25/08/2024
Nɑmoonni Dhugaa faana Jiraatan,Yoomiyyuu ni xiqqeeffamu ni balaaleeffatamu, firaafi diinnis Yeroof waliin ta'ee irratti duuluun waanuma jiruudha.
Garuu, hangamuu irratti yoo doolanis guyyaa tokkoofis haa ta'u dhugaa injifatanii hin beekan!
Sobni gurmuu sobaa of duuba hiriirsee Namoota hedduutti dhugaa fakkaatus , warra daandii dhugaafi haqaarra imalaa jiran biratti gatii tokkollee hin qabu,hin qabaatus 👌
Sobni hangamuu baay'atee Gaara fakkaatus, dhugaa ta'ee hin beeku
Akkuma Gareen shiraafi cubbuu Oromoofi Oromiyaa dhabamsiifna jettee,jaarraa tokkoofi walakkaa oliif balleessuu dadhabdee ofuma isaaniitii wal balleessaa jiran kana jechuudha 👌
Dhugaan yoomuu injifataadha.
Atis Yaa barbaada dhugaa, Yaa gameessa xurree dhugaa beeku, hammamuu rakkattuus guyyaan ati ifatti baatee Saba Keetii fi biyya Keerratti, Alaabaa moo'ichaa mirmirsitee Saba Kee faana handhuura Biyya keenya Oromiyaarra burraaqxee,dhiichiftu fagoo miti,fagoos hin ta'u.
Oromoon gabrummaa kana jalaa bahuuf,waaqaa gaditti simalee gargaarsa humaa hin qabu 👌
Yoomuu qomoo Kee siin ala fira biraa hin qabu
Sumaatu Oromoofi Oromiyaaf fira dhugaa, fi haqaati.
kan haqa isaaf dhiigaafi lafeen qabsoo bilisummaa,walabummaafi Abbaa biyyaa sabni jaarraa waggaa hedduu lakkoofsisee,Amma gara jaarraa lamaaf deemtu sabarraa kaasuuf,lubbuu isaan falmaa gaggeessuuf diinaa waliin kukkee wal qabee kaleessaafi har'aas simalee hin jiru waan ta'eef jabaadhu goota Koo........
Sabni koo waan si qabuuf Egereen Saba Keetii yoomiyyuu Ifaadhaa.....WBO koooo..