizii Oromiyaa fi Waajjiraalee Humna Ibsa waliin raawwii hojii kurmaana 3ffaa Bara 2018 dhimma sochii Liiqii Baankii, Humna ibsaa fi Maashiin Liizii irratti gamaggama gaggeesse xummuuruun kallattii hojii fuula duraa kaa'ee jira

Sagantaa Marii kana irratti Hoogganaan Biiroo Invastimantiifi fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Bakka Buutonni Baankii Misooma Itoophiyaa, Baankii Oromiyaa, Baankii Siinqee, Baankii Daldala Itoophiyaa, Baankii Awwaash, Baankii Waldaa Hojii Gamtaa, Baankii Gadaa, Maashiin Liizii Oromiyaa fi Waajjiraaleen Humna Ibsaa argamanii jiru.

Hoogganaan Biiroo Invastimantiifi fi Industirii Oromiyaa akka jedhanitti Sochiin dhiyeessii Liqii Baankii, Maashiin Liizii, Humna Ibsaa fi Galteewwan Warshaalee adda addaa fi Invastimantiifi biroo tiif Kurmaana 3ffaa Bara 2018 keessa raawwatame kan kanaan duraa irraa baay'ee fooyya'e kan qabu ta'uu ibsanii
Bu'a qabeessummaa Industirii fi Invastimantiifi mirkaneessuuf dhiyeessiin Liqii Baankii, Maashiin Liizii, humni ibsaa fi galteewwan adda addaa murteessadha jedhan.

Invastimantii fi Industiriin bu'a qabeessa yoo ta'an Lammiilee hojjetanii ogummaa gonfatanii ofis, Biyyas jijjiiruu danda'aniif Carraa hojii bal'inaan uummamuu, Oomishaalee Alaa galan Biyya keessatti Omishuun bakka buusuun, Al ergeen daraan dabaluun rakkoo sharafa biyya Alaaa hiikuu, Teekinooloojiin babal'achuu fi Galiin Naannichaas ta'ee Biyyaa akka dabalu ni taasisa.

Abbootii Qabeenyaa tiif haala mijeessuu, deeggaruu fi hordoffii cimaa taasisuun Industiriiwwan Maashinootnii fi Meeshaaleen barbaachisan hundi galaanii jiran Inistool godhamanii eebbisiisuun gara Oomishatti galuu akka qaban Obbo Ahimad dabalataan ibsanii jiru

Beeksisa Abbootii Qabeenyaa Murtii Boordii Marsaa 3ffaa Bara 2018  lafti Invastimantii isiniif murtaa'e hundaaf:Akkaatum...
27/04/2026

Beeksisa
Abbootii Qabeenyaa Murtii Boordii Marsaa 3ffaa Bara 2018 lafti Invastimantii isiniif murtaa'e hundaaf:
Akkaatuma guyyaan beellamaa Xalayaan Murtii Boordii isaniif kennamu Website Mana hojii "investinoromia.et" jedhu irratti maxxanfameen Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaatti argamuun xalayaa Murtii Boordii akka fudhattan ni beeksifna.

Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa !

“Baay'inni projektoota Invastimantii jijjiirama dura kuma 10 ture amma gara kuma 40'tti guddatee jira.” Obbo Masfin Mala...
16/04/2026

“Baay'inni projektoota Invastimantii jijjiirama dura kuma 10 ture amma gara kuma 40'tti guddatee jira.” Obbo Masfin Malaakuu

BIIIO Ebla -08,2018
Mootummaan damee Invastimantiif xiyyeeffannoo kennuun ji'oota 9 darbe qofatti pirojektoonni investimentii kuma 11fi 742 simatamuu, Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Magaalotaa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu ibsan.
Pirojektoonni Invastimantii simatamanis namoota kuma dhibba 7 caalaniif carraa hojii uumuu himan.

Jijjiirama dura Pirojektoonni Investimentii kuma 10 hin caalle, yeroo amma gara kuma 40 oliitti guddachuus obbo Masfin eeraniiru.
Kunimmoo namoota mil. 2 caalaniif carraa hojii uumeera jedhan.

Misooma Invastimantii utubuuf karaa Baankii Siinqeen liqii kennuufi maashinoota kuma 5 ol dhiyeessuu, akkasumas lafa hektaara 95 ol dabarsanii kennuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiin bu’a-qabeessi hojjatamuus ibsan.
Hanqinaalee hojimaata keessatti darbanii darbanii mudatan furuufis qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Address

Sarbet
Adama
1000

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Telephone

+251965651506

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Investment and Industry Bureau posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Investment and Industry Bureau:

Share