Waajjira Bulchinsa Aanaa M/Bal'oo

Waajjira Bulchinsa Aanaa M/Bal'oo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Bulchinsa Aanaa M/Bal'oo, Government Organization, Adama.

Tokkummaa Oromoo cimsaa, Itoophiyaa utubuun badhaadhina yaadame bira gahuuf cimnee hojjechuu qabna~~~Sabni ijaaramee tok...
25/01/2022

Tokkummaa Oromoo cimsaa, Itoophiyaa utubuun badhaadhina yaadame bira gahuuf cimnee hojjechuu qabna
~~~
Sabni ijaaramee tokkoome adda addummaa isaa waliif kabajaa wantoota isa tokkummeessan irratti waliin hojjeta. Sanaanis injifataa ta’ee diinota isaa qaanessa.

Injifannichis kan dinagdeefi siyaasaa ta'uu danda'a. Injifannoo dinagdees ta’e kan siyaasaa fiduuf hunduu tumsuu qaba. Ummatnis ta’e dhaabbileen siyaasaa dhimma waloo irratti wal tumsuun hojjechuun ummataaf dursa kennuudha.

Biyya dinagdeen guddatte keessatti siyaasa tasgabbeessuun hin ulfaatu. Inni hunda dursu dhimma dinagdee ummataafi biyyaa guddisuu irratti hojjechuudha.

Sabni duudhaa isaa kabajaa waliin hojjete hin qaana’u. Bu’aan dadhabbii isaas gaarii ta’a. Biyyaafi saba isaaf bu'aa qabatamaa fiduu danda'a. Sabni akka sabaatti tokkoomes jaalala biyyaafi saba isaa ni qabaata. Namni sabaafi biyya isaa jaallatu immoo beekumsaafi ogummaa qabuun hojjetee jireenya dhuunfaa isaa bira darbuun guddina biyyaaf gumaachuu danda'a.

Sabni lakkoofsaan muraasa ta’an, garuummoo tokkummaa qaban Addunyaa kanaaf fakkeenya ta’an dhimma waloo isaanii dabarsanii ormaaf kan hin laanne, jaalala biyya isaanii kan qaban, dhimmoota keessoo isaanii irratti kan wal hin dhabne, akka Addunyaattis kanaan kan beekaman biyyi Israa'el fakkeenya gaarii nuuf taati.

Tokkoomuu jechuun yaadaafi siyaasa walfakkaataa qabaachuu jechuu qofa miti. Dhimma fayyidaa uummataafi birmadummaa biyyaa irratti wal ta’uudha. Garaagarummaan yaadaas jiraachuu ni mala. Garuummoo waliif danda'uun beekumsaafi dandeettii, qabeenyaafi human keenya guddina naannichaafi biyyaaf gumaachuu qabna.

Dhimmoota waloo irratti wal ta’ii dhabuun miira itti gaafatamummaa dadhabsiisa. Sun ammo guddina biyyaaf gufuu dha. Wal ta’uun qabeenyaafi beekumsa jiru qindeessuun hojjechuun Oromiyaa qofa osoo hin taane guddina Itoophiyaaf gumaachuun dinagdeen biyya kanaa irra caalaatti akka guddatu ni taasisa.

Badhaadhina maatii mirkaneessuuf Oromoo hundi naannoo jiraatuufi wanta hojjetu irratti tokkummaan gamtoomee hojjechuun karoora badhaadhinaa akka biyyatti qabame haa mirkaneessinuun ergaa keenya.

“Dogoggora TPLF irraa waantota 7 baranna”:  MM Abiyyi Ahimad.. “…kabajamoo qondaaltota waraanaa, kabajamoo lammiilee kee...
10/01/2022

“Dogoggora TPLF irraa waantota 7 baranna”: MM Abiyyi Ahimad..
“…kabajamoo qondaaltota waraanaa, kabajamoo lammiilee keenyaa fi kabajamoo keessummoota keenya bakka kanatti argamtanii!

Dogoggora TPLF irraa waantota (torba) akka barannuun isin affeera. Yaadni-mandaraa-keessaa TPLF wal qoodiinsa uumuuf fide; jibbi, hammeenyi fi hattummaan TPLFn injifatamuuf isa geesise, fuulduraafis injifannoon qe’ee isaa akka hin geenye kan taasise amala hammeenyaa TPLF qaburra kan maddu ta’us, waggoottan sadan darban keessatti TPLF sirreessee yaaduu hanqachuu isaatiin, dhiibbaan inni uummata irraan geesisee arguuf (qabxiileen torban kun) nu gargaaru:

, Jijjiiramni erga dhufe as, uummatni Itoophiya dhiifama akka nuuf taasisu gaafannee, uummatnis yakka san irraanfatee, warra isa yakkanis ofitti qabee haammatee jiraachuuf osoo qophaa’uu, TPLF garuu adeemsa jijjiiramaa sana fudhatee, deeggaree dhaabbachuu hin dandeenye. Kanaanis dogoggora seenaa isa jalqabaa raawwateera. Dhiifama argate dhabee, badiin guddaan akka irra ga’u taasiseera.

, yeroo Paartiin Badhaadhinaa hundeeffame, TPLF kabajaa fi maqaa isaa irra darbee osoo Uummata Tigiraayif yaadeera ta’ee, Badhaadhina keessaa ba’uu dhiisee yookiin ammo lamatti qoodame gariin Badhaadhina keessatti osoo hafuu danda’eera ta’ee, lammiilee hedduu badii irraa hambisuu ni danda’a ture. Kana gochuu waan dadhabeef, ulaan hattummaa fi hammeenyaa TPLF banamee akka mul’atuu taasisee, waan hedduu mancaaseera.

filannoo dha. Yeroo Paartiin Badhaadhina haganas Nannoo Tigiraay keessatti filannoo irratti dorgomuuf qophaa’aa hin turretti, Heera Mootummaa TPLF mataan isaa barreessee keessatti Boordii Filannoo tokkoo fi humna waraanaa tokko qofatu jira kan jedhuu osoo barreeffamee jiruu, Boordii Filannoo dhiisee koree filannoo moggaasee, filannoo taasisuuf yaaliin inni taasise kisaara guddaa irraan geesiseera. Filannoo mootummaan federaalaa baasii isaa ramadee raawwachiisuu qabu, TPLF baasii isaa danda’ee “Filannoo Caraqaa” yookiin seeraan alaa geggeesseera. Kunis badii hedduu qaqqabsiise.

, haleelaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame. Haleellaan kun karaa hedduu kanaan dura ibsameera. Mee karaa tokko qofa ammaaf haa ilaallu. Qondaaltota kumaatamaan lakkaawaman, kan Raayyaa Ittisa Biyyaa waggoottan 20 fi isaa oliif tajaajilan, dhiigaa fi sanyii qofaan gurmeessee, Raayyaa Ittisa Biyyaa keessaa ba’aa jechuun uummata Tigiraayii fi TPLFn hedduu miidheera. Humna qabu kana osoo nu keessa tursuu danda’eera ta’ee, turban sadii keessatti injifachuun kan danda’amu hin ta’u ture. Dabalataan, humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa baasifaman kun anga’oota aangoo gurguddaa fi qabeenya gurguddaa qaban ta’anus, warren aangoo gad-aanoo qaban yoo xiqqaate osoo waggaa tokkoof turanii namoota damooza hin qabne, namoota miindaa sooromaa hin qabne, namoota biyya ganan hin ta’anu turan. Humna injifataa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa goranii, humna injifatamaa bira hin dhaabbatan turan.

, yeroo Maqalee gad-dhiifnee baane, naa ba’aniiru jedhee ragaduu dhiisee irra deddeebiin yaaduu osoo danda’ee, silaa lubbuu dargaggoota kuma hedduu du’a irra hambisuu ni danda’a ture.

’affaa, imalli TPLF gara Dasseetti taasise, akka waan irraan gadee adeemuu, osoo itti hin qophaa’in, osoo itti hin yaadin, haala quufsaa ta’een osoo of hin gurmeessin, osuma carraan uumameeffillee akkamitti biyya bulchuu akka qabu karoora osoo hin baafatin, akka jaamatti fiiguun isaa, injifannoo waan argatneef qofa galma kaawwatne bira darbinee adeemuu akka hin qabne irraa baranneerra. Humna kana deebifne ofirra faccisuuf tarkaanfii fudhanneen erga naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa baafnee booda, kana caalaa deemuun nu hin barbaachisu jennee kan murteessineef, imala jaamaa taasisuun, badiin TPLF irra ga’ee nurra ga’u akka hin waan baranneefi.

fi isa dhumaa, amma gara Naannoo Tigiraay seennee loluuf sababoota hedduu kan qabnu ta’us, hin seennu jennee erga dhabbannee booda, dhimma kana tasgabbiidhaan yeroo teenyee ilaalaa jirru kanatti, ammas TPLF hin boqonne. Har’as bitaa fi mirgaan nu tuttuquu barbaada. Dogoggora torbaffaa raawwachuuf kan adeemaa jiru TPLF injifannoo argachuun akka gonkuma hin taaneef kan beeku ta’us, dargaggoota Tigiraay irratti balaa du’aa fi badii kan geesisu waan ta’eef, dogoggorri torbaffaan kun osoo daangaa ce’ee hin ba’in, har’as nu hin tuttuqina, nurraa turaa jennee gorsuu barbaadna. Nu tuttuqxu yoo ta’e akkuma beekamu tarkaanfii cimaan isinirra ga’uu mala.

Obbolummaa uummattootaa

Kaleessa himata addaan kutnee, hidhamtoonni seeraa haa ba’an jennee yeroo murteessine, jaleen TPLF gariin akkawuntii Amaaraa fakkaatu banatanii, gariin ammo akkaawuntii Oromoo fakkaatu banatanii, nuyin waal nyaachisuuf osoo hin rafin bulaa jiru. Oromoo fakkaatanii, Amaara fakkaatanii yaalii hedduu taasisaniiru.
Amaaraa fi Oromoon amala waantota xixiqqoon walitti mufachuu qabu, kunis mufii haasaadhaan sirraa’u qabu dha. Garuu yeroo biyyi xuqamtu, ajandaa xixiqqoo dhiisanii tokkummaadhaan boolla tokko keessatti akka wareegamanuu taateleen ji’oottan darban argine hunda caalaaf TPLFif barumsa ta’eera. Kanaafuu fokkorsuun duwwaan kun akka addaan nu hin qoodne, akka nu hin dhaabne hubatanii nu tuttuquu irraa akka of qusatani fi dogoggora torbaffaa akka hin rawwanne gorsina.

Addunyaan kaanis ija isaa banatee, dhugaa akka barbaadu, waraana waggaa tokkof geggeeffame keessatti, mootummaa fi uummatni Itoophiyaa nagaa barbaadee nagaadhaaf barruu isaa diriirsaa, irra deddeebiin qaaxxeen irratti kan aggaamame ta’us, waltajjii idil-addunyaa irratti haqa kan dhabee ta’uusaa hubannus, ammas barruu nagaa diriirsine kana fudhachuu dhiisee, humna nu tuttuqaa jiru kana addunyaan ija isaa banee akka ilaaluu fi dhugaa akka barbaadu hubachiisuun fedha.

Uummata Tigiraay

Waggootan darban kana keessatti uummatni Tigiraay karaa siyaasaa, diinagdee fi dippilomaasi miidhaa guddaan irra ga’eera. Yeroon kun yeroo itti uummatni ija isaa banachuu qabu natti fakkaata. Uummatni Tigiraay ija isa banatee dhugaa akka ilaalu adaraa jechuun barbaada.

Uummata Itoophiya birootiif

Tokkoffaa haadholeen keenya ammas oli ilaalaa, Waaqa Uummaa keessan kadhachuu hin dhiisinaa. Lammaffaa, dargaggoota biratti keessayyuu Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota addaa naannoolee jajjebeessuu fi akka wal dubbisan taasisun addaan cituu hin qabu. Sadafaa, hunda caala iccitiin injifannoo keenyaa tokkummaa keenya eeguudha waan ta’eef, tokko ta’uun, idaa’amuun, waliin dhaabbachuun injifannoo fulla’aadhaaf waan nu geesisuuf, har’as idaa’amuudhaan tokko taatanii waliin dhaabbachuu keessanin hawwa. Nuti biyya bilisa taate abbooti keenya irraa dhaalleerra; biyya bilisa taatee ilmaan keenya dhaalchisuuf, fedhii keenyan gamatti, fedhii warren biros hubachuun kenninee fudhachuu qabna...”

Haasaa MM Abiyyi Ahimad kaleessa eebba Gamoo Ministeera Ittisa Biyyaa irrati taasisan keessaa kan fudhatame

Kunuusa bishaaniif biyyee eeguun wabiivjireenya namaaf beelladaa kan ta'e qilleesa qulqulluu oomishuu qofa osoo hintaane...
09/01/2022

Kunuusa bishaaniif biyyee eeguun wabiivjireenya namaaf beelladaa kan ta'e qilleesa qulqulluu oomishuu qofa osoo hintaane oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluudha!=========================
Amajjii 1-5-2014-Godina H/baha Aanaa malkaa Bal'ootti duulli misooma sululaa guyyaa har'aa Araddoota baay'ee keessatti karaa guutuu ta'een eegalee jira
Hojiin misooma sululaa kuniis Araddaa caffee waltahaatti jiila itti Aanaa Bulchaa Aanaa Aadde Haayaat Hassaniin durfamuun jalqabsiifamee jira!
Hojiin kuniis karaa guutuu ta'een ji'a lamaaf kan itti fufu ta'a!

Muddee 4/2014Mootummaa cimaa ijaarrachuuf gandarratti caasaa nageenyaa cimaa ijaarrachuu fi ummata abbaa nageenyaa godhu...
12/12/2021

Muddee 4/2014
Mootummaa cimaa ijaarrachuuf gandarratti caasaa nageenyaa cimaa ijaarrachuu fi ummata abbaa nageenyaa godhuun hedduu murteessaadha!
God/Har/Bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo Araddaa Mullisaa Haqaatti guyyaa arraa lewnjiin gaachana sirnaa gaggeeffamaa turee Bakka Bulchaan Aanaa Obboo Nuuraddiin Abraahimiifi Itti gaafatamaan waajjira Paartii obbo Usmaa'il Yuusuf Argamanitti bifa miidhagaa ta'een gaggeeffamaa oolee jira!
Warrii leenji'aa turtanii arra eebbifamtanii fi warri qophii kana fakkaatu qopheessitaniis galata guddaa qabdu
Jabaadhaa!

Baga geessan baga waliin geenye!========Ayyaanni Sabaa fi Sablammoota Ummattoota Itophiyaa kan marsaa 16ffaa akka biyya ...
06/12/2021

Baga geessan baga waliin geenye!========
Ayyaanni Sabaa fi Sablammoota Ummattoota Itophiyaa kan marsaa 16ffaa akka biyya keenyaatti kabajamu akka aanaa keenyaattiis bifa miidhagaa fi hedduu namatti toluun marii paanaaliitiin kabajamaa jira!
Dorgaa dorgiin baay'ee miidhagaa ta'ees ayyaana kana sababeeffachuun geggeeffamee jira!
Obbolummaan saboota sablammootaa fi ummattoota itoophiyaa daran cima malee baandaa fi juntaan hin laaffatu kan jedhu ijjannoon hirmaattonni agarsiisan kan baay'ee namatti toluudha!
dhugaa ni mirkaneessina!
Ayyaana gaarii

Abbichuun deemee eenyu qe'etti hafa jedha Dargaggoon Godina harargee bahaa=======Sirni geggeessaa Galaana Dargaggotaa Go...
05/12/2021

Abbichuun deemee eenyu qe'etti hafa jedha Dargaggoon Godina harargee bahaa=======
Sirni geggeessaa Galaana Dargaggotaa Godina Harargee Bahaa Raayyaa ittisa Biyyaatti makamaniif taasifame.

Address

Adama

Telephone

+251935009377

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bulchinsa Aanaa M/Bal'oo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share