Jaal A.Seenaa

Jaal A.Seenaa Freedom fighter

Gootichi WBO'n Zoonii GG Ona Meettaa Roobii Magaalaa laga roobii fi Ardaa faalleetti lola March 21/206 hidhattoota waraa...
23/03/2026

Gootichi WBO'n Zoonii GG Ona Meettaa Roobii Magaalaa laga roobii fi Ardaa faalleetti lola March 21/206 hidhattoota waraana mootummaa waliin godheen injifannoo Guddaa argate.

Lola kanaan:-Waraana mootummaa Abiy irraa hedduu yoo ajjeesu,hedduu maddeessee jira.,hedduu harkaan qabee argisiisee,Meeshaalee waraanaa garaagaraa 56

I U O'f

Dhuguma "artii keessaa lolli isa tokko"jedhee kanin yaadaa ture akkasuma ta'uun mirkaneeffadhe.Aartii yeroo eeggatee abb...
04/03/2026

Dhuguma "artii keessaa lolli isa tokko"jedhee kanin yaadaa ture akkasuma ta'uun mirkaneeffadhe.

Aartii yeroo eeggatee abbaan beeku akka taphachuu danda'u hojiilee aartii gara garaa irraa arginee jirra.

Lolli Iraan takkittiin guyyoota walitti aanan shanan Ameerikaa fi Israa'el dabalee biyyoota saddeet (8) irratti goochaa jirtu sodaatamuu isii keessa darbee kallattii lolaa bifa baay'eetti jijijjiiree,raafama addunyaatti fidee jira.

1.Meeshaan ttisa Misaa'elaa Ameerikaa ( Iron dome) jedhamu biyyoota Arabaa fi Israa'el keessa dhaabbatan, walumaa gala qabeenyi waraanaa fi nageenyaa Amerikaan baha giddu galeessaa qabdu Misaa'ela Iraan ittisuu dadhabuu keessa darbanii Iraaniin manc**famuu isaanii argina.

2.Tiraamp hundee (duubbee) irra dhaabbatee Iraan lolu (Base)dhabuun UK gargaarsa kadhatee ture.Isiinis akka heeyyamtuuf waltajjii irratti walii galanillee booda UK'n gaabbii argisiiftee jirti.

3.Israa'el qondaalota mootummaa isii gara hundumaa biyya gadi dhiisanii gara Jarmanitti akka baqatan ajajjee turte.

4.Mootummoonni Awurooppaa lolli michuun isaanii Ameerikaan ofiin eegalte kun akka isaan hin hanqanne waan hubataniif michuu isaanii waliin lolatti galuuf murteessanii,garuu shakkii fi wal mormii keessa akka jirantu mul'ata.

Lola guyyaa shan gahe keessaa guyyoonni afur walitti aanan roga hundaan injifannoo Iraaniin itti fufee jira.

Ameerikaan carraa lolaa marsaa lammataa yaaluf doonii gurguddoo shanan qabdu keessaa takka qofa manatti hambisuun waraana 50,000 waliin bobbaaftee jirti.

Maaltu itti aana laata?

27/02/2026

Gootichi WBOn kibba bahaa keessa socho'u dheengadda halkan irraa aanaa Martii ganda Farqasaa Jawwii iddoo addaa Gabaa Ambaa Waajjiraa jedhamu keessatti 8 ajjeesee, 12 madeessuun kan irraa hafte ari'ee mooricha keessaa baasuun mooraa ishees abiddaan barbadeessee jira.
Aaanaa Gunaa ganda Moollamee Arjoo iddoo addaa Arjoo jedhamu keessatti 10 irraa ajjeesee, 15 madeessuun kan irraa hafte gargar bittinneessee jira.πŸ’ͺ

Gootichi WBO'n kibba bahaa kaleessa Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Dhankaakaa Qonnicha jedhamtu kan magaalaa magaalaa Asallaa irraa kiiloo meetira 9 irratti argamtu keessatti loltoota Bilxiginnaa maqaa sakatta'aa WBO'n bobbaate haleeluun 11 ajjeesee, 19 madoon adabuun lama jiraatti harkaan qabuun kan irraa hafte baqachiisee gara magaalaa Asallaatti deebisee jira.
Qawwee AKM 7, qawwee boodatti hafaa 1, hidhannoo sadii fi qophiilee hiikeera.πŸ’ͺ

ONM-ABO | Gurraandhala 27,2026

Injifannoo WBO Zoonii G.galaa guyyaa hardhaa πŸ’ͺ
27/02/2026

Injifannoo WBO Zoonii G.galaa guyyaa hardhaa πŸ’ͺ

18/02/2026

Jiini Gurraandhalli zoonii lixaaf itti fufaan ji'a guutuu milkii yoo jenne hin saalfannu. Guyyoota walitti aanan 8'f yoo xiqqaate meeshaa waraanaa gurguddaa irraa hanga xixiqqaatti 100 ol iddoo adda addaatti hiikamee jira

Dabalee guyyaa hardhaa zoonilee ABO-WBO zoonii lixaa, zoonii GG fi zoonii Kibba bahaaf guyyaa milkii wal fakkaataa itti gonfanne ture. Guyyaa hardhaa zoonilee sadaan kana irraa yoo xiqqaate meeshaa waraanaa gurguddaa irraa hanga xixiqqaatti 100 ol d**na irraa hiikamee galii qabsoo oromoo ta'ee jira.
Guuyyoota shan hin caalle darban gootichi (WBO'n) zoonii Harsadee AKM 50 olii fi meeshalee waraanaa gosa gara garaa irraa hiikuu ni yaaddattu.

Gurraandhala 15/02/2026WBO'n Zoonii Madda Albuudaa fi Zoonii GG guyyaa hardhaa injifannoo guddaa d**narratti galmeessen ...
15/02/2026

Gurraandhala 15/02/2026
WBO'n Zoonii Madda Albuudaa fi Zoonii GG guyyaa hardhaa injifannoo guddaa d**narratti galmeessen meeshalee gosa gara garaa hedduu hiikkatee jiraπŸ’ͺ

Gurraandhala 11/02/2026Injifannoo WBO zoonii lixaa.Goottichi hardhas G/W/L, Aanaa Mana Sibuu (Alaltuu Gombiii fi Geeboo ...
11/02/2026

Gurraandhala 11/02/2026

Injifannoo WBO zoonii lixaa.
Goottichi hardhas G/W/L, Aanaa Mana Sibuu (Alaltuu Gombiii fi Geeboo Daabbus) fi Aanaa Qondaalaa(Kamsii )dabalatee iddoo saditti lola lafa bal'aa irratti godheen meeshaalee waraanaa isnaayiparii fi AKM keessatti argamu hedduu irraa hiikee,diinas booji'ee jira.

Address

Oromia
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jaal A.Seenaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category