22/11/2025
๐๐ข๐ง๐ฑ๐๐๐ฅ๐ ๐๐๐๐๐๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐ข๐ข๐ ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ, ๐
๐จ๐จ๐ฒ๐ฒ๐'๐ฎ๐ฎ ๐๐ข ๐๐๐ฃ๐๐๐ฅ๐๐๐ฆ๐๐๐ง ๐๐๐๐๐ข'๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข๐ฐ๐ฐ๐๐ง ๐๐ฅ'๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐ญ๐๐๐ง ๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ฆ๐๐ง๐ข๐ข ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐๐๐ ๐ ๐๐๐๐๐๐ฆ๐๐ ๐๐จ๐ฅ๐.
โขโขโขโญโขโขโข
Guyyaa arraa (13/03/2018) sadarkaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananiitti sababoota galmeen ol'iyyataan ilaalamaa turan mana murtii ol'iyyata ilaaluun akka diigaman,fooyya'an fi qajeelfamaan deebi'an taasisan irratti xinxaalli gaggeeffame bakka Abboottiin seeraa hundi argamanitti dhiyaatee irratti mariyatamee jira.
Xinxaalli kun galmeewwan daangaa yeroo waxabajjii 8/2017 hanga onkololeessaa 30/2018tti hoojjataman kan haammate yommuu tahu murtii mana murtii keenyaa fi Mana Murtii ol'iyyata ilaaleen kanname seeraa rogummaa qabuun walbira qabuun sababoota galmeeleen ol'iyyataan ilaalamaa turan diigamaniif ykn fooyya'aniif ykn qajeelfamaan gadi dee'aniif adda baasuun abbaa seeraa Warquu Tokollaatiin qophaahe mariif dhiyaate. Kanumaaniis abbootii seeraa giddutti mariin ballinaan irratti gaggeeffamuun sababoonni diigamuu,fooyya'uu fi qajeelfamaan deebi'uu tokkoon tokkoo galmee xixaalameef ka'uumsa tahaniifi abbaan rakkoos adda bahee irratti waliif galameera.
Xumura irratti guduunfaa fi kallattii fuul-duraa kannameen xinxaalli gaggeeffamee mariif dhiyaate kun hanqinaalee jiran ifatti kan agarsisee fi madda isaanii kan adda baasee waan taโeef Abbootiin seeraa hundi hanqinaalee adda bahaan fooyyeessuuf xiyyeeffannoo addaatiin naamusa hojii abbaa seerummaa barbaaduu goonfachuun hojjechuu akka qaban akeekamuun marichi milkiin goolabamee jira.
โขโขโขโญโขโขโข
13/03/2018
๐๐๐๐๐๐๐๐